GULAALLISIYAASA
Trending

Gulaallii: Yeroo walitti bu’iinsi itti fufee jiruu, kutannoo jabaa fi furmaanni siyaasaa hin jirretti hidhannoo hiikkachiisuun Itoophiyaaf nageenya waaraa hin fidu. Irra deebiin itti haa yaadamu!

Finfinnee, Waxabajjii 15/2024 – Adeemsi Hidhannoo Hiikkachiisuu, Hidhattoota Bittimsuu, fi Deebisanii Hawaasatti Makuun (DDR), Marii Biyyaalessaa fi Haqa Ce’umsaa cinaatti utubaawwan imaammataa sadan bulchiinsi Ministira Muummee Abiy Ahimad biyyattii rakkoolee mudatan irraa gara nagaa fi tasgabbiitti ceesisuuf hojiirra oolchaa jirudha. 

Ji’a Ebla keessa Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa, biyyattii keessatti nageenya itti fufiinsa qabu akka uumamuuf humnoonni hidhatan biyyattii keessatti socho’an meeshaa waraanaa hiikkachuu fi adeemsa haaromsaa Komishinii Haaromsa Biyyaalessaan durfamu irratti hirmaachuu akka qaban beeksise ture. “Gareewwan hidhatan hidhannoo hiikkachiisuu, tasgabbeessuu fi hawaasatti makuun siyaasa keenya fuula waraanaa irraa gara marii, bosona irraa gara galma walgahiitti ceesisu qabna,” jechuun manni marichi ibseera.

“DDR adeemsa siyaasaa walxaxaa waliigalteewwan nagaa sababoota bu’uuraa waldhabdeefi haalota hojimaataa ibsaniin durfamu qabudha”

Adeemsi DDR biyyoota waldhabdee keessa darban biratti nagaa fi tasgabbii waaraa argachuuf bu’uura amansiisaa ta’ee bal’inaan fudhatama kan qabu yoo ta’u, Itoophiyaa keessatti garuu adeemsichi akka milkaa’uuf wantootni dandeessisan barbaachisoo ta’an dhabamaniiru. DDR adeemsa siyaasaa walxaxaa waliigalteewwan nagaa sababoota bu’uuraa waldhabdeefi haalota hojimaataa ibsaniin durfamu qabudha. Waliigalteewwan akkasii, akkasumas mootummaa fi gareewwan hidhatan gidduutti nagaa buusuuf waadaa waliinii yoo hin jiraanne, hidhattoonni amantaa dhabuun adeemsa kana akka hin hordofne taasisuu mala. 

Rakkoon kun keessattuu naannolee walitti bu’insaan miidhaman Oromiyaa fi Amaaraa keessatti haala mootummaan Itoophiyaa adeemsa DDR raawwachiisuuf itti deemeen mul’ateera. Oromiyaa keessatti waldhabdee waggoota shaniif ture furuuf marii marsaa lamaan mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti gaggeeffame hin milkoofne. Haata’u malee, mootummaan loltoota kumaatamaan lakkaawwaman “harka kennachaa akka jiran” ibsaa jira. 

Haaluma walfakkaatuun, naannoo Amaaraa keessatti mootummaan naannichaa hidhattoonni Faannoo kumaatamaan lakkaawwaman waamicha nagaa mootummaan dhiyeesse hordofee “harka kennatan” leenjii kennuun hawaasatti makuu hima. Haa ta’u malee, naannolee lamaan keessatti gareewwan hidhatan [WBO fi Faannoo] hidhattoota haaraa leenjisuu fi galchuu itti fufaniiru.

Naannoo Tigraayitti ammoo waliigalteewwan adeemsa hojiirra oolmaa DDR ifatti tarreessan, Waliigaltee Nagaa Piritooriyaa fi waliigaltee raawwachiiftuu Naayiroobiitti mallattaa’e, guutummaatti hojiirra ooluu dhabuu isaanii mootummaan federaalaa waraana waggaa lamaaf gaggeeffamaa ture booda ce’umsa gara nagaa taasifamuuf kutannoo siyaasaa qabu isaa shakkii keessa galcha. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

“Harkifannaan kun gartokkoon hanqina qabeenya irraa madda. Haata’u malee, adda durummaan gama mootummaa federaalaa irraa kutannoo siyaasaa dhabuu fi qaamolee lamaan gidduutti walitti dhufeenya qajeelfama irratti hundaa’e jiraachuu dhabuun rakkoo kanaaf sababa ta’u”

Waliigaltee Piriitooriyaa keewwata 6 (f) jalatti qaamoleen lamaan “waliigalteen kun erga mallattaa’ee guyyoota 30 keessatti hidhattoonni ABUT meeshaa waraanaa salphaa dabalatee hidhannoo isaanii hiiksisuu xumuruuf” waliigaluu isaanii ibsameera. Kana malees, waliigaltee ‘Labsii Karoora Hojii Raawwachiiftuu’ Naayiroobiitti mallattaa’e keessa keewwata 2.1/D jalatti, “adeemsi meeshaalee waraanaa gurguddoo hiikkachuun, adeemsa humnoota alaa fi kanneen Raayyaa Ittisa Biyyaa hin taane naannicha keessaa baasuu waliin yeroo walfakkaataa fi haala walsimuun ni raawwatama” jedha. Itti gaafatamummaan raawwii tumaa kana mirkaneessuus mootummaa federaalaaf kenname.

Haa ta’u malee, waliigalteewwan Piritooriyaa fi Naayiroobii erga mallattaa’an baatilee 15 booda, Guraandhala bara kanaa, Pirezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay kan ta’an Geetaachoo Raddaa, loltoonni duraanii kuma 270 ol ta’an ammallee adeemsa DDR eeggachaa akka jiran ibsaniiru. 

Harkifannaan kun gartokkoon hanqina qabeenya irraa madda. Haata’u malee, adda durummaan gama mootummaa federaalaa irraa kutannoo siyaasaa dhabuu fi qaamolee lamaan gidduutti walitti dhufeenya qajeelfama irratti hundaa’e jiraachuu dhabuun rakkoo kanaaf sababa ta’u. Dabalataan, Koreen Waloo Gamtaa Afrikaa hojiirra oolmaa waligaltichaa hordofuu fi mirkaneessuuf aangoo qabu hordoffii taasisee argannoo isaa ummataaf ifa gochuu dhabuun rakkoo kan biraati.

Kunis adeemsi qaamolee idil-addunyaatiin mijeeffamee qaamolee walwaraanan lamaan irratti waliigalanillee kutannoo barbaachisu yoo jiraate malee milkaa’ina adeemsa DDR’f wabii ta’uu akka hin dandeenye agarsiisa. Adeemsi Hidhannoo Hiikkachiisuu, Hidhattoota Bittimsuu, fi Deebisanii Hawaasatti Makuu (DDR) Tigraay keessatti bu’aa qabeessummaan yoo hojiirra oole Itoophiyaaf fakkeenya gaarii ta’uu danda’a ture. 

“Qooda fudhattoonni idil-addunyaa Itoophiyaa keessatti pirojektoota DDR maallaqaan tumsuuf fedhii qabanis adeemsa raawwii isaa akkaataa haalota waliigaltee irra ga’ameen hordofuuf kutannoo dhugaa agarsiisuu qabu”

Walitti bu’iinsa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti adeemsifamaa jiruu fi naannoo Tigraay keessatti adeemsa DDR sirna qabeessaa ta’eefi seera irratti hundaa’e hojiirra oolchuu dadhabamuu ilaalcha keessa yoo galu, adeemsi DDR olola miidiyaa ta’urra darbee akka mala Itoophiyaa keessatti nagaa fi tasgabbii waaraa mirkaneessuutti ilaaluun hin danda’amu.  

Ammallee, maxxansi kun waldhabdee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti deemaa jiru furuuf mariin akka gaggeeffamu waamicha taasisa. Kunis adeemsa DDR bu’a qabeessa ta’eef haal-duree murteessaa ta’uu qofa osoo hin taane, dargaggoota Itoophiyaa miliyoonaan lakkaawwaman jireenya idileetti akka deebi’an murteessaadha.

Qooda fudhattoonni idil-addunyaa Itoophiyaa keessatti pirojektoota DDR maallaqaan tumsuuf fedhii qabanis naannoo Tigraay dabalatee bu’aa barbaadame akka argamuuf adeemsa raawwii isaa akkaataa haalota waliigaltee irra ga’ameen hordofuuf kutannoo dhugaa agarsiisuu qabu. AS

Related Articles

Back to top button