ODUUSEERA FI HAQA
Trending

Oduu: Gulaalliin CPJ waggoota 5 darban walabummaan miidiyaa Itoophiyaa keessa jiru gadi bu’uu ifoomse

Finfinnee, Sadaasa 12, 2024 – Koreen mirga gaazexeessitootaaf falmu (CPJ) jedhamu Itoophiyaa keessatti walabummaan miidiyaa waggoota shanan darban keessa gadi bu’uu ifoomse.

CPJ’n kana kan jedhe akkaataa qabiinsa mirga namoomaa waggoota shanan darbaniif Itoophiyaa keessa turerratti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Mana Marii Mirga Namoomaatiif gabaasa yeroo dhiyeesseetti guyyaa har’aati.

Gaazexeessitoota jumlaan hidhuufi mana murtiitii osoo hin dhiyeessin tursiisuun Itoophiyaa keessatti walabummaan maxxansaa gadi bu’uu kan agarsiisu ta’uu CPJ’n yaa’ii gabaasa gulaallii waggoota darban shanan darbanii yaa’ii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 47faarratti guyyaa har’aa gaggeeffamaa jirurrattiidha.

Walabummaan miidiyaa gadi bu’aa dhufuu eeruun mootummaan Itoophiyaa hacuuccaa miidiyaarratti taasisu akka dhaabu CPJ’n gaafateera.

Hidhaa jumlaa, reebicha, arrabsoofi uggurri seeraa gaazexeessitoota mudachaa jiraachuu eeruun gabaasa Addis Standard kanaan dura dhiyeesse kan walabummaan miidiyaa gadi bu’uufi gaazexeessitoonni hidhamaafi biyya baqachaa jiraachuu ibsu mirkaneesseera.

Ajjeechaa gaazexeessitoota lamaatiin walqabatee rakkoon itti gaafatamummaa mirkaneessuu jiraachuufi reebichi ogeeyyii miidiyaarratti raawwatamu, humnaan miidiyaa cufsiisuufi gaazexeessitoota ugguuruun akka mul’atu gabaasichi addeesseera.

“Riifoormiin waggoota shanan darban raawwatame akkuma jirutti ta’ee miidiyaan Itoophiyaafi seerri farra shororkeessummaa sagalee dhugaa ukkaamsuun dhaabbilee miidiyaa cufsiisuufi gaazexeessitoota biyyaa ari’uuf sababa ta’eera,” gabaasichi jedheera.

Itoophiyaan bara 2020, 2021 fi 2023 biyyoota Sahaaraa gadii gaazexeessitoota hidhan sadii keessaa tokko ta’uu CPJ’n gabaasa waggaa waggaan baasuun ifoomsee ture.

“Sadarkaan kuni yaaddoon guddaan jiraachuu agarsiisa. Waggoota shanan darban keessa Itoophiyaan gaazexeessitoota jumlaan hidhaa turteerti,” jechuun CPJ’n akeekkachiiseera.

Aanga’oonni Itoopbhiyaa walabummaa miidiyaa kabajuun hojiirra akka oolchaniifi nageenya gaazexeessitoota akka tiksan waamicha taasiseera.

Gaazexeessitoonni hidhaman akka gadhiifaman, haleellaan gaazexeessitootarratti raawwatamu akka qoratamuun itti gaafatamummaan akka raggaasifamuufi seeronni mirga gaazexeessitootaa ugguran akka fooyyeeffaman CPJ’n gaafateera. AS

Related Articles

Back to top button