DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Gurmuun ogeeyyii fayyaa Ameerikaatti hundeeffame tola ooltummaan wal’aansa onnee laachuuf gara Itoophiyaa imaluufi

Finfinnee, Adoolessa 26/2024 – Dhaabbanni tola ooltummaa Hart Attaak Itoophiyaa (Heart Attack Ethiopia) jedhamu kan ogeessa wal’aansa dhibee onnee Ameerikaa, Atlaantaa Jorjiyaa jiraatan Dr. Tasfaayee Taliilaa, fi haati warraa isaanii Dr. Obsineet Maridiin hundeeffame duula wal’aansa onnee marsaa lammaffaatiif gara Itoophiyaa imaluuf qophii xumuraa jiraachuu beeksise.    

Dhaabbatichi Guraandhala 2024 keessa ergama jalqabaa milkaa’inaan kan gaggeesse yoo ta’u, yeroo sanatti garee doktoroota Ameerikaa tola ooltummaan hirmaachisuun, akkasumas Fandii Onnee Daa’immanii Itoophiyaa (CHFE) waliin ta’uun wal’aansa onnee fi ujummoolee dhiigaa sadarkaa olaanaa 32 raawwatee ture. 

Dr. Tasfaayeen akka jedhanitti, duulli lammaffaan Hagayya 19-30, 2024tti gaggeessuuf karoorfame kun yaalii baqaqsanii hodhuu, wal’aansa ujummoo onnee fi meeshaa onnee deeggaru galchuu, waliigalaan wal’aansa sadarkaa olaanaa 80 hanga 100 ta’u raawwachuuf karoorfataniiru. 

“Hafuura baafachuufi galchuun namoota fayyaa qabaniif gocha dadhabbii malee raawwatamudha, warra rakkataniif garuu kennaa hunda caalaa gatii guddaa qaba. Dhukkubsattoonni keenya harki caalaan isaanii bilisaan hafuura baafachuu hin danda’an, nuti qabeenya addunyaa kanaa baay’ee barbaachisaa ta’e, qilleensa, bilisaan hundaaf ni kennina,” jechuun Dr. Tasfaayeen Addis Standard’tti himaniiru. 

Garee ogeeyyii Ameerikaa tola ooltota 16 of keessaa qabu kun Itoophiyaa keessatti du’a dhibee onnee fi ujummoolee dhiigaan walqabatee yeroo maleen dhufu hir’isuuf yaala sadarkaa olaanaa fi tumsa eegumsa fayyaa itti fufiinsa qabu dhugoomsuu keessatti gahee olaanaa taphata. 

Kana malees, dhaabbatichi buufata fayyaa yaala onnee baqaqsanii hodhuu boodaa balaa kantaruu dhiigaa hambisuuf hundeessuufi sirna kunuunsa onnee fi ujummoolee dhiigaatiin walqabatee ogeeyyii eegumsa fayyaa biyya keessaatiif leenjii ni kenna jedhameera. 

Suuraa: Heart Attack Ethiopia

Kana malees, dhaabbatichi dhukkubsattoota irratti yaalii baqaqsanii hodhuu booda balaa uumamuu dhiigni akka hin dhangalaane ittisuuf kilinika balaa kana ittisu irratti xiyyeeffatu yeroo jalqabaaf hundeessuu, akkasumas ogeeyyiin sirna kunuunsa onnee fi ujummoolee dhiigaa irratti of danda’anii akka hojjetaniif leenjii kennuuf karoorfateera.

Duula marsaa lammaffaa kanaan, dhaabbatichi meeshaalee yaalaa doolaara miiliyoona 1 olitti tilmaamaman, deeggartootaa fi tumsitoota Ameerikaa irraa walitti qabamanis ni arjooma. 

Itoophiyaa keessatti dhukkubsattoonni dhibee onnee fi dhiphina ujummoolee dhiigaa 6000 ta’an yaalii argachuuf galmaa’anii eeggachaa jiraachuun gabaasaaleen ni mul’isu. AS

Related Articles

Back to top button