Xiinxala: “Guyyaatti al-tokko yeroon itti nyaadhu hedduudha”: Finfinneetti daballiin taarifa geejjibaa qaala’insa jireenyaa hammeesse
Yisaaq Indriis @Yishak_Endris
Finfinnee, Sadaasa 06/2024 – “Ciree fi laaqana osoo hin nyaatin oolee hojiidhaa yeroon bahu hiriirri geejjibaa dheeraatu na eega. Hanga tartiibni na qaqqabutti eeguun dirqama kooti. Nyaata malee waanan ooluuf lafti naan marti. Yeroon mana gahu waanuma manaa qabnu maatii waliin qooddannee rafna. Deebi’eemmoo ni bari’a, ni galgalaa’as. Jireenyi keenya kanuma.”
Kana kan jedhan jiraataa magaalaa Finfinnee daballii taarifa geejjibaa tibbana taasifame hordofee ijoollee isaanii lama waliin jireenya isaanii itti fufuu dadhabaniidha.
Magaalaa Finfinneetti taarifni geejjibaa haaraa hojiirra ooluun jiraattota magaala Finfinnee fi namoota magaalota ollaa irraa gara magaalittii deddeebi’aa hojjetan irratti qaala’insa jireenyaa daran hammeessuu Addis Standard’tti himan.
Daballiin gatii geejjibaa dhiheenya kana taasifame daballii kanaan dura taasifamaa turan irraa adda ta’uu kan eeran jiraattonni magaalattii, kunis sochii guyyaa guyyaa isaanii irratti dhiibbaa guddaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee Onkololeessa 06, 2017 ALI irraa kaasee taarifa geejjibaa haaraa ifoomsuun ni yaadatama. Akkaataa taarifa kanaatiin, kaffaltiin gadi aanaan gara qarshii 10tti ol kan guddate yoo ta’u kaffaltiin guddaan birrii 65 gaheera.
Kana malees, konkolaachiftoonni hedduu taarifa kaa’ame caalaa kafalchiisaa jiraachuu jiraattonni himuun kuni jireenya isaanirratti dhiibbaa uumuu dubbatu.
Biiroon geejjiba magaalichaa ibsa laateen, konkolaachiftoonni tokko tokko gatii kaa’ameen ol kaffalsiisaa jiraachuu amaneera. Konkolaachiftoonni kunneen taarifa kaa’ame kana imaltoota jalaa dhoksuun maaallaqa dabalataa kaffalsiisaa jiraachuu mirkaneessuus ibseera.
“Jireenyi koo jeeqameera. Ani hojjataa mootummaati. Mindaan koo ji’aan birrii 4,000 dha. Kanaan dura geejjibaaf birrrii 2500 baasii godha ture. Erga daballiin taarifaa taasifame asitti hanga 3500 ol geejjibatti baasa. Kana jechuun hojjadheen mindaa koo geejjibaaf oolcha jechudha,” jechuun jiraattuun maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan dubbatan.
Jiraattuun kun kanaan dura hojii bobbaatee galuusheetiif kan galateeffatu ta’uu himuun amma garuu kunis ulfaataa ta’uu dubbatti.
Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Koyyee Faccee irraa deddeebi’uun magaala Finfinnee keessa kan hojjatan Obbo Wandasan Shifarraa, sababa daballii taarifaatiin jireenyi isaanii jeeqamuu dubbatu.
Ijoollee guddisaa jirruuf jecha anaafi haati manaa koo nyaata gahaa hin soorannu” – Wandasan Shifarraa
Abbaa ijoollee lamaa ta’uu kan dubbatan obbo Wandasan, “durumaa haala rakkisaa keessan ture. Mindaan ani argadhu nyaata, kaffaltii mana barumsaa ijoollee fi geejjibaaf qoqqoodee na geessee hin beeku. Anaafi haadha manaa kootu waahillan irraa liqeeffachaa of tumsaa turre malee ji’aan na gahee hin beeku,” jedhan.
Itti aansuun, “ijoollee guddisaa jirruuf jecha anaafi haati manaa koo nyaata gahaa hin soorannu. Laaqanaafi irbaata osoo hin nyaatin yeroo dabarsinu ni jira. Sababnisaas ijoollee of hin beekin xixiqqoo waan qabuufi,” jedhan.
Qaala’iinsi jireenyaa gama geejjibaafi meeshaalee birootiin dabalaa jiru jireenya maatii isaanii yaaddoo keessa galchuu obbo Wandasan ni himu.
Jiraattuun magaala Finfinnee biraa kan dhaabbata dhuunfaa iddoo Lidataa jedhamu argamutti hojjattu kan mindaan ishee 10,000 ta’e tokko, “qaala’iinsa jireenya amma jiru kanaan mindaan koo ji’aan na gahee hin beeku” jetti.
Jiraattuun haadhashee waliin akka jiraattu himtu kuni baasii mana keessaatiif mindaa ishee kuni gahaa akka hin taane himuun “qormaata keessa galleerra” jetti.
Yeroo hojiidhaa itti baanutti konkolaachiftoonni gatii dachaan nu kaffalchiisu” – Jiraattuu magaalaa Finfinnee
Daballiin taarifaa taasifame kuni “yeroosaa kan hin eegganne fi fudhatama kan hin qabnedha” jechuun ibsiti.
“Naannoon jiraadhu Kaarraa jedhama. Kaarraa irraa gara Lidataa deddeebi’een hojjadha. Taarifni taaksiin garmalee dabaleera. Keessumaa yeroo hojiidhaa itti baanutti konkolaachiftoonni gatii dachaan nu kaffalchiisu. Dirqama kaffalla. Yookiin geejjibichaa addaan kukkutuun maallaqa dabalataa akka kaffallu nu taasisu.”
“Kaarraa hanga Lidataatti birrii 30. Achirraa hanga Ayyar Xeenaatti birri 15 ta’a. Dhaqaa gala birrii 90 geejjibaaf baasii goona. Kuni baasiiwwan biraa waliin yoo shallagamu xiinsammuu nama tuqa. Maalumaafuu yeroo gaarii nuuf haa fidu jenna,” jette.
Jiraataan magaalattii biraa Taakkalaa (maqaan jijjiirame) jedhaman, haala keessa jiran yeroo ibsan “guyyaatti si’a tokko qofa yeroon itti nyaadhu heddudha,” jechuun mootummaa rakkoo qaala’iinsa jireenyaatiif furmaata akka barbaadu gaafataniiru.
“Mindaanan jiraadha. Ijoollee laman qaba. Isheen tokko kutaa saddeet baratti. Ishee xiqqoon immoo kutaa shan geesseetti. Haati manaa koo kilinika dhuunfaa keessa keessummeessituu taatee hojjatti. Lamaan keenyayyuu baasii keenya shallagnee yeroo ilaallu ji’a kan geenyu leeyyoofneeti. Guyyaatti si’a tokko qofa yeroon itti soorannu hedduudha,” jedhan.
Itti dabaluun, “ciree fi laaqana osoo hin nyaatin oolee hojiidhaa yeroon bahu hiriirri geejjibaa dheeraatu na eega. Hanga tartiibni na qaqqabutti eeguun dirqama kooti. Nyaata malee waanan ooluuf lafti naan marti. Akka kufuu na taasisa. Erga mana gahee waanuma manaa qabnu maatii waliin qooddannee rafna. Deebi’eemmoo ni bari’a, ni galgalaa’as. Jireenyi keenya kanuma,” jedhan.
Hiriyyoota hundarraa liqeeffadheen jiraadha. Yeroo hunda liqeeeffachuun nama qaanessa.”
Jiraattuun kutaa magaalaa Koyyee Faccee aanaa Tulluu Diimtuu kan biraanis daballiin taarifaa taasifame sochii geejjibaa irratti dhiibbaa uumuu himti.
“Mindaan koo birrii 7,400 dha. Yeroo ammaa mana kiraa, baasii nyaataa, geejjibaaf taasisu galii kooti ol ta’eera. Hiriyyoota hundarraa liqeeffadheen jiraadha. Yeroo hunda liqeeeffachuun nama qaanessa,” jette.
“Yeroo ammaa gatiin dabaluu malee kan hir’atu hin jiru. Gatiin midhaan nyaataa, geejjibaa ni dabala. Galiin keenya garuu achumatti waan hafeef qaala’iinsi jireenya hammaachaa jira,” jechuun daballiin taarifaa kuni namoota galii gadi aanaa qaban hubuu dubbataniiru.
Dhiibbaa daballiin taarifaa taasifame sochii geejjibaa irratti geessisaa jiru konkolaachistoonnis ni himu.
Konkolaachisaa mini baasii uummataa kan ta’e Geetahun, taarifni haaraa hojiirra oolfame gatii booba’aa jiruun kan wal gitu haa ta’u malee jireenya imaltootaa irratti dhiibbaa akka uume ibseera.
“Dhugaa dubbachuuf taarifni kuni konkolaachiftootaaf ni gita. Yeroo baay’ee imaltootaa waliin mormii keessa galla. Ummanni nama marara. Mootummaan mala deeggarsaatiin ta’ee tooftaa biraa osoo barbaade gaarii natti fakkaata,” jedhe.
Konkolaaachisaan biraa maqaansaa akka hin eeramne gaafate, “taarifni dabalame konkolaachiftootaaf gahaa ta’us imaltootaaf rakkisaadha,” jedhe.
“Taarifa si’a tokkoo hanga birrii 10 dabaleera. Inni kuni wanta haaraadha. Kanaan dura birrii lama yookiin sadiitu dabalama ture. Ummanni kana hin barre. Daballiin kuni imaltootarratti bu’e. Baasii biraarratti dabalataan baasiin geejjibaa kuni imaltoota hubeera. Mootummaan kanarratti tarkaanfii osoo fudhatee gaariidha,” dabalee jedhe.
Gorsaa Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa kan ta’an Obbo Ahmad Tusaa, ibsa Fulbaana 28, 2017 ALI kennaniin, gatiin boba’aa akka addunyaatti dabaluufi gatiin sharafa alaa dabaluu hordofee daballiin taarifaa taasifamuu ifoomsaniiru.
Akkaataa kanaan gatiin boba’aa qaala’iinsa jireenya ilaalcha keessa galche hojiirra akka ooluu taasifamuu eeraniiru. Deeggarsi boba’aa waggaa tokkoof turu hojiirra oolfamuus himaniiru. Akkaataa kanaan gatiin naafxaa adii 80% fi kan beenzinaa 75% deeggaramuu eerameera.
Gatiin gurgurtaa boba’aa liitira tokkoorratti hanga birrii saddeetii daballii taasifamuu hordofee ogeessi diinagdee maqaansaa akka hin eeramne gaafate yaada Addis Standardiif kenneen, daballiin gatii boba’aa kuni qaala’iinsa jireenyaa hammeessuu akka danda’u seenaa yeroo darbee akka ragaatti wabeeffachuun dubbateera.
Daballiin gatii boba’aa kuni “qaala’iinsa jireenyaa gabaa keessa ture daran hammeessuu danda’a” jedheera. AS