DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Haadiyyaatti hojjettoonni hospitaalaa 300 ol mindaan hin kaffalamneef lagannaa hojii gaggeessaa jiru

Finfinnee, Adoolessa 23/2024 – Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa godina Haadiyyaa aanaa Baadawaachoo keessatti kan jiraatan hojjettoonni hospitaala sadarkaa tokkoffaa Shonee 300 ol mindaan ji’a lamaa waan isaaniif hin kaffalameef Jimaata Adoolessa 19, 2024 irraa kaasee lagannaa gaggeessaa jiru. 

Ogeessa fayyaa hospitaalichaa maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko Addis Standarditti akka himetti, lagannaan kun si’a sadaffaaf kan gaggeeffame yoo ta’u hoggansi hospitaalichaafi bulchiinsi aanaa Baadawaachoo kaffaltii mindaa raawwachuu dhabuu isaanii lagannaa hojjettoonni gaggeessaa jiran kanaaf sababa ta’eera. 

“Sababa mindaa dhabuu keenya kanaan wantoota barbaachisoo ta’an bitachuu fi ijoollee keenyaaf nyaataa dhiyeessuuf rakkachaa jirra. Mindaan keenya akka nuuf kaffalamu gaafachuuf hojii dhaabnee jirra,” jedhe.

Mindaan isaanif hin kaffalamiin hafe kan Caamsaa fi Waxabajjii ta’uu kan eere hojjetaan hospitaalichaa kun, haa ta’u malee hoggansi hospitaalichaa fi bulchitoonni kaffaltii ji’a Caamsaa dhiisanii mindaa ji’a Waxabajjii qofa akka fudhatan yaada dhiyeessuu himeera. “Hojjettoonni baay’ee yaada kana kuffisaniiru. Gaaffiin keenya waan deebineef Jimaata eegalee lagannaarra jirra.”   

Daarektarri Meedikaalaa Hospitaala Shoonee Dr. Mohaammad Ahmad, kaffaltii duubaa ykn kuufama mindaa sadarkaa aanaa Baadawaachoo fi magaalaa Shoneetti jiru hojii hospitaalichaa irratti dhiibbaa geessisaa jiraachuu Addis Standarditti himaniiru. 

Akka daayirektarri hospitaalichaa jedhanitti, waajjirri faayinaansii godina Baadawaachoo xalayaa barreesseen lakkoofsi hojjettootaa akka adda baafamuu fi hojjettoonni mindaa ji’a tokko fudhatanii akka mallatteessan hubachiiseera. Haa ta’u malee hojjettoonni mindaa ji’a lamaa erga argataniin booda qofa akka mallatteessan ibsuun ajaja darbe kuffisaniiru.

“Hojjettoonni muraasa mindaa ji’a Waxabajjii fudhatanii ‘payroll’ irratti mallatteessaniiru. Kanneen hafan garuu mindaa Waxabajjii fudhannee yoo mallatteessine kan Caamsaa nu dhabsiisa jedhanii waan sodaataniif didaniiru. Hojjettoonni kunneen mindaan isaanii gara bara baajataa itti aanutti akka darbu fedhii akka hin qabne ibsaniiru.”

Hojjettoonni muraasa ammallee hojjechaa akka jiran kan eeran Dr. Mohaammad, hojiin hospitaalichaa garuu gar-tokkoon daqamuu himan. 

Dr. Mohaammad dhimma rakkoo kaffaltii mindaa kana bulchiinsa godina Haadiyyaa fi naannoo Guiddugaleessa Itoophiyaatti kan beeksisan ta’uus, deebii ‘rakkoo maallaqaatu jiru’ jedhu itti laatamuu himan. 

Godina Haadiyyaa keessatti mindaan hojjettootaa harkifatee mormii yeroo kaasu kun kan jalqabaa miti. 

Ebla bara 2023 keessa hojjettoonni mootummaa sababa harkifannaa miindaan mormii gaggeessuu fi adeemsa hiriira mormii kana keessatti tarkaanfii poolisiin mormitoota bittinneessuuf fudhateen namoonni sadii poolisiin reebamanii gara hospitaalaatti geeffamuu Addis Standard jiraattota wabeeffachuun gabaase ture.

Caamsaa 2023 ammoo hojjattoonni mootummaa mindaan isaanii ji’a sadiif hin kennamneef mormii dhiheessuu isaanitiin walqabatee namoonni 40 ol hidhamuun isaanii ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button