ODUUSIYAASA

Oduu: Haleellaa daangaa naannolee Tigraay fi Affaaritti raawwatameen daa'ima dabalatee namoonni nagaa torba ajjeefaman

Finfinnee, Caamsaa 22/2024 – Daangaa naannolee Tigraay fi Affaar, aanaa Raayyaa Azabootti Wiixata darbe halkan walakkaa haleellaa hidhattoonni eenyummaan isaanii hin beekamne raawwataniin daa’ima waggaa kudha tokko dabalatee namoonni nagaa torba ajjeefaman. 

Bulchaa Aanaa Raayyaa Azaboo Tazarraa Getaahun, qaamoleen ajjeechaa kana raawwatan naannoo Affaar irraa akka dhufan Addis Standard’tti himaniiru. 

“Qaamoleen kunneen daa’ima ganna 11 dabalatee tiksitoota halkan walakkaa osoo rafaa jiranii ajjeesan,” jechuun Tazaraan ibsan.

Itti dabaluunis haleellaan kun tiksitoota kunneen irratti qofa kan hin xiyyeeffanne ta’uu fi akka tasaa kan raawwatame ta’uu eereera.

Haleellaa kana hordofuun Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay miidiyaa hawaasaa irratti ibsa baaseen, qaamoleen kunneen madda isaanii naannoo Affaar irraa ta’uu mirkaneesse.

“Bulchiinsi Yeroo Tigraay eenyummaa isaanii itti dhiyeenyaan hordofaa kan jiru yoo ta’u, yakkamtoota adda baasuu fi to’annoo jala oolchuuf tattaaffii taasifamu cimsee itti fufa” jedha ibsichi.

Bulchiinsi yeroo naannichaa qorannoo gaggeessaa jiru irratti bu’aa argame uummataaf akka beeksisu ibseera. Dabalataanis, mootummaan naannoo Affaarii fi Komishiniin Poolisii Federaalaa namoota yakka kana raawwatan seeratti akka dhiyeessan gaafateera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Tazaraan sababa haleellaa kanaa irratti qorannoon yeroo ammaa gaggeeffamaa akka jiru Addis Standard’tti himaniiru. AS

Related Articles

Back to top button