
Finfinnee, Guraandhala 14/2025 – Naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaa aanaa Efraataa Gidim ganda Zanbootti haleellaa dirooniin mana jireenyaa irratti rawwatameen dubartii ulfaa fi daa’ima ganna jaha dabalatee namoonni nagaa sadi ajjeefamuu miseensi maatii Addis Standard’tti hime.
Miseensi maatii namoota miidhaman maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate tokko akka jedhetti, haleellaan kun Jimaata darbe Guraandhala 7 halkan walakkaa raawwatame. ”Haleellaan kun fira koo ulfa taatee, intala ishee ganna jahaa fi dargaggeessa mana itti aanu jiraatu ajjeese,” jedhe.
Itti dabaluunis abbaan warraa haadha kanaa fi abbaan daa’ima ganna jahaa yeroo sanatti hojiif waan fagaateef lubbuun hafuu eeruun, “mucaan ganna 10 kan biraa akka malee miidhamee yeroo ammaa yaala argachaa jira” jedheera.
Miseensi maatii kun itti dabaluudhaan manni, horii fi midhaan kuufame barbadaa’uu dabalatee miidhaa qabeenya irraas akka gahe ibseera. ”Haleellaa kanaan kasaaraan birrii miliyoonaan lakkaa’aman mudate,” jedhan.
Namni taatee uumame ijaan arge kan biraanis, haala ture yeroo ibsu “dhohinsa cimaa dhageenye. Yeroo achi geenyu manni diigamee, reeffa lafarratti argine. Ganama ammoo haleellaa diroonii ta’uu isaa badii uumame irratti hundaa’uun hubanne” jedhe.
Akka namni ijaan arge kun jedhutti, namni haleellaa kanaan haadha warraa, daa’ima garaatti jiruufi mucaa isaa dhabe yeroo ammaa obboleessa isaa bira jiraachaa jira. ”Hawaasa biratti nama kabajamaa ture. Amma garuu sababa qabeenyi jalaa barbadaa’eef rakkoo keessa jira,” jedhe.
Itti dabaluudhaanis jiraattota gandichaa biratti sodaan guddachaa dhufuus dubbateera. ”Maatii 20 hanga 30 ta’an halkan halkan mana isaanii keessa ba’u. Kanneen hafan yeroo hunda sodaa keessa jiraachaa jiru” jechuun dubbate.
Jiraataan kan biraa gama isaatin haleellaa kana walitti bu’iinsa humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti taasifameen walqabatee kan uumame ta’uu kaase. ”Asitti waldhabdeen baramaa dhufeera. Haleellaan dirooniin kun Faannoof kan yaadame ta’uu danda’a garuu bakka hin taane rukutee namoota nagaa ajjeese,” jedhe.
Naannoo Amaaraa keessatti kanaan duras irra deddeebiidhaan taateewwan walfakkaatan mudachaa turaniiru. Sadaasa bara 2024 keessa walitti bu’iinsa haleellaa dirooniin deeggarame godina Goojjam Lixaa magaalaa Durbeet keessatti uumameen namoota nagaa fi hidhattoota dabalatee lubbuun namoota hedduu galaafachuu ni yaadatama.
Jiraattonni naannichaa yeroos akka jedhanitti, loltoonni Faannoo naannoo leenjii fudhachaa turan keessatti ajjeefaman.
Naannoo Amaaraatti humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti walitti bu’iinsi itti fufee jira. Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa fi aanga’oonni naannoo dhuma baatii Fulbaana bara 2024 “hojii seera kabachiisuu” hanga “nageenyi guutummaatti deebi’utti” akka itti fufu erga beeksisaniin booda waldhibdeen hammaateera. AS