AADAA FI AARTIIAF-GAAFFIISEERA FI HAQA
Trending

Af-gaaffii: 'Haqa dagachuun gaaga’ama amma keessa jirru kanatti akka kufnu nu taasise' - Maammoo Gadaa

Geetahun Laggasaa @Birmaduu2

Finfinnee, Waxabajjii 03/2024 – Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa aanaa Boosatitti bara 1940 kan dhalatan gameessi qabsoo Oromoo fi Artisti Maammoo Gadaa, sirboota fi walaloowwan isaanii ergaawwan jajjaboo qabaniin ala qooda siyaasa uummata Oromoo fi Itoophiyaa keessatti bahachaa turaniin beekamu. 

Kanaan durallee, miseensa mana maree bakka bu’oota uummataa turan.

Keessuumaa sirna Gadaa qorachuufi addunyaatti beeksisuu irratti gaheen gameessa kanaa olaanaadha. Akkasumas amantaan Waaqefannaa deebisee lubbuu akka horatu taasisuu keessattis gahee guddaa qabu.

Maammoo Gadaan karaa aartiifi qorannootiin aadaa Oromoo dagaagsu keessatti gahee olaanaa taphataniiru. Sirboota fi walaloowwan isaaniin ergaawwan nagaa fi araaraa dabarsuun kan beekaman artistiin kun, waldhabdee irra deddeebiin naannawaa itti dhalatanitti hawaasa Karrayyuu fi Minjaar (kan naannoo Amaaraa) gidduu mudatu araarsuuf yaalii cimaa gochuun beekamu.

Gameessi umrii 76 kuni tibbana faawundeeshinii duudhaalee sirna haqaa Oromoo ganamaa irratti hojjetu ‘Faana Haqaa’ jedhamu hundeessaniiru.  Akka Maammoon jedhanitti, faawundeeshiniin kun duudhaafi safuu Oromoo durii deeebisuuf kan hojjatu yoo ta’u, keessumaa hawaasa keessatti sirna haqaa dagaagsuu kan kaayyeeffateedha. 

Faawundeeshiniin ‘Faana Haqaa’ Caamsaa 26, 2024 abbootii Gadaa, hayyoota, aanga’oota, artistootafi namoota beekamoo argamanitti ifatti eebbifamee hojii eegaleera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Obbo Maammoon waa’ee hundeeffama faawundeeshinichaa fi hojiilee hojjechuuf karoorsan ilaalchisee turtii Addis Standard waliin taasisaniin, kaayyoo faawundeeshinii kana galmaan gahuuf sirna bulchiinsa siyaas-dinagdee Gadaa deebisanii ijaaruun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Af-gaaffii bal’aa Addis Standard Afaan Oromoo waliin taasisan akka armaan gaditti dhiyaateera.  

Addis Standard: Kaayyoon faawundeeshinichaa maali?

Maammoo Gadaa: Kaayyoon ijoon faawundeeshinichaa xiin-sammuu hawaasaa keessatti haqa dagaasuufi haqa hawaasaa mirkaneessuu keesssatti gahee olaanaa bahachuudha.

Namni dhugaa dubbatu ni miidhaga, ni guddata. Namni dhugaa hin dubbannee hin miidhagu. Dhugaa dubbachuun fayyaa sammuu keenyaatiif bu’aa qaba. Haqni waa hunda of keessaa qabdi. Haqa eenyummaa namaa taate tana deebifnee namni haqaan akka jiraatu taasisuun rakkoolee  siyaas-dinagdee amma mul’atan kanaaf furmaata kennuu dandeenya. Faawundeeshinii kan dhaabuun kanaaf barbaachise. 

AS: Kaayyoo faawundeeshinichaa dhugoomsuuf maal karoorfattan? 

Maammoo: Hawaasa karaa adda addaan barsiisuuf kaayyeeffanneerra. Karaa miidiyaa, walaloo, asoosama, sirbaafi diraamaatiin ergaan haqaa hawaasa bira akka gahu taasisuudhaani.

AS: Faawundeeshinichi maalirratti xiyyeeffata? 

Maammoo: Faawundeeshiniin haqni siyaasaafi amanataadhaa oli jedhee amana. Kanaafuu, jaalaafi kaayyoodhaan jiraachuun barbaachisaadha. Hunduma dura namni kamiyyuu haqaaf dursa kennuurratti xiyyeeeffata. Namni haqaaf jiraatu ni miidhaga.

Akka biyyaatti wal sobuufi wal ganuun akka hin niraanne haqaan hojjachuun murteessaa waan ta’eef dhimma kanarratti xiyyeeffannee hijjachuu barbaanne.

Rakkoon tokkummaafi waliigaltee dhabuu kuni haqarraa maquu hordofee kan uumameedha. Kanaafuu haqa barbaannee argachuun cubbuu nurra gahaa jiru hambisuuf hojjachuu qabna.

Walumaagalatti, haqatti deebi’uun milkaa’ina, fayyaafi nageenya buusa waan ta’eef sirna haqaatti akka deebinu kan hojjatuudha.Faayidaa haqaa beeksisuudha. 

Hawaasni ammaa kuni abshaalummaatu nama baasa malee haqni nama hin baasu yaadni jedhu dhaloota keessatti uumamaa jira. Abshaalummaan garuu wal dhabdeefi gadadootti nu galchaa jira. Kanaafuu haqaan waliin jiraachuun jaalaafi wal amanataa akka dagaagu taasisa waan ta’eef abshaalummaan badii ahamaa namarraan waan gahuuf faayidaa yeroof  jennee haqa akka hin maqsine karaa haqaa barsiisuudha.

AS: Caasaan faawundeeshinichaa maal fakkaata? 

Maammoo: Faawundesshiniin kun Abbootii Gadaa, hayyoota, jaarsolii biyyaafi namoota sirna haqaa irratti amantii qaban of keessatti kan hammatu ta’a. 

Faawundeeshinicha boordii hoggansaa qaba. Hoji gaggeessaafi miseensota of keessaa ni qaba. Namoonni yaadaa fi qabeenyaan nu gargaaruu barbaadaniifi miidiyaalee of keessatti kan hammatuudha. 

Miseensonni dhaabbaticha buusii xiqqoo gochuun kaayyoon dhaabbatichaa galma akka gahu ni gargaaru. Kana malees, anmoota yaadaafi kaayyoo haqaa qabu kamiyyuu nu waliin hojjachuu ni danda’a.

Keessumaa namoonni sirna haqaatiif jaalala qaban hirmaannaa akka taasisan waamicha taasifna. 

Faawundeeshinichi seera ittiin bulmaataa kan qabu yoo ta’u akkaataa dambii kanaatiin buusii taasisuun hirmaannaa akka taasisukan labsu yoo ta’u nama yaadaaniifi ogummaa qabuun nu cinaa dhaabbatu hunda ni simata.

Kaayyoo kana namoonni xiqqoon galmaan gahu danda’a amantaa jedhu waan hin qabneef namoonni hirmaachuuf fedhii qabn hudni akka hirmaatana waamicha taasifna.

AS: Haqni faayidaa maali qaba?

Maammoo: Haqni nagaadha. Namni tokko keessoo isaatti nagaa qabaachuuf sobarraa of eeguu qaba. Haqni yoo jiraate tokummaatu ta’a, nagaatu ta’a. waliigalteen ni bu’a.

Sammuu qulqulluu qabaachuun furmaata rakkoo hundaati. Qaroominni jaalalli, tokkummaa, jagnummaa, miidhagniifii nagaan haqaan argama. Namni dhibee qulqulluu hin qabne dhibee sammuutiifis ni saaxilama. Kanaafuu, haqa qabaachuun murteessaadha.

Rakkoo addunyaa kuni kan maddu haqni dhabamuu horodfee walamantii dhabamuu hordofee kan uumamuudha.

Haqni addunyaa kanaaf baay’ee barbaachisaadha. Faayidaan hqaa hedduudha. Gidiraa baruun garuu miidhaa qaba. Faayidaa yerootiif hqa jallisuun jaamaa nama godha. Namni gidiraa hojjatu dhugaa hin qabu. Dhugaa dhabuun immoo rakkoo 

Haqni baay’ee barbaachisaadha. Haqa buusuun murteessaadha. Mammaksi Oromoo “Haqti ilmoorra nama mararti” akkuma jedhu haqni hunda caala bu’a qabeessadha.

AS: ‘Safuun Oromoo durii dhabameera’ jettanii yaaddu?

Maammoo: Eyyeen! Safuun Oromoon dur qabu kan dhabame sababa dhaloonni kuni haqarraa faayidaa dhuunfaa naanneessuu filateefi. Dallaa Oormoon dur ijaare suni diigamuu sabba ijoodha. Dallaa jechuun aadaafi duudhaa Oromoo durii irraanfachuudhaan walqabata.

Aadaafi safuu sana diiguun keenya wal amanataafi waliigalteen akka dhabamu nu taasiseera. Nagaas dhabneerra. Badhaadhinas dhabneerra. Gaag’ama amma keessa jirru kana keessatti akka kufnu nu tasiseera. Knaafuu hambaa abbootiin keenya ijaaraniiti deebi’uun barbaachisaadha. Hambaa isaaniitiif yaadannoo ijaaruu qabna. 

Abbootiin keenya haqaaf iddoo guddaa qabuu ture. Sababiinsaas faayidaan haqni qabu sirriitti hubataniiru. Oromoon roorroo alagaarraa itti aggaamamu hunda ofirraa qolachuun kan danda’e sabab haqaan buluuf ta’uu dagachuu hin qabnu.

Oromoon roorroo alagaarraa itti aggaamamu hunda ofirraa qolachuu kan danda’e sababa haqaan buluuf ta’uu dagachuu hin qabnu.

Maammoo Gadaa

Haqarraa maquun miidhaa ulfaataa akka qabu sirriitti hubachuun barbaachisaadha. Gorsa isaanii irranfachuu hin qabnu. Barnoota ammayyaa barachuun cinaatti duudhaafi safuu barachuun barbaachisaadha. Daandii abbootii keenyaarraa maquun tokkuummaa dhabuufi gaaga’ama hawaasummaa nutti fideera.

AS: Dhaamsi uummata Oromootiif qabdan yoo jiraate?

Maammoo: Kaayyoo faawundeeshinichaa siyaasa osoo hin taane haqa deebisuun safuu Oromoo durii deebsiuun nagaafi tokkummaa dagaagsuudha. Kana kaayyeffadheen faawundeeshinii kana ijaaruu ka’e. Namoonni kaayyoo kana keessatti gahee bahachuu barbaadan nu cinaa akka dhaabbatan waamicha taasisa. AS

Related Articles

Back to top button