
Finfinnee, Amajjii 15/2025 – Naannoo Oromiyaa godina Harargee Bahaa aanaa Kurfaa Calleetti Amajjii 13, 2025 galgala dargaggoonni lama magaalaa Maayaa irraa gara aanaa Guraawaa motoraan imalaa osoo jiranii rasaasa qaamolee nageenyaatin ajjeefamuu maatiin Addis Standard’tti himan.
Dargaggoonni lamaan ajjeechaan irratti raawwatame Kadiiree Shu’eebii fi Jaafar Abdulrazzaaq kan jedhaman yoo ta’u, lamaanuu jiraattota aanaa Guraawaa ganda Laaftoo ta’uu maatiin himaniiru.
Miseensi maatii dargaggoo Kadiiree maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan Addis Standarditti akka himanitti, dargaggoonni lamaan Wiixata darbe motor saaykilii ykn doqdoqqee haaraa bituuf gara magaalaa Maayaa dhaqanii yeroo deebi’aa turanitti galgala naannawa sa’aatii 2:00 irratti ajeefamuu himan.
“Ganama nagayaan nu biraa bahanii motorsaaykilii haaraa bituuf gara magaalaa Maayaa deeman. Erga bitanii booda galgala gara aanaa Guraawa Laaftootti motorsaykiliima haarawa bitaniin deebi’aa osoo jiranii miseensonni milishaa rasaasaan rukutanii ajjeesan,” jedhan.
Miseensonni milishaa lakkoosaan lama ta’an rasaasaan rukutanii erga isaan madeessanii booda achumatti gatanii biraa deemuu kan himan miseensi maatii kun, “boodarra hawaasni naannichaa ambulaansii waamuun gara hospitaala Guraawa geessanis lubbuu isaanii baraaru hin danda’amne’’ jechuun haala yeroos ture ibsan.
Sababii ajjeechaa kanaa garuu maatiin hanga ammaa akka hin beekne dubbatan. “Ijoolleen kun baay’ee xixiqqoodha, nama kamiinuus walitti bu’iinsa hin qaban. Ajjeechaan qaamolee nageenyaatin irratti raawwatame maaliif akka ta’e nuuf hin galle. Maatiin gadda guddaa keessa jira,” jedhan.
Jiraataan aanaa Guraawa Addis Standard dubbise kan biraanis dargaggoota lamaan akka beeku himuun, rasaasaan ajjeefamuu isaanii mirkaneesseera. “Yeroo ijoolleen kun rasaasaan rukutamanii du’an qaamaan arguu baadhuus, erga du’anii booda qaamaan deemee argeera.”
“Ijoolleen kun baay’ee naamusa qaban. Qaama mootummaa kamuu waliin walitti bu’iinsa kan hin qabne ta’uu nan beeka. Garuu maaliif akka ajjeefaman hanga ammaatti naaf hin galle,” jedhe.
Jiraataan kun itti dabaluun, qaamoleen nageenyaa ajjeechaa kana raawwatan yookiin shakkamtoonni hanga ammaatti to’annaa seeraa jala akka hin oolle dubbate.
Dhimma kana ilaalchisee Addis Standard waajjira bulchiinsaa fi nageenyaa aanaa Guraawa argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Kutaalee Oromiyaa garagaraa keessatti ajjeechaa lammiilee nagaa qaamolee nageenyaatin yeroo raawwatamu kun kan jalqabaa miti.
Amajjii 10, 2025 godina Booranaa magaala Mooyyalee ganda Shawaa Barreetti daa’imni ganna 14 “miseensota poolisiin” ajjeefamuu hordofee jiraattota biratti dheekkamsa kaasuu ni yaadatama. Ajjeechaa kana hordofuun uummanni magaalattii hiriira mormii baheera.
Haaluma walfakkaatuun godina Booranaa aanaa Miyootti Bitootessa 05, 2024 dargaggoon ganna 24 Qallaa Bonayyaa jedhamu qaamolee nageenyaa mootummaatin “haala suukaneessaa ta’een” reebamee ajjeefamuu Addis Standard gabaasee ture.
Boodarras milishoota ajjeechaa raawwachuun shakkaman jaha to’annoo jala oolchuu mootummaan beeksiseera. AS