ODUUSIYAASA

Oduu: Hayyoota fi ogeeyyiin Oromoo mariin biyyaalessaa eegalame 'fudhatama hin qabu' jedhan

Finfinnee, Waxabajjii 05, 2024 – Hayyoonnii fi Ogeeyyonni Oromoo adeemsa Komiishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa amma itti deemaa jiru kan balaaleffatan ta’uu ibsan.

Hayyoonniifi ogeeyyoonni Oromoo ibsa waloon baasaniin, adeemsi marii biyyaaleessaa “shira gowwoomsuu of keessaa qaba” jechuun uummanni Oromoo adeemsa kana “fudhatama akka dhabsiisu” gaafatan.

“Gareen Komiishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa jedhamee moggaafame kun adeemsa siyaasa gowwomsaa fi shiraa yeroo aangoo hacuuccaa fi cunqursaa Abiyyi Ahmad ummata irratti dheeressuudhaaf diriirfame waan ta’eef, nuti hayyootnii fi ogeeyyiin Oromoo gadi jabeessinee balaaleffanna,” ibsichatu jedhe.

Uummanni Oromoo shira kanaaf deeggarsaafi tumsa akka hin goone hayyoonni kunneen gaafataniiru.

Mariin biyyaalessaa paartilee mormitoota Oromoo of keessatti hin hammanne rakkoo siyaasa Oromootif furmaata waan hin taaneef fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsichi eereera.

Haa ta’u malee, mariin jedhame kuni “dhiibbaa cimaa” hawaasa idiladdunyaa irraa itti hammaachaa dhufe dandamachuuf maqaa marii biyyaalessaa jedhuun sobaafi fakkeessuu qofa waan ta’eef rakkoo siyaasaa kan hin furre ta’uu eerameera.

Hayyoonni kunneen, adeemsi marii kuni “rakkoo [siyaasaa Oromoo] walxaxaa” kan furu osoo hin taane sirumaa “waldhabdee jirurratti boba’aa dabaluuf deema” jedhaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

“Komiishiniin araara biyyaalessaa kuni murna aangoo irra jiru kan gaggeessitoota siyaasaa erga manni murtii walaba isaan gadhiisee illee, walitti fufiinsaan dararaa jiruu fi humnoota hidhatan bobbaasuun riphee loltoota deggartan jechuudhaan ummata nagaa boombiin fixaa jiruun waan hundeeffameef, nagaa dhugaa lafa qabachiisuuf akeeka qaba jedhanii abdachuun of gowwoomsuu dha,” ibsichatu dabalee jedhe.

Mootummaan biyya bulchu osoo biyyattiin rakkoo ulfaataa gama hundaa yeroo ammaa keessa jirtu keessa osoo hin seenin dura gaaffii marii biyyaalessaa irra deddeebiin dhiyaachaa ture mootummaan fudhatama dhoorakchuu ibsichi eereera.

Paartileen mormitootaa kanneen akka Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) irra deddeebiidhaan gaaffii marii biyyaaleessaa dhiyeessaa turuun ni yaadatama.Haa ta’u malee, mootummaan marii sanaaf qophii ta’uu dhabuun rakkoolee jiran humnaan ajjeechaa, reebicha, dararaa, wal’aansa fayyaa dhoorkachuu, hidhaa jumlaa, miidhaa saalaa, mormittoota siyaas humnaan dhabamsiisuufi gochoota hammeenyaa biroo raawwachuu itti fufuu ibsichi eereera.

Ibsichi yakkoota akka ajjeechaa jumlaa Abbootii Gadaa Karrayyuu, ajjeechaa Qondaala Siyaasaa ABO kan ta’an Battee Urgeessaa irratti raawwatame,ajjeechaa fi gocha hammeenyaa Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa fi Raayyaan Ittisa Biyya Ertiraa Fulbaana 18,2023 ummata nagaa irratti raawwachuudhaan mootummaa biyya bulchu yakkeera.

Mootummaan yakka akkasii raawwatu “marii biyyaalessaa” hundeessuudhaaf ga’umsaa fi hamilee hin qabu’ jechuun marichi dantaa paartii biyya bulchuu milkeessuuf kan hojjetu ta’uu ibsichi addeesseera.

Uummatni Oromoo adeemsa marii biyyaalessaa kana tumsuufi “meeshaa ta’uu” irraa akka of qusatu hayyoonni dhaamaniiru.

Kokasiin Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) dabalatee paartilee mormitootaa gurguddoo 11 of keessatti kan hammate Kokasiin Komishiniin Marii Biyyaalessaa marii “hunda hammataa ta’e” mijeessuuf kaayyoo qabate galmaan gahuu dhiisee “kaayyoo siyaasaa paartii biyya bulchuu raawwachiisaa jira” jechuun himachuu Addis Standard gabaasee ture. AS

Related Articles

Back to top button