Oduu: Naannoo Amaaraatti "hidhaan jumlaa" akka dhaabbatu Amineestii Intarnaashinaal gaafate

Finfinnee, Amajjii 29, 2025 – “Hidhaan jumlaa” naannoo Amaaraatti raawwatamaa jiru akka dhaabbatu Amineestii Intarnaashinaal gaafate.
Naannichatti mana murtii osoo hin dhiyaatin hanga ji’a afuriif namoonni hidhaa keessa tursiifaman jiraachuu dhaabbatichi ibseera.
“Gochaan hidhaa jumlaa naannoo Amaaraatti namoota kumaatamaan lakkaa’aman irratti raawwatamu cal’isanii ilaaluun qaaniidha,”daayreektarri Amineestii Bahaafi Kibba Afrikaa Tigeeree Chaagutaan jedheera. Sarbiinsa mriga namoomaa naannoo Amaaraatti raawwatamaa jiru addunyaan “cal’isee ilaaluu” akka hin qabnes eereera.
Fulbaana 28, 2024 irraa kaasee mootumman Itoophiyaa namoota baay’inaan gara mooraa hidhaatti galchuu Amineestiin himeera.
Dhaabbatichi ibsa Sadaasa 2025 keessa baaseen, namoonni mooraa hidhaa yeroo Daangilaa, Saraabaa, Cooorrisaafi Shawaa Roobiititti hidhamanii akka argaman ibsee ture.
Hidhaan jumlaa kuni lola humnoota mootummaafi faannoo gidduutti gggeeffamaa jiruun kan walqabatuudha jedhame.
Hojjattoonni mana murtii sadii Onkololeessa keessa gadhiifamaniin alatti kanneen hafan hidhaatti akka argaman Amajjii 2025 keessa ibsamee ture.
Chaagutaan, “namoota kumaatamaan lakkaa’aman mana murtiitti osoo hin dhiyeessin ji’ootaaf hidhaa keessa tursiisuun haqa mana murtii cabsuufi sarbiinsa mirga namoomaa ifa ta’eedha,” jechuun aanga’oonni namoota hidhuu ammas itti fufanii jiraachuu himeera.
Aanga’oonni Itoophiyaa namoota hidhaman kanneen akka gadhiisan Amineestiin gaafateera. AS