GULAALLISEERA FI HAQA
Trending

Gulaallii: Qondaaltota ABO seeraan ala hidhamuun isaanii sirna haqaa Itoophiyaa irratti balaadha

Finfinnee, Hagayya 05/2024 – Torbanoota darban keessa Ministirri Muummee Abiy Ahimad hoggantoota paartilee mormitoota adda addaa Itoophiyaa keessatti socho’an waliin marii taasisuu miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru. Haala idilee keessatti mariin paartii biyya bulchuufi hoggantoota paartilee mormitootaa gidduutti taasifamuu akkasii rakkoolee walxaxoo hawaas-dinagdee furuurratti gaheen inni qabu olaanaa ta’uun ifadha. 

Haa ta’u malee, mariin yeroo mirgi seeraa fi namoomaa gaggeessitoota paartilee mormitootaa walgahicharratti hin argamne sarbamaa jirutti adeemsifame kun bu’a qabeessa ture jechuun hin danda’amu.

Namoota walgahicha irratti dhabaman keessaa ijoon hoggantoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) waggoota afuriif sababa malee hidhamuun rakkoo walabummaa mana murtii Itoophiyaa keessa jiru kan agarsiisu qofa osoo hin taane, dimookiraasiifi haqni duubatti deebi’uu kan agarsiisuudha. 

Hawaasa dimokiraatawaa kamiyyuu keessatti olaantummaan seeraa hunda caalaa barbaachisaadha. Innis dhagaa bu’uuraa haqni irratti ijaaramuu fi ittiin mirkanaa’udha. Murtiin qaama haqaa yeroo tuffatamu, hundee dimokiraasii ni miidhama.

Haalli Itoophiyaa keessa jirus kanuma. Gaggeessitoonni ABO torba akka hiikaman manni murtii irra deddeebiiin ajaja dabarsus qondaaloonni kunneen mana hidhaa keessatti hambifamuun isaanii olaantummaa seeraa cabuu agarsiisa.

Addi Bilisummaa Oromoo irra deddeebiin, miseensonni koree hoji raawwachiiftuu paartichaa ajaja manni murtii irra deddeebiin baase cabsamee waggoota afurii oliif humnoota nageenyaan hidhamanii turuu qofa osoo hin taane, dararamaa jiraachuu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaatti iyyachaa tureera.

Hoggantoonni paartichaa kunneen naannoo Oromiyaa godina addaa Oromiyaa naannoo Finfinnee, yeroo ammaa magaalaa Shaggar jedhamuun moggaafame keessa manneen hidhaa adda addaa keessatti haala rakkisaa ta’een hidhamanii jiraachuu ABOn Guraandhala 2022 keessa ibse ture.

Hoggantoonni kunneenis yeroo dheeraaf seeraan ala hidhamuu isaanii mormuun nyaata lagatanii turan, kunis fayyaa isaanii daran miidheera. Yeroo baay’ee miseensonni maatii akka isaan hin daawwatne dhorkamaniiru.

Namni to’annaa humnoota mootummaa jala jiru tokko eessa akka jiru ykn haala akkamii keessa akka jiru ibsuu diduun akka dirqiin dhabamsiisuutti kan ilaalamuu, akkasumas seera mirga namoomaa idil-addunyaa kan cabsee fi seera yakkaa idil-addunyaan kan gaafachiisudha.

Mikaa’eel Booran, Kennasaa Ayyaanaa, Daawit Abdataa, Lammii Beenyaafi Gadaa Gabbisaa dabalatee hoggantoonni ABO buufataalee tursiisa al-idilee magaalota akka Mojoo, Awaash Malkaasaa, Galaan, Sabbataafi Burraayyuu argaman keessatti hidhamanii turaniiru.

“Miseensonni keenya tokko tokko magaalaa Galaan mooraa Humna Addaa Oromiyaa Sololi’aa jedhamu keessatti kophaatti hidhamaa jiru. Irra caalaan isaanii haala suukaneessaa keessa kan turanii fi maatiin akka hin daawwanne dhorkamaniiru,” jechuun dubbi himaan ABO waggaa lama dura Addis Standardiif ibsanii ture.

Baatii Caamsaa bara sanaa keessa Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) kan mootummaan deeggaramu qorannoo taasiseen hoggantoonni fi miseensonni ABO “seeraan ala hidhamuu” hubachuu ibsee ture.

Hoggantoonni kunneen hatattamaan akka gadhiifaman, mootummaan naannoo Oromiyaa qondaaltota isaa yakka kana duuba jiran akka gaafatufi qondaaltota hidhaafi reebichaan miidhamaniif beenyaan akka kaffalamu KMNI gaafatee ture.

Komishinarri KMNI duraanii Daani’eel Baqqalaa (PhD), “ajajni mana murtiifi abbaa alangaa irra deddeebiin sarbamuun hidhamtoonni seeraan ala akka hidhaman taasisuun olaantummaa seeraa cabsuu waan ta’eef mootummaan naannoo Oromiyaa hatattamaan qoratee tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu qaba,” jechuun dubbatanii turan.

Ji’a itti aanu Waxabajjii keessa Hiyumaan Riaayts Waach (HRW) qondaalonni olaanoo ABO torba ilaalcha siyaasaa isaanii qofaaf hidhaman hatattamaan akka gadhiifaman waamicha walfakkaatu dhiyeesse ture.

Namni to’annaa humnoota mootummaa jala jiru tokko eessa akka jiru ykn haala akkamii keessa akka jiru ibsuu diduun akka dirqiin dhabamsiisuutti kan ilaalamuu, akkasumas seera mirga namoomaa idil-addunyaa kan cabsee fi seera yakkaa idil-addunyaan kan gaafachiisu ta’uu HRW akeekkachiiseera. 

Poolisiin ajaja manni murtii irra deddeebiin dabarse hojiirra oolchuu dhabuun isaa rakkoo cabiinsa seeraa kan agarsiisu qofa osoo hin taane, sirna haqaa tuffachuu waan ta’eef furmaata hatattamaa argachuu qaba.

Haa ta’u malee, qondaaltonni ABO hidhamtoota sirna tika nageenya mootummaa ta’anii hafaniiru. 

Hiraarsi isaanii kan jalqabe Adoolessa 2020 yoo ta’u, ergasii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa dabalatee manneen murtii hedduutti himanni isaanii kan ilaalamee bilisaan akka gadhiifaman ajajni darbee ture. 

Maxxansi kun ergasii dhaddachoota mana murtii garagaraa irratti hidhamtoonni kunneen bilisa taasisuu isaa gabaasee ture. Poolisiin ajaja manni murtii irra deddeebiin dabarse hojiirra oolchuu dhabuun isaa rakkoo cabiinsa seeraa kan agarsiisu qofa osoo hin taane, sirna haqaa tuffachuu waan ta’eef furmaata hatattamaa argachuu qaba. 

Haalli kun haala mirgoota namoomaa fi walabummaa qaama haqaa Itoophiyaa irratti yaaddoo guddaa uuma.

Addi Bilisummaa Oromoo, jaarmiyaa siyaasaa ummata Oromoo biratti hordoftoota guddaa qabu, yeroo dheeraaf qaama siyaasa walxaxaa Itoophiyaa keessa tureera. Dhaabichi qabsoo hidhannoo keessatti hirmaachuun mootummaa Itoophiyaa miidhuuf hojjeta jedhamee himatni irratti kan dhiyaate yoo ta’u, Hayyuu Dureen dhaabichaa Daawud Ibsaa waggaa lamaaf manatti ugguramuu dabalatee hoggantoonni paartichaa rakkoo sirna haqaa bal’aadhaaf saaxilamaniiru.

Taateen kuni kan mudate paartichi qabsoo hidhannoo irraa waggoota dheeraaf of fageessuun qabsoo karaa nagaa erga eegalee boodadha. 

Qondaaltonni olaanoo ABO akkaataa ajaja mana murtiitiin gadhiifamuun rakkoo sirna haqaa waliigalaa kan sirreessu qofa osoo hin taane, kutannoo Itoophiyaan qajeeltoowwan dimokiraasii fi olaantummaa seeraatiif qabdu kan cimsuu fi haalli siyaasaa jiru heera mootummaatiin kan daangeeffamu ta’uu kan agarsiisudha.

Manneen murtii hoji gaggeessitoonni ABO kunneen akka gadhiifaman kan murteessan hojiimaata seeraa hordofuudhaani. Murtiilee kana tuffachuun adeemsa haqaa guutuu irratti gaaddidduu kan kaa’u yoo ta’u, kunis olaaantummaa seeraan osoo hin taane tapha siyaasaa akka ta’e agarsiisa. Kana malees, gochaan kuni aadaa itti gaafatamummaa dhabuu kan guddisuufi hojimaata dhaabbataa mirga lammiilee eegsisan kan laaffisuudha. 

Mootummaan federaalaa Itoophiyaa dhimma kana hatattamaan furuu qaba. Qaamni haqaa kabajamuu qaba, murtiin isaas loogii fi harkifannaa malee hojiirra ooluu qaba. Qondaaltonni olaanoo ABO akkaataa ajaja mana murtiitiin gadhiifamuun rakkoo sirna haqaa waliigalaa kan sirreessu qofa osoo hin taane, kutannoo Itoophiyaan qajeeltoowwan dimokiraasii fi olaantummaa seeraatiif qabdu kan cimsuu fi haalli siyaasaa jiru heera mootummaatiin kan daangeeffamu ta’uu kan agarsiisudha. AS

Related Articles

Back to top button