AS-Jabaa: ‘Hidhannoon mudhiirraa na bu’ee hin beeku’ - Weellisaa Suutee Baarentoo
Geetahun Laggasaatin
Finfinnee, Hagayya 24/2024 – Badhaasa Haacaaluu Hundeessaa marsaa sadaffaa barana Waxabajjii 29, 2024 gaggeeffame irratti artistoota gameeyyii beekamtiin laatameef keessaa tokko Suutee Baaretooti. Suuteen uummata isaaniif gumaacha bara dheeraaf taasisaniin badhaafamaa umrii guutuu jedhamuun beekamtiin laatameefi jira.
Suutee Baarentoo artiisota Oromoo kara aartiifi qabsootiin hidhatanii mootummoota abbootii irree fuuldura dhaabbachaa falmaa turan keessaa isa tokkoodha. Artistootaafi qabsaa’ota gameeyyii akka Abdii Qophee, Usmaayyoo Muusaa, Nadhii Gammadaa fi kanneen biroo waliin qabsoo keessa turuu himu.
Uummata Oromootin karaa weelluufi geerarsaan jajjabeessaafi tokkumeessaa, qabsoo Oromoos utubaa turan. Dirree waraanaatti bobbahuun madaa’uu dabalatee gatii guddaa kaffalan. “Qabsoo karaa hundaanuu hirmaadheera. Hidhannoon mudhiirraa na bu’ee hin beeku,” jechuun Addis Standard’tti himan.
Kana malees, ijoollee fi dargaggoota hedduu qubee Afaan Oromoo barsiisuu isaanii fi qabsoo hidhannoo Waraana Bilisummaa Oromoo yeroos gaggeessaa ture deeggartu jedhamanii yeroo garagaraa hidhaatti dabarsuu himan.
‘Aartiin durumaa keessa koo ture’
Artist Suutee Baarentoon godina Baalee aanaa Ginniiritti dhalatan. Barumsa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaas achumatti baratan. Haa ta’u malee, maatii magaala Dirree Dhawaatii waan qabaniif achii deddeebi’aa turuu himu. “Yeroo baay’ee Haragee jiraadheera.”
Sana booda akkuma barumsa isaanii xumuraniin guutumatti gara Dirree Dhawaa galan. Irra caalaa dargaggummaa isaanii Dirree Dhawaa naannawaa Laga Harree jedhamuutti dabarsan.
Suuteen naannawaa itti dhalatanii fi guddatan gara aartiitti akka galan gumaachuu himu. “Ani baadiyyaattiin dhaladhe. Naannawa keenyatti faaruu aadaa ni jira. Sanumarraa ka’ee walaloofi yeedaloo barreessuu eegale.”
“Sana booda yeedaloo fi walaloo barreesseen hayyoota akka Alii Shabboo, Abdii Qophee, Halloo Daawwee fi kanneen biroo irraa waa heduun baradhe. Walaloo barreesseen akka yaada naaf kennan gaafachaan ture. Deebiifi gorsi isaan naa kennanitti fayyadamuun sirba barreessuufi sirbuun eegale,” jedhu.
Aartiin duruma keessa koo ture kan jedhan Suuteen, namoota aartii beekanitti makamuun isaanii beekumsa aartii irratti qaban akka guddifatan isaan gargaaruu himan. “Artistoota angafoota kanneen walaloon koo sirba ta’uu danda’aa jedhee gaafachaa ture.”
Keessattuu akkaataa walaloo ittiin barraa’u Abdii Qophee irraa, akkasumas akkaataa yeedaloo itti qindeessan ammoo artistoota gameessaa Kadiir Sa’iid fi Aadam Haruun irraa barachuu himan.
Akkuma mootummaan Dargii bara 1983 ALI kufeen ammoo artiistonni Oromoo qabsootti akka makamaniif waamicha Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) taasise fudhachuun hawwisoo ABOtti makaman.
Sana booda gara waajjira ABO kan magaala Dadaritti argamutti imaluun artistoota biroo kanneen akka Imiir Yusuuf fi Halloo Daawwee waliin baandii hawwisoo Caffee Gadaa hundeessan. Achiis miseensa hawwisoo sanaa ta’uun hojjachuu eegalan.
Sirboota Qabsoo
Suuteen hanga ammaatti albama lamaafi sirboota qeenxee namoota biroo waliin hedduu hojjetaniiru. Sirboota jaalalaas haa qabaatan malee irra caalaan sirboota ergaa jajjaboo qaban kan tokkummaafi qabsoorratti xiyyeeffataniin hawaasa Oromoo biratti beekamtii argataniiru.
Isaan keessaa sirboonni akka ‘Goota Dhiiga Isaatiin Qabsoo Magarse’, ‘Carcar Xirroo’, ‘Firoo Shantamaa’, ‘addaan addaan hin baanu’, ‘bareedduu Oromoo’, ‘caaya ABO’ beekamu. Sirboonni koo tokkummaan oromoo cimsuurratti fulleeffatu.
Sirboota ergaa jabaa qaban keessaa tokko akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Adda addaan hin babaanuu
Nu wal malee homaa hin qabnuu (2X)
Waliigallee waldhaganyeeyyee tokkoo taanee haa qabsoofnuu (2X)
Adda addaan faffacaanee saba keenyaaf bu’aa hin buufnuu
Ofii walirratti duullee daboo diina keenyaa hin taanu
Hawwiidhaafi aangoo fedhii dhuunfaa dhiisaa
Oromiyaafi Oromoof hiriira sirreessa
Kunis sunis osoo tokko taanee duruu ifatti baanee (2X)
Qabsoo hidhannoo
Hawwisoo baandii WBO keessatti miseensa fi hogganaa ta’uun gahee olaanaa taphachaa kan turan Suuteen, hanga hawwisoo kana keessa turanitti qabsoo hidhanootiin hirmaataniiru. Bara mootummaa ADWUI keessa dirree waraanaa irrattis madaa’uu himan.
Hojii gama aartiin hojjechaa turan cinaatti irra caalaa jireenya isaanii qabsoo hidhannoo keessa dirree waraanatti dabarsuu kan himan Suutee Baarentoo, “hidhannoon mudhii kiyyarraa bu’ee hin beeku. Karaa hundaanuu hirmaachaan ture” jedhu.
Suuteen yeroo hedduu hidhaa keessa turaniiru. Keessattuu himata ‘ijoollee qubee Afaan oromoo barsiiftuufi WBO deegartu’ jedhuun yeroo garaagaraas hidhamaa turan.
“Yeroo tokko Finfinneetti waggaa saddeetiif hidhameera. Yeroo Eebbisaa Addunyaan wareegamu ani weellisaa Usmaayyoo Mussaa waliin mana hidhaan ture. Mana dukkanaa dabalatee iddoolee garaagaraatti hidhamaa turre.”
“Ani yeroo hidhaa turetti qabeenyi koo guutumatti saamameera. Qarshii baankiidhaa qabuufi qabeenya dhuunfaa kiyyaa guutumatti saamaniiru,” jedhan.
Bara dargaggummaa isaanii yeroo yaadatan cunqursa hedduu irra gahaa turuu himu. Keessattuu yeroo Dargii keessatti dhiibbaan aadaafi afaanii ture hammaataa ta’uu dubbatu.
“Magaalaa Dirree Dhawaatii alatti Afaan Oromootiin aartii hojjachuu hin dandeenyu ture. Nuti yeroo sanatti sorgoo fi sorkoodhaan sirba jaalalaa fakkeessinee ergaa siyaasa dabarsaa turre.”
“Qabsoon Oromoo kuni wareegama hedduu kafalchiiseera. Salphaatti as hin geenye. Lafee hedduu cabdeerti. Gootni hedduu biyyee uffate as gahe malee salphaatti as kan gahe miti. Waan amma jirullee akka salphaatti kan dhufe miti,” jedhan.
Uummatni Oromoo qabsoo bara dheeraa booda sadarkaa amma irra gahe akka isaan gammachiisu himan. “Akka ammaa Afaan Oromoo miidiyaarra dhagahamu kana hin turre. Afaan Oromoon dubbachuu, sirbuufi barreessuun ulfaataa ture. Kunis firii qabsoo dhaloota darbeeti,” jedhan.
“Nutis bara dukkanaa sana keessa Afaan Oromoofi uummata Oromoo osoo hin ganin as geenyeeerra. Kana boodas qabsoon ittuma fufa, qabsoon addaan hin citu.”
‘Nadhii Gammadaan kennaa rabbi Oromoof kennedha’
Suuteen akka jedhanitti, artistoota Oromoo isaan waliin turan keessaa kan akka Abdii Qophee yeroo dheeraaf, gara wagga soddomaa oliitiif, mootummaa cunqursaa waliin wal’aansoo walqabataa turan. “Namni akkasii nama qaaliidha, nama bakka hin buufamne.”
Waa’ee waahila qabsoo isaanii biroo Nadhii Gammadaa yeroo ibsan “inni kennaa rabbiiti” jedhan. Nadhiin yeroos hogganaa waajjira ABO turan. “Jaal Nadhiin nama Oromummaatti boonuufi aadaa Oromoo guddisuuf kutannoo kan qabuudha.”
“Nadhiin kennaa rabbiiti, kennaa rabbi Oromoof kenne. Nama walqixxmmaa sabaafi sablammoota amanuudha. manuudha. Fakkeenyaaf jaartiim sabaan Amaaraa tokko yeroo sana misseensi WBO miidhaa narraan gahe jetteef dhugaa barbaadeefi beenyaa barbaachisu kenneefii ture,” jedhan.
Sadarkaa aartii Oromoo yeroo ammaa…
Sadarkaan guddina aartii Oromoo akka isaan ajaa’ibu himan, Suuteen. “Aartiin Oromoo yeroo nuti hojjechaa turretti meeshaan muuziqaa badaa hin jiru ture. Darbuujaafi gitaara booksii tokkoon hojjechaa turre. Isayyuu Artist Alii Shabbootu nuuf hojjete,” jedhan.
“Yeroo ammaa garuu meeshaaleen muuziqaa gahaatu argama. Aartiin Oromoo Intarneetiirra seenee karaa miidiyaalee garaagaraatiin hojjatamaa jira. Aartiiin Oromoo Yuutuubiifi Guugliirratti dhiibbaa guddaa uumaa jira. Hojiin nuti hojjachaa turrre sadarkaa ammaatiif bu’aa buuseera.”
Ta’uus wantoota duudhaa fi aadaa uummatichaan walqabatee sirraa’u qaban jiraachuu himu. “Fakkeenyaaf akka aadaa Oromootti dubartiin geerarsa hin geerartu. Akkasumas Shaggooyyee hojjachuu hin qabdu. Dubartiin kan hojjattu heelleedha. Dogoggorri akkasii sirreeffamuu qaba.”
Haala amma itti jiran…
Yeroo ammaa baandii Urjii Adaamaa keessatti hojjechaa jiraachuu himan. “Kana malees, ofii kiyyaaf walaloo fi yeedaloo hojjachaan jira.”
Badhaasa Haacaaluu Hundeessaa marsaa sadaffaaf barana gaggeeffame irratti badhaafamaa umrii guutuu ta’uun maallaqa 150,000 badhaamfamaniiru. “Gochaan akkasii kuni aartii Oromoo jajjabeessuu keessatti gahee olaanaa qaba. Oromoo wal jajjabeessuufi wal cinaa dhaabbachuun kan hojjatu yoo ta’e rakkoo mara furuu ni danda’a,” jedhan. AS