
Finfinnee, Muddee 19, 2024 – “Hiriira deeggarsaa” naannoo Amaaraatti guyyaa kaleessaa taasifamerratti haleellaa boombii magaalaa Baahir Daar, Waldiyaafi Dabra Birhaanitti raawwatameen lubbuun nama tokkoo darbuufi namoonni biroo madaa’uu jiraattonni Addis Standard’tti himan.
Jiraataa magaalaa Waldiyaa maqaansaanii akka hin eeramne gaafate Addis Standard dubbise tokko hiriira guyyaa kaleessaa raawwatamerratti boombii darbatameen namoonni madaa’an jiraachuu dubbateera.
“Haleellaan kuni ganama naannoo sa’aatii sadi jechuu daqiiqa 20 hir’uutti iddoo buufata poolisii jedhamutti raawwatame. Boombichi namoota hiriira bahan irratti darbatame. Hiriiricha bittinneessuuf kan raawwatame fakkaata,” jechuun namoonni afur madaa’uun gara Hospitaala Waldiyaa geeffamuu dubbateera.
Haa ta’u malee, haleellaa kana eenyu akka raawwate kan hin beekamne ta’uu jiraataan kuni ibseera. Sana booda garuu iddoo Machaaree jedhamutti humnoota mootummaafi riphee loltoota naannoo Amaaraa Faannoo ofiin jedhan gidduutti lolli turuu jiraataan kuni eereera.
Kana malees, iddoo Qaalliim jedhamutti sagaleen dhukaasa meeshaa waraanaa gurguddaa har’a ganama sa’aatii 2:30 kaasee dhagahamaa turuu ibsuun lolli gaggeeffamaa jiraachuu jiraataan kuni himeera.
Jiraataan magaalaa Baahir Daar biraa guyyaa kaleessaa iddoo garaagaraatti boombiin darbatamuu dubbata. Haleellaan boombii kunneen kutaalee magaalattii Miniliik Lammaffaa, Atsee Teediroosfi Balaay Zallaqaatti ta’uu eereera.
Namni ganamarraa kaasee namoonni hiriiraaf akka bahaniif ulullee afuufaa ture tokko ajjeefamuu jiraataan kuni himeera.
Haaluma walfakkaatuun, magaalaa Dabra Birhaanitti “hiriira deeggarsaa mootummaan waameerratti” rasaasni dhukaafamaa turuu jiraataan tokko ni hima. Iddoo addaa Xabaasee jedhamutti rasaasni dhukaafamaa turuu eeruun “haleellaa kana kan raawwate hidhattoota Faannooti” odeeffannoon jedhu jiraachuu jiraataan kuni ni ibsa. Iddoo Arseemaa jedhamuun beekkamutti dhukaasni guddaan dhagamuu eeruun “haleellaa boombii” ta’uu akka danda’u jiraatichi dubbateera. Haa ta’u malee, miidhaan qaqqabe maal akka ta’e kan hin beekne ta’uu himeera.
Godina Shawaa Kaabaa aanaa Xaarmaatti hiriira gaggeeffame hordofuun hidhattootaafi humnoota mootummaa gidduutti dhukaasni yeroo xiqqoof turuu Obbo Ayyalaa Balaachoo (maqaan jijjiirame) himaniiru. Dhukaasa kanaan miidhaan namarra gahe akka hin jirre jiraataan kuni ni hima.
Karaa biraatiin, hiriirri mormii “miseensota Faannoootiin hogganame” magaalota aanaa xixiqqoo akka Armaaniyaafi Mazazootti gaggeeffamuu jiraataan kuni eereera.
Hiriira deeggarsaa guyyaa kaleessaa naannoo Amaaraatti gaggeeffame qindeessuuf hoggantoonni gandaa jiraattota kakaasaafi dirqisiisaa turuu jiraattonni Addis Standard dubbise kunneen ni himu.
Mootummaan naannoo Amaaraa, gamasaatiin, “hiriirri araaraafi nageenyaaf waamicha taasisu” naannichatti guyyaa kaleessaa gaggeeffamuu beeksiseera. Pireezidaantiin naannoo Amaaraa Misgaanuu Araggaa, “Hiriirichi fedhii uummanni keenya nageenyaaf qabu,” kan agarsiisuudha jedheera.
Hiriirri akka hin gaggeeffamne sodaachisoofi doorsisni turuu eeruun, “ummatichi garuu sodaachisoofi doorsisa cinaatti dhiisuun baay’inaan bahuun nageenyaa akka barbaadu agarsiiseera,” pireezidaantichi dubbateera.
“Uummanni har’a mootummaa qofa hin deeggarre;nagaa deeggare” jechuun hiriirichi uummanni garee hidhattootaa kanneeniif deeggarsa akka hin goone kan agarsiisu ta’uu eereera.
Komishiniin poolisii naannoo Amaaraa, ibsa baaseen, hiriirri “waraanni akka dhaabbatu waamicha taasisu” ‘nagaan hundaaf, hunduu nagaadhaaf’ jedhu magaalota naannichaa garaagaraa keessatti taasifamuu ibseera. Haa ta’u malee, hiriirichi “nagaadhaan goolabame” jedheera. AS