Finfinnee, Sadaasa 11, 2024 – Godina Walloo Kaabaatti hogganaan Paartii Badhaadhinaa magaala Qobboo Obbo Darribee Ballaxaa rasaasaa hidhattootaan dhukaafameen ajjeefamuun namoonni afur madaa’uu maddeen Addis Standard’tti himan.
Maddi keessoo sodaa nageenyaatiif maqaan akka hin eeramne gaafate Addis Standard’tti hime akka jedhetti, hogganaan paartichaa Hoteela Magaala Qobboo keessatti argamu Miki’eelee Salamoonitti guyyaa kalessaa ganama naannoo sa’aatii afuritti ciree nyaataa osoo jiranii rasaasaan ajjeefamuu himaniiru.
Obboleessi angafaa Obbo Darribee Ballaxaa obboleessisaa ajjeefamuu Addis Standard‘iif mirkaneesseera. darribeen abbaa ijoollee sadii ta’uus himeera.
Akka ibsa ragaa kanaatti yoo ta’e, qaamoleen haleellaa kana raawwatan miseensota hidhattoota ‘Faannoo’ ofiin jedhanii kan naannoo Amaaraa keessatti qabsoo hidhannoo gaggeessaaa jiraniiti.
Kana malees, hogganaan biiroo lafaa magaalattii Addisuu Wadaajoo (PhD) rasaasa hidhattoota kanaatiin miilarra mada’aaniiru. Namni dhuunfaa Maqdas Alamaayyoo jedhamtuufi waardiyyaa hospitaalaa kan ta’an Obbo Abbaba Caannee haleellaa kanaan madaa’uun wal’aansaaf hospitaala galuun himameera.
Akkasumas, dargaggeessi naannichatti rigaa ilkaanii gurguraa ture rasaasa dhukaafameen rukutamuun madaa’ee ture gara hospitaala riifaraalaa Waldiyyaatti ergameera jedhame.
Waldhabdee hidhattootaafi humnoota mootummaa gidduutti gaggeeffamaa jiruun walqabatee haleellaawwan walfakkaatoon garaagaraa raawwatamaa turaniiru. Ajjeechaa Obbo Darribee kunis haleellaa aanga’ootarratti aggaamamu kana keessa isa tokkoodha.
Naannichatti godina Shawaa Kaabaatti hogganaan bulchiinsa aanaa Qawat Aadde Milishuu Baqqalaa Caamsaa 29, 2016 ALI jajjeefamuun ni yaadatama. Oduu walfakkaatuun, bulchaan aanaa Eftraataa Gidim Obbo Albis Adafraash hidhattoota kanneeniin ajjeeffamanii ture.
Miseensonni tika nageenya mootummaa Godina Shawaa Kaabaa magaala Roobiit lama Caamsaa 2016 keessa akkasuma rasaasaan ajjeefamaniiru. Itti aanaa Saajinii Caamsaa 29,2015 magaala Shawaa Roobititti rasaasaan ajjeefamaniiru.
Hidhattoonni kunneen hogganaa waajjira galiiwwanii magaala Shawaa Roobiit Aadde Tsiyoon Tagany fi kantiibaa magaalattii Obbo Wubsheet Ayyaalee ajjeesuun gabaafameera. AS