ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Hoggantoonni ABO waggoota afur oliif ajaja mana murtii malee hidhamanii turan hiikaman

Finfinnee, Fulbaana 05/2024 – Hoggantoonni olaanoo Addi Biisummaa Oromoo (ABO) torba waggoota afur oliif ajaja mana murtii malee mana hidhamanii turan har’a Fulbaana 05, 2024 galgala mana hidhaa irraa gadhiifamuu isaanii paartichi Addis Standarditti mirkaneesse.

Qondaaltonni ABO har’a hiikaman kunneen Abdii Raggaasaa, Lammii Beenyaa, Mikaa’el Booran, Gadaa Oljiraa, Gadaa Gabbisaa, Kennasaa Ayyaanaa fi Daawit Abdataati.

Abukaatoon isaanii Addis Standard’tti akka himanitti, manni murtii kanaan dura irra deddeebiin ajaja dabarseera waan ta’eef, ajajni hiikamuu isaanii ammaa kun mana murtii osoo hin taane poolisii irraa dhufe. “Manni murtiin irra deddeebiin ajaja dabarseera. Amma wanti haaraa gama saniin dhufe hin jiru.”

Dubbi himaan ABO Lammii Gammachuun hiikamuu hoggantoota paartichaa Addis Standarditti mirkaneessuun, namoonni torba kunneen har’a buufata poolisii Buraayyuu irraa fudhatamanii gara Komishinii Poolisii Oromiyaatti geeffamuun, komishinichi akka hiikaman erga murteesse booda adeemsicha xumuruuf gara Buraayyuu deebi’uu isaanii Addis Standarditti himaniiru.

Obbo Lammiin, hiikamuun hoggantoota ABO kanaa dhiibbaa paartichi, akkasumas dhaabbilee mirga namoomaa idil addunyaa taasisaniin kan dhugoome ta’uu himaniiru.

Qondaaltonni ABO kunneen hidhaa irraa akka gadhiifaman manni murtiin irra deddeebiin ajaja dabarsuus bara 2020 fi 2021 irraa eegalee to’annoo poolisii Oromiyaa jala turaniiru.

Hidhaan hoggantoota kunneen kan eegale dhuma baatii Guraandhala 2020 keessa miseensi koree hoji raawwachiiftuu Adda Bilisummaa Oromoo Abdii Raggaasaa ajjeechaa poolisii Buraayyuu tokkoon shakkamanii to’annoo jala yeroo oolanidha.

Abukaatoo fi miseensonni maatii Abdii ji’a lamaa oliif eessa buutee isaanii hin beekne ture. Boodarra magaalaa Galaan mooraa Humna Addaa Oromiyaa Sololi’aa jedhamu dabalatee yoo xiqqaate bakka tursiisa adda addaa saddeetitti geeffamanii waggootaaf hidhamaniiru.

Yeroo mooraa humna addaa Sololi’aa turanitti ji’a saddeetiif maatii fi abukaatoo waliin osoo hin qunnamiin turaniiru.

Ajjeechaa weellisaa Haacaaluu Hundeessaa hordofee, Adoolessa bara 2020 keessa Lammii Beenyaa, Daawit Abdataa, Kennasaa Ayyaanaa, Mikaa’el Booran, fi namoonni mormitootaa fi gaazexeessitoonni biroo hedduun poolisii Oromiyaatiin to’annoo jala oolaniiru.

Lammii Beenyaa fi Daawit Abdataan hidhaa ji’a shanii booda Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa himata isaanii kuffisee Sadaasa 2020 wabiidhaan kan gadhiifaman ta’uus, irra deebiin Bitootessa 29, 2021 to’annoo jala oolaniiru.

Gadaa Gabbisaan ammoo addatti Ebla 2020 hidhamanii baatii muraasa booda erga gadi lakkifamanii booda Guraandhala 2021 irra deebiin to’atamaniiru.

Bakki hoggantoonni ABO torba kun itti hidhaman yeroo baay’ee kan jijjiiramu yoo ta’u, gariin isaanii Awaash Malkaasaa iddoo horsiisa lukkuutti hidhamanii turaniiru. Akka Hiyumaan Raayitis Waach (HRW) jedhutti, jijjiirraan bakka hidhaa kun maatii fi abukaatoo isaanii osoo hin beeksisin raawwatamaa tureera.

Ebla 2023, poolisii Oromiyaa namoota torba kanneen buufata poolisii Buraayyuu irraa gara iddoo hin beekamneetti dabarsuun eessa buuteen isaanii dhabamee ture. Maatiwwan isaanii bakka isaan jiran argachuuf torban lama itti fudhatees ture.

Qondaaltonni Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) waggootaaf ajaja mana murtii malee hidhamanii turan akka gadi lakkifaman paartichi dabalatee dhaabbilee idil addunyaa mirga namoomaaf falman irra deddeebiin gaafachaa turaniiru.

Dhaabbanni mirgoota namoomaa Hiyumaan Raayitis Waach (HRW) ibsa Adoolessa 2023 baaseen, mootummaan Itoophiyaa hoggantoota olaanooABO torba kan ajaja mana murtii malee seeraan ala waggootaaf mana hidhaa garaagaraa keessa tursiise “hatattamaan” akka gadhiisu gaafateera.

Manni Murtiin irra deddeebiin akka hiikaman ajaja dabarsuus Poolisiin Oromiyaa ajaja darbe diduun mana hidhaatti dararuu ibsichi addeesseera.

Boordiin Filannoo Biyyaaleessaas dhimma hoggantoota ABO kunneen ilaalchisee hordoffii taasisaa ture “bu’aa waan hin argamsiineef” Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen Dhaabbii Dhaabbilee Dimokraasii gama isaatin “yaalii akka godhu” Ebla 14 xalayaadhaan gaafate ture.

Dhaabni isaanii ABO gama isaatiin qondaalonni fi deeggartoonni paartichaa seeraan ala hidhamaa jiru jechuun mana hidhaa irraa akka gadi lakkifaman gaafachaa turuun ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button