DHIMMA HAWAASAAODUU

Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa haaraa Piroofeesar Natsaannat Warqinaa Giddii eenyu?

Finfinnee, Fulbaana 09/2024 – Biiroo Fayyaa Oromiyaatti hoggantuun haaraa muudaman Piroofeesar Natsaannat Warqinaa Giddii guyyaa har’a Fulbaana 09, 2024 hogganaa duraanii Dr. Mangistuu Baqqalaa waliin wal harkaa fuudhinsa aangoo taasisanii jiru.

Sagantaa walharkaa fuudhinsa kana irratti Dr. Mangistuun Piroofeesar Natsannatiif bara hojii gaarii akka ta’uuf dhaamsa isaanii dabarsuu biirichi ibseera. 

Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa haaraa Piroofeesar Natsaannat dhalatanii kan guddatan naannoo Oromiyaa godina Bunnoo Beddellee magaala Beddelleettidha. Barumsa sadarkaa tokkoffaa hanga lammaffaa achuma Beddelleetti baratanii xumuran. 

Barumsa sadarkaa olaanaaf ammoo Yunnivarsiitii Jimmaatti mana barumsa Medikaalaa seenuun bara 2004tti ogummaa ‘Jeneraal Piraaktishinarii’ ta’uun eebbifaman. Ergasiis waggoota 13 ol achuma yuunivarsiitii Jimmaatti barsiisuu fi hospitaala keessa hojjechuu irratti dabarsan. 

Piroofeesar Natsaannat barnoota digirii sadaffaa (PhD) biyya Jarman, Yuunivarsiitii Ludwiig Maaksimiliyaanitti qorannoo fayyaa idil-addunyaa irratti hojjetan. 

Hoggantuu haaraa Pirof. Natsaannat Warqinaa fi hogganaa duraanii Dr. Mangistuu Baqqalaa yeroo aangoo walharkaa fudhan (Suuraa: BFO)

Yuunivarsiitiin Jimmaa Ebla 24, 2023 barsiistota yuunivarsiitichaa yeroo dheeraaf barsiisuu, qorannoo gaggeessuu fi tajaajila uummataa irratti bu’aa gaarii argamsiisan jedhe shaniif sadarkaa pirofeesarummaa guutuu yeroo kennu, barsiisota kanneen keessaa Piroofeesar Natsaannat ishee tokko ta’aniiru.

Piroofeesar Natsaannat Warqinaan addatti ogummaa yaala fayyaa daa’immaniitin gahumsa guddaa argisiisaniin sadarkaa pirofeesarummaa guutuu argachuu isaanii ibsameera. 

Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti Pireezidaantii Ittaantuu Qorannoo fi Tajaajila Hawaasaa Yuunivarsiitii Jimmaa, itti gaafatamtuu damee barnoota fayyaa, dura teessuu Boordii Gamaaggama Dhaabbilee Inistiitiyuutii Fayyaa, akkasumas Daayirektara Barnoota Digirii Lammaffaa Inistiitiyuutii Fayyaa yuunivarsiitichaa ta’uun tajaajilaa turaniiru. 

Kana malees, miseensa Boordii Hoji-raawwachiiftuu Waldaa Haakimoota Oromiyaa ta’uunis tajaajilaa jiru. 

Piroof. Natsaannat fayyaa daa’imman irratti xiyyeeffachuun qorannoo garaa garaa gaggeessuun barreeffamoota qorannoo 20 ol maxxasuu isaanii odeeffannoo marsariitii yuunivarsiitichaa irraa argame ni mul’isa. 

Kanaan dura af-gaaffii BBC waliin taasisaniin, qorannoon isaanii heddu nyaata ijoollee osoo hin gahin dhalatan irratti kan xiyyeeffatu ta’uu dubbataniiru. “Ijoolleen osoo hin gahin gaafa dhalatan akka warra yeroo isaanii gahee dhalatanii harma hodhuus ta’ee nyaata fudhachuuf waan rakkataniif dhukkuba garaa garaafi du’aaf saaxilamu,” jedhan. 

Kanaafis rakkoo kana furuuf kan oolu qajeelfamaa fi tarsiimoo nyaataa irratti jijjiiramni akka dhufuuf qorannoo garaa garaa gaggeessuu himan. “Haati osoo nyaata gahaa argattee, ijoollenis ulfaatina gahaa argattee dhalatti, dhukkubaafis hin saaxilamtu.”

Piroofeesar Natsaannat Warqinaan hojiiwwan gama fayyaa daa’immanii irratti gumaachaniin Gamtaa Awurooppaa irraa beekamtiin laatameefi jira. AS

Related Articles

Back to top button