Oduu: Hojjattoonni mootuummaa naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa aanaa Maajii kaffaltiin mindaa ji’a 3f addaan cituu himan
Finfinnee, Sadaasa 2024 – Hojjattoonni biiroolee mootummaa naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa godina Oomoo Lixaa aanaa Maajii ji’oota sadiif kaffaltii mindaa malee turuu Addis Standard’tti himan.
Aanaa Maajiitti hojjataa biiroo qonnaa kan ta’e maqaansaa akka hin eeramne gaafate tokko akka himetti, hojjattoonni aanichaa ji’a Fulbaanaatii kaasee kaffaltii mindaa akka hin argatin himeera. “Ani maatiin qaba. Ji’oota sadiif mindaa malee tureera. Sababa kanaaf maatii koofi ani rakkoo ulfaataa keessa jirra,” hojjataatu jedhe.
Kana malees, naannicha keessa rakkoon weerara busaa jiraachuun rakkoo jiru hammeesssuu hojjataan kuni himeera. “Diinagdeen keenya mindaarratti qofa kan hundaa’eedha. Namni nu gargaaru homaa hin jiru,” dabalee jedheera.
Sababa harkifannaa mindaa kanaan baasii bu’uuraa kan akka kaffaltii kiraa manaa kaffaluu dadhabuun kireeffattootaafi namoonni mana kireessan rakkoo keessa galchuu jiraataan kuni eereera.
Buufataaleen fayyaa kan liqiidhaan hojjattoota mootummaatiif tajaajila kennaa turan sababuma rakkoo maallaqaatiin tajaajila kennuu dhaabaniiru. Hojjattoonni tokko tokko mana kireeffatan keessaa baafamaa jiraachuufi jijjiirraa hojii taasifamaa jiraachuu maddi dhimmichatti dhiyeenya qabu tokko ibseera.
Hojjataan mootummaa biraa Eliyaas Zarihuun (maqaan jijjiirame) hojjattoonni mootummaa rakkoo keessa jiraachuu mirkaneesseera. Ji’oota sadiif mindaan nuuf hin kaffalamne. Hedduun keenya mana kiraa kaffaluu hin dandeenye. Namoonni hedduu mana kireeffatan keessaa baafamaniiru,” Eliyaab jedheera.
Sababa harkifannaa mindaa kanaatiin hojjattoonni hedduu hojii humnaa guyyaa hojjachuufi muka abidda bobeessuuf oolu gurguruuf dirqamuu maddeen kunneen himaniiru.
Weerarri busaa naannichatti mudate sochii diinagdee laamshessuu jiraataan kuni himeera. Dukkaanni qorichaa tajaajila liqii hojjattootaaf kennaa turan sababa rakkoo maallaqaatiin tajaajila kana dhaabuu Eliyaab himeera.
Aanga’oonni naannichaa hojjattoota gaaffii mindaa gaafatan irratti “tarkaanfii adabbii” fudhanna jechuun akka doorsisan Eliyaab ni hima.
Aanichatti barsiisaa kan ta’e Ongaayee Warqinee ofiin jedhu haalli jiru ulfaataa ta’uu dubbata. “haala ulfaataa keessa jirra. Kaffaltii kiraa kaffaluu hin dandeenye. Kireessitoonni manasaanii akka gadhiifnu nu taasisaa jiru,” Ongaayeen jedheera.
Qaala’iinsi jireenyaa jiru barsiisonni hedduu hojii dhaabanii hojii guyyaa hojjachuuf dirqamaa jiraachuu Ongaayeen dubbateera. “Mirgi keenya sarbamaa jira; rakkoo hedduutu nu mudachaa jira,” Ongaayeen dabalee jedheera.
Harkifannaa mindaatiin walqabatee rakkoo jiru adda baafachuuf yaaliin Addis Standard aanga’oota naannichaa dubbisuuf taasise hin milkoofne.
Itoophiyaa keessatti weerarri busaa haaraa miliyoona 4.7 ji’oota Amajjii 2024 hanga Hagayya 2024 keessa mudachuufi namoota 918 lubbuun darbuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gabaaseera. Weerara mudate keessaa 11% kan ta’u naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa keessattii kan mudateedha.,
Kana malees, godinoota akka Gaamoo, Walaayittaafi Konsoo kan naannoo Kibbaafi Giduudgaleessa Itoophiyaatti argaman keessa rakkoon harkifannaa mindaa walfakkaataan ni jira.
Harkifannaan mindaa kuni adeemsa baruufi barsiisuurratti dhiibbaa uumaa jiraachuu barsiisonni ni himu. “Harkifannaan mindaa kuni qulqullina barnootaa rakkoorra buuseera,” barsiisaatu jedhe.
Oduu walfakkaatuun, naannoo Affaar aanaa Daawaa keessatti mindaan barsiiisotaa ji’a lamaaf jalaa harkifachuu hordofee hiriira mormii gaggeessaniiru. AS