ODUUSEERA FI HAQA
Trending

Oduu: Hojjattoonni Warshaa Sukkaara Finca’aa 200 ol 'mana murtii osoo hin dhiyaatiin' ji’a tokko oliif hidhamanii argamu

Finfinnee, Amajjii 09/2025 – Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti hojjettoonni Warshaa Sukkaara Finca’aa 200 ol ta’an sababa “hojii qonnaa seeraan alaarratti hirmaatan” jedhuun erga hidhamanii ji’a tokko darbuu maatii fi hojjettoonni warshichaa Addis Standard’tti himan.

Miseensi maatii hojjetaa hidhame tokko maqaan isaa akka hin eermane gaafate Addis Standard’tti akka himetti, hojjattoonni kunneen mooraa warshichaa keessatti “harkaan lafa qotanii” midhaan akka boqqolloo fi saliixaa omishaa turuu eereera. 

Hojjattoonni hidhaman kunneen hojjattoota warshichaa kan mooraa warshichaa keessatti manni jireenyaa keennameefii jiraatan ta’uu kan eere maatiin kun, hojii qonnaa kunis wanta haaraa osoo hin taane kan waggoota kudhanii oliif raawwatamaa kan tureefi hoggansi warshichaas kan beeku ta’uu hime.

“Hojjattoonni warshichaa mindaa gadi aanaa qaban hojii akkasiitiin jireenyasaanii utubachaa turan. Kunis wanta haaraa miti. Amma akka haaraatti wanti yakka ta’eef ifa miti,” jedhe. 

Hojjattoonni kunneen hanga ammaatti mana murtii akka hin dhiyaanne miseensi maatii kun dabalee himeera. “Erga hidhamanii ji’a tokko darbeera. Hanga ammaatti mana murtiitti hin dhiyaanne. Amma mooraa Raayyaa Ittisa Biyyaa durii kan magaala Sulula Finca’aa ganda 01 keessatti argamutti hidhamanii argamu.”

Hojjettoonni kunneen mirga mana murtiitti dhiyaachuu fi wabii argachuu isaanii osoo hin kabajamiin ji’a tokkoo oliif hidhamuu isaanii jireenya maatii isaanii gadadoo keessa galchuu miseensi matii hojjattootaa kuni himeera. 

“Hidhaa jumlaa kanaan kan miidhaman hojjattoota galii gadi aanaa qabaniidha. Namoonni dhimma kana raawwatan keessaa kan hidhaman hojjattoota sadarkaa gadii jiraniidha. Kunimmoo jireenya maatii hojjattoota kanneenii rakkoorra buuseera,” jechuun namoota hoggansa keessa jiran gochaa qonnaa kana keessatti hirmaatan to’annoo jala hin ooliin jiraachuu dubbate.

Hojjataa warshichaa kan biraan ammoo qabeenyi hojjattoota kanneenii akkaataa iftoomina hin qabneen saamamuu dubbata. Midhaan gosa garaagaraa hojjattoonni kunneen lafa kanarratti oomishan gara kuntaala 5,000 ta’u karaa iftoomina hin qabneen saamamuu hime. 

“Qabeenyi kuni eenyu harka akka galellee hin beekamu. Hawaasni naannawa sanaa hubame karaa gargaarsaatiin qabeenya kanarraa fayyadamoo akka ta’an taasifamuu qaba,” jechuun hawaasni naannawa sanaa sababoota garaagaraatiin qaala’iinsa jireenyaa ulfaataa keessa jiraachuu eereera.

Hojjattoonni kunneen “haala adeemsa seeraa hin eeggatiniin” waamicha walgahiif barbaadamtu jedhamuun galma walgahiitti erga sassaabamanii booda to’annoo jala oolfamuu hojjataan kuni ibseera. 

Kana malees, maatiin hidhamtoota kanneenii yeroo gaafatanitti qaamni itti gaafatamummaa fudhatuu akka hin jirree dubbatu. “Bulchiinsa aanaa yeroo gaafannu dhimmi kuni na hin ilaallatu jedha. Bulchiinsi warshichaas bulchiinsi aanaa akka gaafannu eera waan ta’eef dhimmichaaf itti gaafatamummaa qaamni fudhates hin jiru.” 

Hojjetaan warshichaa kun itti dabaluun, “sababiin himanni kuni itti baname gahaa natti hin fakkaatu himata biraa hojjattootarratti banuuf sababa barbaadaa jiru fakkaata,” jedhe.

Dhimma hojjettoota hidhaman kanneen irratti bulchiinsa Warshaa Sukkaara Finca’aa dubbisuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne.

Warshichi hojjattoota dhaabataa ta’an 2,024 kan qabu yoo ta’u, hojjattoonni dhaabbataa hin taane ammoo gara 5,500 ol qaba.

Warshaan sukkaaraa kuni yeroo garaagaraa sababa hanqina meeshaatiin hojii dhaabaa turuu Addis Standard gabaasee ture. Kana malees, yeroo garaagaraatti qabeenyi warshichaa hidhattootaan saamamuufi barbadaa’uu ni beekama. 

Warshichi kanaan dura ji’oota lamaaf [Caamsaa fi Waxabajjii 2023] hojjettoota isaaf miindaa osoo hin kaffaliin darbuu isaarra kan ka’ee hojjattoonni warshichaa sababa harkifannaa miindaan rakkachaa jiraachu Addis Standard hojjettoota wabeeffachuun gabaasuus ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button