DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Hojjettoonni Baankii Daldala Itoophiyaa kumaatamaan lakkaawwaman “beenyaa malee hojiirraa gaggeeffamuuf jirra" jedhan

Finfinnee, Hagayya 29/2024 – Hojjettoonni Baankiin Daldala Itoophiyaa kumaatamaan lakkaawwaman, karaa dhaabbata ‘Komershaal Nominiis’ jedhamuutin qacarrii raawwatanii gita hojii ‘Loobii’ fi ‘Oppireetara Ragaa’ irratti dameewwan baankichaa guutuu biyyattii argaman keessa hojjechaa turan hojiisaanii irraa gaggeeffamuuf akka ta’e Addis Standard’tti himan. 

Hojjettoonni kunneen Hagayya 25, 2016 ALI irraa eegalee waliigaltee hojii isaanii akka addaan citu xalayaa akeekkachiisaa dhaabbata ‘Komershaal Nominiis’ irraa akka isaan qaqqabe ibsaniiru.

Maqaan isaanii akka hin eeramne kan gaafatan hojjetaan dhaabbata ‘Komershaal Nominiis’n qacaramanii Baankii Daldalaa Itoophiyaaf hojjetan tokko, ”waggaa afuriif gita lobii irratti Baankii Daldala Itoophiyaa keessatti hojjedheera. Ji’a tokkoon dura waliigaltee keenya akka addaan citu xalayaan nu qaqqabe. Waan ta’u ilaaluuf eegaa jirra,” jedhan.

Kanaan dura baankichaaf hojjettoota kan dhiyeessu dhaabbata Komershaal Nominiis jedhamu yoo ta’u, amma garuu baankichi “oppireetara faayila fi loobii nu hin barbaachisu, hojjettoota kootin nan hojjechiisa” jechuun waliigaltee isaanii addaan cituuf akka jiru hojjetaan kun ibsaniiru.

Itti dabaluudhaanis, “hojiin baakichaa irra caalaan nurratti kan kufee fi baankichi kallattiidhaan ji’atti birrii kuma sagal kan nuuf kaffalu ta’uus, cicciramee birrii kuma afuritu nu harka gaha,” jedhan.

Hojjettuun kan biraas dhimma kana Addis Standard’tti mirkaneessaniiru. ”Hojiin baay’ee nuuf laatama, mindaan argannu garuu xiqqaa ture. Ammammoo hojii keenya kanayyuu dhabuuf jirra,” jechuun haala jiru ibsaniiru.

Itti dabaluudhaan “doorsisa fi sarbama mirgaa” hedduu isaan mudachaa turuu ibsuun, “yeroo ammaa kana akka meeshaa nutti fayyadamanii akka nu gatanitti ilaalla,” jedhan.

Walitti-qabaa Itti-aanaa Waldaa Hojjettoota Komershaal Nominiis Baazzazaw Axilaa, dhaabbatichi “lakkoofsi hojjettoota hojiirraa gaggeeffaman 2500 jedhuus, lakkoofsi hojjettootaa guutuu biyyattiitti hanga 7000 ta’uu mala” jechuun Addis Standard’tti himan.

“Hojjettoonni dhaabbaticha keessa hanga waggaa kudhanii hojjetan ni jiru. Haal-duree fi beenyaa tokko malee hojii irraa gaggeessuun taatee baay’ee nama gaddisiisudha,” jechuun komatan.

“Waldichi hojjettootaaf maallaqa hojii ittiin barbaadaniifi beenyaa akka kaffalamu gaafachaa jira. Dhaabbatichi garuu beenyaa kan kaffalu hojjettoota waggaa 5 oliif achi turan qofaaf akka ta’e ibsaa jira.”

Dhimma kanarratti waliigalteerra gahuu yoo hin danda’amneefi gaaffii hojjettoota hundaaf deebii barbaachisaan yoo hin kennamne dhimmicha mana murtiitti geessuuf akka dirqaman dabalanii ibsaniiru.

Addis Standard dhimma kana ilaalchisee ‘Komershaal Nominiis’ irraa yaada argachuuf yaaliin taasise milkaa’uu baatuus, dhaabbatichi deebii VOA’f laateen, “gita hojii baankichaa lamaan waan cufamaniif hojjettoonni 2,500 waliigaltee isaanii addaan ni cita,” jedhe. Hojjettoota kanneen gara maamiltoota birootti dabarsuudhaaf hojjechaa akka jirus ibseera. AS

Related Articles

Back to top button