Finfinnee, Guraandhala 14/2025 – Hojjettoonni Warshaa Sukkaaraa Xaanaa Balas lakkoofsaan 236 ta’an hojii dhaabbataa isaanii irraa buqqa’uun hojii humnaa akka hojjetan taasifamuu isaanii Addis Standarditti himan.
Hojjetaan warshichaa sababa nageenyaaf jecha maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate tokko Addis Standard’tti akka himanitti, warshaa kana keessatti waggoota 13 oliif hojjechaa kan ture ta’uufi bara 2013 ALI hojjetaa dhaabbataa ta’anii ramadamuu hime.
Haa ta’u malee, ji’a tokko dura caasaan haaraan ijaaramee inni fi waahillan isaa biroo hojii humnaatti akka ramadaman xalayaa ibsu maxxanfamee akka ture dubbateera.
“Irra caalaan keenya waggoota sagaliif hojii humnaa hojjenne. Sana booda erga hojjetaa dhaabbataa taasifamnee booda dhaabbatichi balaa keessa waan ta’eef hoggantoota sadarkaa torbaa gadii jiran dhaabbaticha baraaruu yoo barbaaddan gadi buutanii hojii humnaa hojjechaa turuu qabdu nuun jedhan,” jedhe.
Hojjetaan warshaa kun itti dabaluudhaan kanaan dura gita sadarkaa 4ffaa irratti mindaa birrii kuma 5 argachaa akka akka ture eeruun, caasaa haaraa kanaan galiin isaa haalaan hir’achuu akka danda’u yaaddoo qabaachuu ibseera.
“Yeroo ammaa kana yoon dhama’e argachuu kanin danda’u ji’atti birrii 2500 dha. Ani maatii nan qaba, ijoollee lama qaba. Obboleettii fi obboleessas nan gargaara. Haadhaa fi abbaa koos nan gargaara. Kun hundu osoo jiruu mindaan birrii 5000 irraa gara birrii 2500tti gadi bu’e,” jedhe.
Hojjettoonni sadarkaa torba gadii jiran yoo xiqqaate 186 gita hojii isaanirraa gadi bu’anii hojii humnaa akka hojjetan taasifamuu isaanii fi kanneen biroo 106 ammoo ji’oota jahaaf ramaddii gita hojii osoo hin argatiin mindaa malee taa’uu isaanii eereera.
Hojjetaan warshichaa kan biraa Ayyanaa Kaasaa (maqaan nageenyaaf jijjiirrame) Addis Standard’tti akka himanitti, hojjettoonni warshicha keessatti hojjetaniifi sadarkaa torbaa ol jiran gara Warshaalee Sukkaaraa Oomoo Kuraaz, Meetahaaraa fi Wanjiitti kan jijjiiraman yoo ta’u, hojjettoonni sadarkaa torba gadii waliigaltee dhaabbataa isaanii addaan citee hojjetaa ta’anii hojjechuuf dirqamaniiru.
“Walumaagalatti hojjettoota 236 taana. Warshaa kanaaf waggoota 11 oliif hojjettoota dhaabbataa taanee hojjechaa turre, amma immoo hojiiwwan humnaa akka muka shonkoraa muruu hojjettu jedhamne. Ani duraan kutaa qabeenyaa keessa hojjedha ture. Hiriyoonni koo biroon konkolaachiftootaa fi eegdota tikaa turan” jedhan.
Itti dabaluun, “amma guyyaa guutuu yoo hojjenne birrii shan ykn kudhan kaffalamuu danda’a. Muka shonkoraa muruun meetiraan saantima 36 qofa argatta. Kanaan ammoo homaa hin argamu” jedhan.
Kanaan dura mindaa ji’aa birrii 6,698 kan argatan Obbo Ayyana, sadarkaa gadi aanaatti gadi bu’anii akka hojjetan ajajamuu isaaniin galii isaa hir’isuu mala jechuun yaadda’u.
“Amma hojii humaa waan ta’eef ji’atti birrii kuma tokko qofa argachuu dandeessa. Ijoollee lamaa fi haadha manaa qaba. Maallaqni kunis maatii koo dhiisii of jiraachisuuf gahaa miti. Saamunaa illee bitachuu hin danda’u” jedhan.
Hojjetaan warshichaa kan biraa nageenya isaaniif jecha maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate, hojjettoonni gita hojii isaaniin gadi akka hojjetan taasifaman kunneen ijoollee hawaasa naannichaa ta’uu fi warshichi namoota kanneen irraa lafa fudhatee “hawaasni abdii erga godhatee booda kun ta’uun muffii uumuu” himan.
“Nuti hojjattoota dhaabbataa turre. Yoo hojiirraa nu gaggeessuu barbaadames faayidaa barbaachisu hunda nu kafalameeti malee waliigaltee adda kutanii sadarkaan gadi hojjechiisuuf miti.”
Dhimma kana ilaalchisee Addis Standard Dura Taa’aa Gamtaa Hojjetoota Warshaa Sukkaaraa Xaanaa Balas Obbo Maaruu Tafarraa fi Hogganaa Garee Bulchiinsa Humna Namaa Warshichaa Obbo Alamuu Farrade qunnamuuf yaaliin taasiseen irra deddeebiin bilbilli mobaayila isaanii irratti bilbilamus, deebii waan hin kennineef hin milkoofne.
Haa ta’u malee, warshaan kun ergaa miidiyaa hawaasaa isaa irratti Onkoloolessa 29, 2017 ALI maxxanseen ramaddiin baajata hojiif gahaa ta’uu dhabuu, tiraansifoormariin anniisa elektiriikaa Kunzilaa waggoota lamaa oliif hin suphamiin turuu fi rakkoolee kanaan walqabatan birootiin bara 2016 sukkaara oomishuuf akka hin dandeenye beeksiseera.
Hanqina maallaqaa sababa kanaan uumameen warshichi mindaa hojjettoota isaa kaffaluu dadhabuun hojjettoota kuma 15 fi 655 ol ta’anii fi maatii isaanii irratti rakkoo guddaa akka fide eereera.
Naannoo Amaaraa Godina Awwii Aanaa Jaawwiitti kan argamu Warshaan Sukkaaraa Xaanaa Balas Caamsaa 29, 2013 ALI ifatti eebbifamuu ni yaadatama.
Dhaabbata Chaayinaa CAMC Injinaringii jedhamuun baasii Doolaara miiliyoona 95n kan ijaarame warshaan kun guyyaatti muka shonkoraa toonii kuma 12 daakuu kan danda’u yoo ta’u, sukkaara hanga kuntaala kuma 12 oomishuu danda’a. AS