DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Horsiisee bultoonni Affaar qe’eesaaniitii baqachuuf fedhii hin qaban jedhame

Finfinnee, Amajjii 19, 2025 – Horsiisee bultoonni Affaar balaa kirkira lafaa dheessuuf fedhii hin qaban jedhame. Mootummaan garuu dirqamaan akka baqatan taasisaa jiraachuun ibsame.

Kirkira lafaa irra deddeebiin naannoo Oromiyaa fi Affaaritti mudate hordofuun horsiisee bultoonni Affaar horiifi qabeenya isaanii qe’eetti dhiisanii dheessuuf fedhii akka hin qabne Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qindessaan gargaarsa namoomaa (UNOCHA) beeksise.

“Jiraattonni aanaa Awaash fi Dullachaa tokko tokko bakka sanaa ba’uuf fedhii hin qaban, keessumaa hawaasni horsiisee bulaa horiifi qabeenya isaaniitiif yaaddoo qaban,” OCHAtu jedhe.

Haa ta’u malee, ajajaan labsii hatattamaa jiraattota kanneen dirqamaan akka baqatan taasisuuf jiraachuu OCHAn eereera.

IASC fi OCHA waloon ta’uun kirkira lafaatiin walqabatee naannnoo Oromiyaatti sodaan nageenyaa jiraachuu ifoomsaniiru.

“Sochiin horii gara 400,000 ta’u jireenya horsiisee bultootaa sirriitti jeeqeera, sababiin isaas bakkeewwan baqannaa bineensota kana kunuunsuuf lafa mijaawaa waan hin qabneef,” OCHAn jedheera.  

“Hawaasni horsiisee bulaa fi tiksitootaa midhaan dhiisanii, hanqina nyaata looniifi bishaan horii buqqa’eef, saamicha qabeenyaa hawaasa keessummeessitoota gidduu jiruufi sodaa weerarri dhibee babal’achuu dabalatee qormaanni guddaan isaan mudachaa jira,”OCHAn dabalee jedheera.

Kirkirri lafaa naannolee Affaariiifi Oromiyaa itti fufee jira. Torban darbe keessa qofa kirkirri 18 (kan riiktar iskeelii 4.3 hanga 5.2) mudachuu eeruun ka’umsi kirkira kanaa volkaanoo Fantaallee ta’uu ibsameera.

Mootummaan jiraattota 60,000 ta’an naannawa sodaa dhagaa ni konkolaata jedhameefi naannawa aara baasutti dhiyootti argaman naannichaa baqachisuuf Amajjii 02, 2025 kaasee hojjachaa jiraachuu himame.

Akka OCHA’n jedhutti, gochaan namoota baqachiisuun itti fufee jiruufi dhufaatiin namoonni haaraan naannichaa buqqa’an barbaachisummaa hatattamaa rakkoo dahoo hammeessee jira.

Akka ibsichaatti, “Baqattoonni hedduun iddoo banaafi mana sharaa pilaastikii yookiin mana mala aadaatiin ijaarame keessa jiraatan aduufi guyyaafi diilalla halkaniifi bubbeee hammaataaf saaxilaamanii argamu.”

Hir’inni dahoo kuni daa’imman, dubartootaafi shamarran miidhaaf saaxilee jiraachuu eeruun weerara dhibee busaatiif akkasuma baqattoonni saaxilamuu ibsichi eeereera.

Addis Standard gabaasa torban darbe qindeesseen, namooonni naannoo Affaarii buqqaafaman gadadoo jireenyaa keessa jiraachuu gabaasee ture. Rakkoo dahoo, hir’ina midhaan nyaataa, bishaaniifi meeshaalee bu’uura biro isaan mudachuu ibseera. Gargaarsi namoomaa taasifamaa jiru gahaa ta’uu dhabuus baqattoonni himanii ture.

OCHAn ibsa kanaan dura baaseen, gargaarsi midhaan nyaataa namoota 6,780 qaqqabuu eeruun maatiileen gaara 2,250tti dhiyaatan gargaarsa malee turuu addeessee ture. AS

Related Articles

Back to top button