Finfinnee, Onkoloolessa 31/2024 – Ministirri Muummee Abiy Ahimad har’a Onkoloolessa 31, 2024 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti haasawa taasisaniin, mootummaan miseensoota gareewwan hidhattoota naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessa socho’an “muraasa waliin” marii gaggeessaa jiraachuu dubbatan.
MM Abiy dhimma rakkoo nageenyaa fi walitti bu’iinsa kutaalee biyyattii garaa garaa keessa jiru irratti gaaffii miseensota mana marichaa irraa ka’eef deebii laataniiru.
“Mootummaan deeggarsa jaarsoliitiin irra deddeebiin [gareewwan hidhatan] waliin marii nagaa taasisuuf yaaii taasiseera,” kan jedhan MM Abiy Ahimad, tattaaffiin kun harki caalaan akka hin milkoofne ibsaniiru.
Kana jechuun “mootummaan isaan waliin marii gaggeessaa hin jiru” jechuu akka hin taane dubbataniiru. Itti dabaluudhaanis, “miseensoota [gareewwan hidhatan] tokko tokko waliin mariin gaggeeffamuu itti fufee jira.”
Haa ta’u malee, “kanneen miseensota garee hidhattoota kanaan maaliif mootummaa waliin mari’attan jedhanii isaan himatan jiru. Gochoonni akkasii namoota nagaa barbaadan gara fuulduraatti akka hin baane taasisa” jedhan.
Kana malees, MM Abiy miseensa paarlaamaa “mootummaan federaalaa yeroo ji’oota lamaa keessatti walitti bu’iinsa naannoo Amaaraa keessatti uumame to’achuu dadhabe” jechuun yaada kaasan qeeqaniiru.
Yaada kanaaf deebii laataniin, “nuti karaa seera qabeessaan moonee naannicha to’anne. Yaadni naannicha to’achuu dadhabdan jedhu sirraa’u qaba. Inumaayyuu humni torban lamaa keessatti mootummaa kana fonqolchee masaraa Araat Kiiloo to’adha jedhe hin milkoofneef,” jedhan.
Akka MM Abiy jedhanitti, mootummaan waggoota jahan darbanitti naannoo Amaaraa gara wiirtuu industirii jijjiiree jira. “Warri kana amanuu hin dandeenye gara Kombolchaa, Dabra Birhaan, fi Baahir Daar dhaqanii dhugaa jiru arguu ni danda’u” jechuun ibsan.
Dabalataanis tattaaffii mootummaan bu’uuraalee daandii naannichaa furuuf taasisaa jiru ibsaniiru.
”Naannoo Amaaraa keessatti xiyyeeffannaan keenya hojii misoomaa irratti ta’a,” jechuun mirkaneessaniiru. “Haa ta’u malee, namoonni dhuunfaa carraaqqii kana gufachiisuu barbaadan jiru.”
Haasaan Muummichi Ministeeraa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf taasisan kun yeroo waldhabdeen humnoota mootummaa fi garee hidhattootaa Faannoo gidduutti lolli cimaa gaggeeffamaa jirutti gaggeeffame.
Gama naannoo Oromiyaattis walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduu gaggeeffamuun waggoota jaha ol lakkoofsise lubbuu lammiilee hedduu galaafachuu itti fufeera.
Keessattuu naannoowwan akka godina Bahaa, Qeellem, Lixaa, fi Horroo Guduruu Wallaggaa waldhabdee adeemsifamaa jiruun haalaan miidhamaniiru. Dabalataan godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraa keessattis waldhabdee deemaa jiruun miidhaa hamaa gahaa jira. AS