ODUUSIYAASA

Oduu: ‘Humnoonni mootummaa ajjeechaa jumlaa hin raawwatan’ - MM Abiy Ahimad

 Finfinnee, Adoolessa 04/2024 – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa yaa’ii idilee 36ffaa har’a gaggeesse irratti Ministirri Muummee Abiy Ahimad dhimma himannaa sarbiinsa mirgoota namoomaa fi ajjeechaa jumlaa humnoota mootummaa irratti dhiyaatu ilaalchisee wayita deebisan “mootummaan jumlaan hin ajjeesu” jedhan. 

“Akkamitti ummata keenya ajjeesna? Eenyuutu of ajjeesa?” kan jedhan MM Abiy, itti dabaluun ““jumlaan aangoo qabachuuf yaalu, yeroo milkaa’uu dadhaban ajjeechaa jumlaa raawwatamee jedhanii iyyu,” jechuun gareewwan hidhatan irratti quba qabaniiru.

Dhaabbatni mirga namoomaaf falmu Hiyumaan Raayitis Waach gabaasa dhiheenya kana baaseen, humnoonni nageenyaa Itoophiyaa Hagayya 2023 irraa eegalee naannoo Amaaraa keessatti ogeessota fayyaa, dhukkubsattoota, fi dhaabbilee eegumsa fayyaa irratti haleellaa bal’aa raawwachuu isaanii himateera. Gochoonni kunis “yakka waraanaa” ta’uu ibse.

Ministirri Muummee Abiy himata ajjeechaa jumlaa mootummaa isaanirratti dhiyaate haaluun, haata’u malee dhiittaan mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti mudachuu akka danda’u dubbataniiru. “Dogoggora keenya sirreessinee itti gaafatamummaa fudhachuu qabna” jechuun ibsaniiru. 

Tarkaanfiiwwan itti gaafatamummaa waraana keessatti fudhatamaa jiraachuu kan eeran MM Abiy, miseensonni RIB fi poolisii kumaatamaan lakkaa’aman seera naamusaa cabsuudhaan hidhaman tarkaanfii seeraa fi naamusaa irratti fudhatamuu ibsaniiru.

MM Abiy, yaad-rimeen mirga namoomaa kaayyoo siyaasaaf ooluu ibsaniiru. Dhaabbilee fi labsiiwwan mirga namoomaa waliin walqabatan irratti paarlaamaa qorannoo akka gaggeessu gaafataniiru.

“Dhaabbileen nuti mindaa hin kaffalleefi humnoota birootiin qacaramanii, kanneen biroof gabaasan – dhaabbilee akkanaa akka itti fufan yoo hayyamne maal akka ta’u beektu,” jedhan.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Dhaabbileen mirga namoomaa mootummaa Itoophiyaas ta’e humnoota biroo irraa walaba ta’uu akka qaban eeruun, yeroo ammaa dhiibbaa mootummaa irraa bilisa ta’uu hubachiisaniiru. AS

Related Articles

Back to top button