ODUUSIYAASA

Oduu: 'Humnoonni nageenyaa Itoophiyaa baqattoota Sudaan irratti sarbama mirga namoomaa raawwatan’ - HRW

Finfinnee, Onkoloolessa 17/2024 – Baqattoota Sudaan naannoo Amaaraa keessatti qubatanii jiran irratti humnoonni nageenyaa mootummaa “sarbama mirga namoomaa raawwachaa jiru” jechuun dhaabbatni mirga namoomaa idil-addunyaa Hiyumaan Raayitis Waach qeeqe.

Mootummaan gama isaatiin himatni dhiyaate “bu’uura kan hin qabne fi dhara” jechuun deebii akka laate Hiyumaan Raayitis Waach gabaasa isaa keessa eereera.

Naannoo Amaaraa keessatti waldhabdeen humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduu gaggeeffamaa jiruun walqabatee baqattoonni Sudaan naannichatti qubatanii jiran yaaddoo nageenyaa fi balaaf saaxilamuu dhaabbatichi ibseera. 

Baqattoonni waraana Sudaan dheessuun gara naannoo Amaaraa galan hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamneefi milishootaan sarbama mirga namoomaa irratti raawwatamaa jiraachuu kan eere HRW, “erga yeroo dhiyoo asi ammoo sarbiinsi kun humnoota nageenyaa mootummaatin raawwatamaa jira” jedhe. 

Baqattoonni hedduun waggaa tokko oliif hidhattoota naannichatti socho’aniin hojii humnaa irratti akka bobba’an dirqisiifamurraa eegalee ajjeechaa, reebicha, saamicha fi uggurri irratti raawwatamaa jiraachuu ibseera. 

“Baqattoota haleellaa dheessanii gara Itoophiyaa dhufan irratti dararaa dabalataa geessisuun sirri miti” kan jedhe dhaabbatichi, mootummaan eegumsa baqattootaaf taasisu cimsuu akka qabu hubachiiseera.

Tajaajilli Baqattootaa fi Baqaa Deebitootaa Itoophiyaa deebii Hiyumaan Raayitis Waachiif laateen “baqattoonni Sudaan irratti milishoota naannichaa fi gareewwan al idileetiin dararaa, ajjeechaa, saamichaa fi midhaawwan biroo raawwatameera jedhame bu’uura kan hin qabnee fi dogoggora” jedhe.

Itti dabaluun, “mootummaan Itoophiyaa qaamolee baqattoota irratti sarbama namoomaa kamiiyyuu raawwataniif obsa hin qabu” jedhe.

Yeroo ammaa kana baqattoota fi koolu galtoota Sudaan kuma 90 ol Itoophiyaa keessatti akka argaman Hiyumaan Raayitis Waach ibseera. 

Adoolessa 2024 keessa naannoo Amaaraa godina Gondar Lixaatti kan argamu kaampii baqattootaa Awlaal irratti haleellaa raawwatameen lubbuu baqattoota Sudaan lama yoo darbu, baqattoonni 10 madaa’uu Addis Standard gabaase ture.

Taatee kana torban tokko dura iddoo kaampii baqattoota Sudaanitti dhihoo jirutti walitti bu’iinsa humnoota nageenya mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduu uumameen poolisoonni federaalaa sagal ajjeefamuu fi baqattoota irratti miidhaan qaqqabuu ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button