DALDALAODUU

Oduu: IMF liqii miliyoona $248 Itoophiyaaf raggaasise

Finfinnee, Amajjii 18, 2025 – Fandiin Maallaqa Addunyaa (IMF) gulaallii marsaa lammaffaa Jimaata darbe taasiseen liqii Doolaara miliyoona 248 Itoophiyaaf raggaasisuu ibse.

Liqii amma eeyyamame dabalatee IMF walumaagalatti Doolaara biliyoona 1.611 Itoophiyaaf eeyyameera.  

“Hojiin riifoormii IMFn deeggaramu haala gaariin deemaa jiraatus deeggarsi piroojektiileef taasifamu hanga barbaadamuu gadi” ta’uu eeruun hojiin harka qalleeyyii gargaaruufi baajata barbaachisu ramaduun walqabatee hojjatame gadi aanaa ta’uu IMF ibseera.  

Ulaagaaleen barbaachisoon biroo guutamuu eeruun sababa gulaalliin akkaawuntii baankii biyyaalessaa Itoophiyaa Bitootessa 2025tti dabarfameef gulaaalliin caasaa duubattii harkifachuu dhaabbatichi ifoomseera.

Itoophiyaan jijjiirama diinagdee guddaa taasifte hordofuun liqii paakeejii biliyoona $3.4 IMF irraa kan argattu yoo ta’u jijjiiramni diinagdee Adoolessa keessa raawwatame kuni sirni gabaa sharafa alaa gabaarratti hundaa’e akka ijaaramu taasiseera.

Akka gaggeessaa baankii biyyaaleessaa Maammoo Mihratuu (PhD) jedhetti, jijjiiramni diinagdee kuni Itoophiyaan IMF, Baankii Addunyaa fi liqeessitoota biroorraa biliyoona $10.7 akka argattu eeree ture.  

“ce’umsi gabaa walabaatti taasifamu dagaagaa dhufeera,” itti aanaa hojigaggeessa IMF Niigeel Klaark jedheera. Imaammanni gabaa haaraa kuni gabaa tasagabbeessuu eeruun taateen kuni dhiyeessii sharafa maallaqa alaa akka dabalu taasiseera.

Jijjjiramni haa jiraatu malee gabaa kana “itti fufiinsaan too’achuun” barbaachisaa ta’uu Klaark dubbateera. Sharafa alaa too’achuufi imaammata liqii sirnaan hordofuun gabaa tasgabbeessuu keessatti murteessaa ta’uu IMF ibseera.

Akkaataa hojiimaata G20’tiin yaaliin Itoophiyaan liqii dheereffachuuf taasiftuuf beekkamtii kennamuu eeruun “tarkaanfii gaariin fudhatamuu” Kilaark eereera. Gulaalliin marsaa sadaffaa taasifamuun duratti waliigalteen wal hubannaa liqeessitoota waliin akka mallattaa’u  eerameera.

Liqiin raggaasifame kuni waliigaltee hojjattoota boordii IMF fi aanga’oota Itoophiyaa gidduutti gahamee ture hordofeeti.  Gulaalliin marsaa tokkoffaa kanaan dura taasifameen boordiin IMF Doolaara miliyoona 340.7 Sadaasa 18, 2024 Itoophiyaaf raaggaasisee ture. AS

Related Articles

Back to top button