
Finfinnee, Muddee 28/2024 – Itoophiyaa fi Somaalilaand walitti bu’iinsa naannoo Somaalee aanaa Harshiin ganda Da’awaleeyitti mudateefi lubbuun namoota hedduu galaafate dhaabuuf waliigalan.
Walitti bu’iinsa gosoota Isaaqii fi Ogaadan gidduutti Muddee 25, 2024 mudateen lubbuun namoota 35 ol darbuufi hedduun madaa’uu Addis Standard gabaasee ture. Namoonni Somaalilaand irraa dhufan walitti bu’iinsa kana keessatti hirmaachuu maddeen himanii ture.
Taatee kana hordofee walitti bu’iinsa daangaa lafaa uummatoota lamaan gidduutti mudate karaa “nagaafi itti fuffinsa qabuun” xumuruuf biyyoonni lamaan waliigaluu Ministeerri Dhimma Alaa Somaalilaand beeksiseera.
Waliigalteen kuni kan dhagahame, marii magaala guddoo naannoo Somaalee Jigjigaatti Ministira Nageenya Biyya Keessaa Somaalilaand Abdallee Mohaammad Arabiifi aanga’oota waraanaafi sivilii Itoophiyaa waliin taasifame hordofeeti.
Maricharratti rakkoo nageenyaa ture furuuf qaamoleen lamaanuu waliigaluun “hokkorri naannichatti akka itti hin fufne” dhaabsisuuf waliigaluu ibsi Ministeerri Dhimma Alaa Somaalilaand baase ni mul’isa.
Aanga’oonni olaanoo Somaaliilaand kan akka Ministira Pireezidaantummaa Khaadaar Huseen Abdii, Ministira Ittisaa Mohaammad Yusuuf Alii, Meejar Janaraal Nuuh Ismaa’il Taanii, Ajaja Waliigalaa Humna Waraana Somaalilaand maricha irratti hirmaataniiru.
Kana malees, gama Itoophiyaa irraa aanga’oonni olaanoon Naannoo Somaalee maricharratti hirmaataniiru. AS