ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Itoophiyaa fi Somaaliyaa "garaagarummaa fi dhimmoota falmisiisaa gidduu isaanii jiran dhiisuuf" waliigalan

Finfinnee, Muddee 12/2024 – Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad fi Pireezdaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad kaleessa Mudde 11, 2024, marii gam-sadee haala mijeessummaa Pirezidaantii Turkiyee Rasiip Tayip Erdohaaniin Ankaaraatti gaggeeffameen bu’aa dippilomaasii guddaa kan ta’e ‘Waliigaltee Ankaaraa’ mallatteessaniiru.

Erga jalqaba bara 2024 Itoophiyaan Somaalilaand waliin waliigaltee ulaa galaanaa mallatteessite booda yeroo jalqabaaf fuulleetti kan walargan dureewwan biyyoota birmadummaa fi tokkummaa daangaa walii kabajuuf, akkasumas seera idil addunyaa fi qajeeltoowwan Gamtaa Afrikaa kabajuuf waliigalaniiru. 

Waliigalteen mallatteessan, “garaagarummaa fi dhimmoota falmisiisaa ta’an dhiisuuf waliigalleerra” jechuun biyyoonni lamaan badhaadhina waloof tumsaan akka hojjetan waliigaluu isaanii ibsa. 

Akkaataa waliigaltee kanaan haala tokkummaa daangaa Somaaliyaa kabajeen, Itoophiyaan ulaa galaanaa kan argattu ta’a. Kunis biyyoota lamaanif “faayidaa adda addaa” fiduu akka danda’u ibsameera. 

Waliigalteewwan gam-lamee haala Itoophiyaan karaa Somaaliyaatin ulaa galaanaa itti argattu ilaallatan xumuruu dabalatee mariin teeknikaa Guraandhala 2025tti eegalamee ji’oota afur keessatti xumuramu akka jiraatu waliigaltee kaleessa taasifame irratti eerameera.

Kana malees waliigaltichi gumaacha loltoonni Itoophiyaa Ergama Gamtaa Afrikaa jalatti Somaaliyaa keessatti taasisaniif beekamtii kenneera. “Somaaliyaan wareegama loltoonni Itoophiyaa kaffalaniif beekamtii kenniti,” kan jedhu waliigaltichi, gadi fageenya walta’iinsa isaanis cimaa ta’uu ibse. 

Marii kana haala mijeessuu keessatti gaheen Pirezidaantii Turkiyee Erdohaan bahatan bal’inaan faarfameera. “Türkiyee fi Pirezidaant Erdohaan adeemsa kanaaf kutannoo itti fufiinsa qabu agarsiisaniif dinqisiifannaa qabnu ibsina” kan jedhu waliigaltichi, gama lachuutiin waadaa galan hojiirra oolchuu fi garaagarummaa gara fuula duraa kamiyyuu mariidhaan furuu irratti deeggarsa Türkiyee taasiftu simachuu isaanii ibsaniiru.

Waliigaltichi Gaanfa Afrikaa keessatti tasgabbii fi tumsa diinagdee guddisuuf tarkaanfii murteessaa ta’ee ilaalama.

Dudduubee waldhabdee Itoophiyaa fi Somaaliyaa 

Jalqaba bara kanaa Itoophiyaan naannoo Somaaliyaa irraa adda baatee of bulchuu labsite Somaalilaand waliin waliigaltee ulaa galaanaa malleessuu hordofee Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu waldhabdeen uumame. 

Itoophiyaan walabummaa Somaalilaandiif ifatti beekamtii kennuun ulaa aGalaana Diimaa argachuuf waliigaluun ishee Moqaadhishoo biratti ija gaariin hin ilaalamne. Somaaliyaan tarkaanfiin kana akka “birmadummaa fi tokkummaa daangaa Somaaliyaa cabsuutti” ilaalte. AS

Related Articles

Back to top button