ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaa fi Somaaliyaan 'waldhabdee gidduu isaanii furuuf’ marii itti fufuuf waliigalan

Finfinnee, Adoolessa 02/2024 – Mariin marsaa jalqabaa Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu Ankaaraatti gaggeeffamaa ture xumurame. Marii haala mijeessummaa mootummaa Tarkiin gaggeeffame kanarratti biyyoonni lamaan “waldhabdee gidduu isaanii karaa nagaan furuufi ji’a Fulbaana dhufu irra deebiin walarganii mari’achuuf” waliigaluu beeksisaniiru. 

Ministirri Dhimma Alaa Tarkii Hakaan Fidan marii biyyoota lamaan ilaalchisee ibsa kaleessa galgala laataniin, “marichi haala gaariin gaggeeffameera” jechuu ala bu’aa marii kanaa hin ibsine. 

“Mariin gaarii gaggeeffameera. Ministiroonni dhimma alaa dhuma baatii Fulbaana irra deebiin walarganii mari’achuuf beellama qabachuun xumurameera. Biyyoonni lamaan marii kana itti fufsiisuun garaagarummaa isaanii mariidhaan hiikuuf waliigalaniiru,” jedhan. 

Mootummaan Itoophiyaa ibsa har’a baaseen, marii Ankaaraatti gaggeeffame kanarratti jilli biyyoota lamaan Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasadar Taayyee Astqasillaasee fi Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahimad Faaqii durfaman hirmaachuu ibseera. 

Mariin ministiroota lamaan haala mijeessummaa mootummaa Turkiin gaggeeffame kun dhimmoota waldhabdee biyyoota lamaan gidduu uumameef furmaata ta’an irratti “yaada waljijjiirraa ifaa fi michummaa kabajeen” gaggeeffamuu ibseera.

Biyyoonni lamaan waldhabdee gidduu isaanii jiru nagaan furuuf kutannoo qaban ibsuun, marii marsaa lammataaf Fulbaana 02, 2024 walarguuf beellama qabachuu eereera. 

Kun kanaan osoo jiru, xumura marii marsaa jalqabaa hordofee Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad yaada laataniin, Itoophiyaan waliigaltee Somaalilaand waliin mallatteessite haquuf mallattoo akka hin agarsiisne dubbataniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

“Itoophiyaan sarara qabattee irraa deebi’uuf fedhii hin agarsiisne” kan jedhan pireezidaantichi, mariin kun haala mijeessummaa mootummaa Tarkiin akka gaggeeffamu kan gaafatte Itoophiyaa ta’uu eeruun, ministiroonni dhimma alaa biyyoota lamaan fuulleetti walarganii marii akka hin taasifneefi giddu seentummaa Tarkiin marichi gaggeeffamuu himan. 

Mootummaan Somaaliyaa ibsa baaseen, mariin kun garaagarummaa ilaalcha guddaa kan mul’ise ta’uu eeruun, keessumaa mootummaan Somaaliyaa ejjennoo jalqabaa “mootummaan Itoophiyaa waliigaltee seeraan alaa Somaalilaand waliin mallatteesse haquu qaba” jedhu eeggachuu isaafi mootummaa Itoophiyaa irraa yaada kana simachuuf fedhiin jiraachuu dhabuu ibseera. 

Jalqaba bara 2024 Itoophiyaa fi Somaalilaand waliigaltee wal-hubannaa ulaa galaanaa mallatteessuu isaanii hordofee, Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu muddamni mudateera. Somaaliyaan waliigaltichi “tokkummaa daangaa biyyattii kan cabsee fi seeraan alaa” ta’uu eeruun akka haqamu gaafatteetti. AS

Related Articles

Back to top button