DALDALAODUU

Oduu: Itoophiyaan baatilee 11 keessatti al-ergii bunarraa galii dolaara biiliyoona 1.2 argachuu beeksiste  

Finfinnee, Waxabajjii 11/2024 – Itoophiyaan ji’oota 11 darban keessatti oomisha bunaa gara biyya alaa ergite irraa galii dolaara biiliyoona 1.2 argachuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa beeksise. 

Galiin al-ergii kunis buna toonii 252,446 gara gabaa idil-addunyaatti ergame irraa kan madde ta’uu ibsameera.

Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa Obbo Addunyaa Dabalaa, “Itoophiyaan galii al-ergii bunaa ol’aanaa waggaa lama dura argatte caaluuf barana carraa guddaa qabdi,” jedhan.

Bara baajataa 2021/22 biyyattiin buna toonii kuma 300 erguun doolaara biiliyoona 1.4 argattee turte. Kunis riikardii galii gama kanaan argamedha.

Akka Obbo Addunyaan jedhanitti, baatii Caamsaa keessa qofa karoora qabamee turerraa caalmaa 5% galmeessuun buna toonii kuma 43 fi 481 gara alaatti ergameera. 

Gama galiitiin biyyattiin ji’a kana keessa doolaara miiliyoona 209.5 kan argatte yoo ta’u, kunis galii karoorfame dhibbeentaa 7 caaleera.

Haa ta’u malee, Gamtaan Awurooppaa dambii oomishni bunaa gara ardichatti ergamu bosona cirurraa bilisa ta’uusaa mirkanaa’uu akka qabu dirqisiisu (EUDR) galii Itoophiyaan gama kanaan argattu shakkii keessa galcheera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Oomishni bunaa Itoophiyaa 30% ta’uu gara Gamtaa Awurooppaatti ergama. 

Dambiin haaraan Mudde 30, 2024 irraa eegalee hojiirra ooluu kun al-ergitoota Itoophiyaa irratti ulaagaalee ciccimoo kan kaa’u yoo ta’u, kunis galii guddaa biyyattiin argattu irratti dhiibbaa uumuu danda’a. AS

Related Articles

Back to top button