DALDALAODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaan bara 2024 sababa uggura intarneetiin doolaara miiliyoona 211 ol dhabde

Finfinnee, Amajjii 06/2025 – Itoophiyaan bara 2024tti intarneetii cufuu fi uggura miidiyaa hawaasaa mootummaan kaa’een kasaaraa diinagdee Doolaara miiliyoona 211.2 irra gahuu marsariitiin taateewwan uggura intarneetii biyyoota addunyaa gamaaggamu Top10VPN beeksiseera. 

Gabaasni marsariitiin kun baase akka ibsutti Itoophiyaa keessatti bara 2024 intarneetiin sa’aatii 4,680f kan cufame yoo ta’u, kanaanis fayyadamtoonni intarneetii miiliyoona 3.3 ol ta’an miidhamaniiru. 

Itoophiyaan dhiibbaa uggura intarneetii kun geessiseen biyyoota addunyaa irraa sadarkaa 8ffaa, Afrikaa irraa ammoo lammaffaarra taa’uu ishee gabaasichi dabalee ibseera. 

Sadarkaa idil addunyaatti biyyoonni 28 sababa uggura intarneetii fi miidiyaalee hawaasaa akka X, Feesbuukii, Tiiktookii fi kanneen biroon kan miidhaman yoo ta’u, waliigalaan Doolaara biiliyoona 7.69 dhabaniiru. Kanaan walqabatees lammiileen miiliyoona 648 ol miidhaman. 

Paakistaan bara 2024tti kasaaraa maallaqaa ol’aanaa doolaara biiliyoona 1.62 akka mudate gabaasni kun ni mul’isa. Ishee itti aanuun Maayinaamaar (doolaara biiliyoona 1.58) fi Sudaan (doolaara biiliyoona 1.12) argamu. 

Gabaasni Top10VPN kun dabalataan akka ibsutti, biyyoota Afrikaa Sahaaraan gadii jiran keessatti uggurri intarneetii sa’aatii 32,938 tureen kasaaraa dinagdee waliigalaa doolaara biiliyoona 1.56 kan geessise yoo ta’u, fayyadamtoota intarneetii miiliyoona 111.2 irratti dhiibbaa uumeera. 

Kunis naannichi Eeshiyaa (kasaaraa doolaara biiliyoona 4.64) hordofuun akka addunyaatti sadarkaa lammaffaa irratti kan miidhame isa taasisa. 

Gabaasichi sababoota addaan cituu interneetii kan qorannoon adda baase yeroo ibsu; inni ijoon waraana bal’aa fi walitti bu’iinsa yoo ta’u, sababoonni kanneen biroo mormii fi hokkora siyaasaa to’achuuf kan taasifame ta’uu ibseera.

Kasaaraan diinagdee Itoophiyaarra gahe kan bara darbeen wal bira qabamee yoo ilaalamu kan baranaa fooyyee qaba. Top10VPN gabaasa walfakkaataa waggaa tokko dura maxxanseen, sababa cufamuu intarneetiin Itoophiyaan bara 2023 keessatti doolaara biiliyoona 1.9 akka dhabde beeksisuu ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button