Itoophiyaan biyyoota Afrikaa haala hamaan gaazexeessitoota hidhan keessaa tokko ta’uu CPJ ibse

Finfinnee, Amajjii 17/2025 – Itoophiyaan biyyoota Afrikaa haala hamaa ta’een gaazexeessitoota hidhan keessaa tokko ta’uu dhaabbatni idil addunyaa mirga gaazexeessitootaaf falmu Koree Eegumsa Gaazexeessitootaa (CPJ) ibse. 

Dhaabbatichi hidhaa gaazexeessitoota ilaalchisee gabaasa bara 2024 baaseen, Itoophiyaa keessatti gaazexeessitoota hidhaman jaha keessaa shan kan ta’an himata “shororkeessummaa” hanga murtii du’aa adabsiisu irratti banamuu eereera. 

Gaazexeessitoota kanneen keessaa Yashihaassaab Abarraa baatii Fulbaana bara 2024 naannoo Amaaraatti yeroo muddama hidhaan jumlaa hammaataa dhufetti duula mootummaan ”hojii seera kabachiisuu” jedheen to’annoo jala ooluu dhaabbatichi ibseera. 

Gaazexeessaan kun hanga ammaatti sababa hidhamuu isaa akka hin ibsamneefi himannaan tokkollee akka irratti hin banamnees eereera.

Hidhaan kun walitti bu’iinsa naannoo Amaaraa keessatti deemaa jiruun walqabatee mootummaan duula “caasaa gareewwan hidhatanii fi deeggartoota isaanii diiguuf” jedhuun “namoota nagaa, hojjettoota mootummaa, barsiisota, fi gaazexeessitoota” irratti xiyyeeffachuu isaan kan walqabatu akka ta’e CPJ’n ibseera. 

Dhaabbatichi akka jedhutti, mootummaan Itoophiyaa yeroo baay’ee gaazexeessitoota hidhuuf “shororkeessummaa ykn finxaaleeyyii waliin walqabsiisuun himata ykn murtii ifa hin taane” fayyadama.

Afrikaa keessaa Eertiraan biyya gaazexeessitoota baay’ee haala hamaatin hiite jedhamuun sadarkaa tokkoffaarra kan jirtu yoo ta’u, jalqaba bara 2000 irraa eegalee gaazexeessitoonni 16 himannaa seera qabeessa malee mana hidhaatti darbamaniiru. 

Itti aansee Kaameeruun fi Ruwaandaan tokkoon tokkoon isaanii gaazexeessitoota shan kan hidhaman yoo ta’u, Naayijeeriyaan ammoo afur akka hiite ibsameera.

Akka addunyaatti Chaayinaan gaazexeessitoota 50 hidhuun dursaa kan jirtu yoo ta’u, Israa’el (43), Miyanmaar (35), Beelaaruus (31), fi Raashiyaan (30) itti aananii argamu.

Akkaataa odeeffannoo CPJn hanga Muddee 1, 2024 galmeesseen, guutuu addunyaatti yoo xiqqaate gaazexeessitoota 361 hidhamanii akka argaman ibseera. AS

Exit mobile version