ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaan doorsisa fi iyyannoo Masriin dhiyeessitu "himannaa bu'uura hin qane" jechuun kuffiste

Finfinnee, Fulbaana 09/2024 – Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa xalayaa tibbana Masriin Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti barreessite morme. Doorsisa fi iyyannoo Masriin dhiyeessitu “himannaa irra deddeebii bu’uura hin qabne” jedheera

Itoophiyaan kana kan ibsite karaa Ministeera Dhimma Alaatin xalayaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergiteeni.

Xalayaa Addis Standard ilaalee fi Ministirri Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee irratti mallatteessan kun Itoophiyaan itti fayyadama laga Abbayyaa haqa qabeessaa irratti kutannoo qabdu ibsuun, “Masriin garuu bishaanicha qofaa fayyadamuu feeti” jechuun qeeqeera.

Itoophiyaan xalayaa kana kan barreessite xalayaa Ministeerri Dhimma Alaa Masrii guyyoota muraasaan dura mana maree nageenyaatti barreesse hordofeeti. Masriin xalayaa isheetin, guutinsa bishaanii Hidha Haaromsaa “imaammata gam-tokko” jechuun akka hin fudhanne ibsiteetti.

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee xalayaa Pireezidaantii Mana Maree Nageenyaa UN’tti barreessaniin, “himannaa bu’uura hin qabne Masriin Itoophiyaa irratti dhiyeessite guutummaatti hin fudhannu” jedhan.

Xalayichi Ministirri Muummee Masrii dhiyeenya kana “pirojektiin misoomaa laga Naayil irratti gaggeeffamu gahee Masrii hir’isuu hin qabu” jechuu isaanii eeruun, kunis Masriin qofaabfayyadamuu akka barbaaddu agarsiisa jedhe.

Masriin biyyoota yaa’a laga Naayil osoo hin beeksisiin pirojektoota “bu’a qabeessummaan isaanii hin mirkanoofne” hojjechaa turuu kan eere xalayaan Itoophiyaa kun, “Kunis faayidaa fi fedhii biyyoota biroo ilaalcha keessa kan galche miti” jedhe.

Itoophiyaan xalayaa mana maree nageenyaatti barreessiteen, qajeelfama gareen ogeessotaa biyyoota sadan [Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan] kaa’een guutinsa bishaanii hidha haaromsaa raawwachaa jiraachuu ibsiteetti.

Itoophiyaan dhimma kana waliigalteen furuuf kutannoo qabaachuu ibsuun, Masriin garuu karaa nagaan mari’achurraa doorsisa fi iyyannoo irra deddeebiin mana maree nageenyaa UNtti ergitu yaalii karaa nagaa godhamu danquu ibsite.

Dabalataan, “Manni Maree Nageenyaa doorsisa Masriin faallaa chaartara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin Itoophiyaa irratti taasistu qalbeeffachuu qaba,” jette. AS

Related Articles

Back to top button