ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaan ergama AUSSOM bu’a qabeessa taasisuuf Somaaliyaa waliin tumsaan akka hojjettu ibsite

Finfinnee, Amajjii 03/2025 – Itoophiyaan humna nagaa kabachiisaa haaraa Somaaliyaa keessatti ergama haaraa kennameef bobbaafamu (AUSSOM) bu’a qabeessa taasisuuf Somaaliyaa waliin tumsuuf waliigaluu ibsite. 

Jilli Ministira Ittisa Itoophiyaa Aayishaa Mohaammadiin durfamu fi Deetaa Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa of keessa hammate kaleessa Amajjii 02, 2025 Somaaliyaa daawwannaa taasiseera.

Jilli kun ergaa Ministira Muummee Abiy Ahmad irraa Pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammadiif ergame kennuun pirezidaanticha waliin mari’achuu odeeffannoo Ministeera Dhimma Alaa irraa argame ni mul’isa.

Maricha irratti biyyoonni lamaan nagaa fi tasgabbii Somaaliyaa fi naannichaa mirkaneessuuf waliin hojjechuuf kutannoo qaban mirkaneessaniiru.

Biyyoonni lamaan tumsa isaanii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf waliigaluu isaanii eerameera. Dhiyeenya kana qondaaltonni olaanoo Somaaliyaa Finfinnee daawwachuun marii gaggeessuuf waliigaluu isaaniis ibsameera.

Itoophiyaan humna nagaa kabachiisaa haaraa Somaaliyaa keessatti ergama haaraa kennameef bobbaafamu (AUSSOM) keessatti hammatamuun ishee hanga ammaatti ifatti hin ibsamne.

Waliigaltee Ankaaraa hordofuun loltoonni Itoophiyaa deebi’anii ergama haaraa kana keessatti akka bobbaafaman Somaaliyaan “irra deebiin ilaaluuf qophii ta’uu” qondaaltonni mootummaa Somaaliyaa ibsuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.

Daawwannaa jilli Ministira Ittisaa Aayishaa Mohaammadiin durfamu hordofee Ministirri Ittisaa Somaaliyaa Abdulqaadir Nuur Jamaa wareegama fi gumaacha Raayyaan Ittisa Itoophiyaa nageenya Somaaliyaa mirkaneessuuf kaffaleef kabajaa fi galata qaban ibsaniiru.

Ministirri Ittis Itoophiyaa Aayishaa Mohaammad gama isaaniitiin, Itoophiyaan nagaa fi tasgabbii Somaaliyaa mirkaneessuu keessatti gumaacha gochuuf kutannoo akka qabdu ibsaniiru.

Deetaan Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa gama isaaniin nageenyi Somaaliyaa jechuun nagaa Itoophiyaa ta’uu eeruun, rakkoon nageenyaa naannichaa biyyoonni ajandaa misoomaa isaanii irratti akka hin xiyyeeffanne dhorkaa akka jiru hubachiisaniiru.

Ambaasaaddar Misgaanuun biyyoonni lamaan tumsa isaanii cimsuu fi rakkoolee nageenyaa waliin walqabatan saffisaan furuun misooma irratti xiyyeeffachuu akka qaban ibsaniiru.

Torban darbe jilli Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa Alii Mohaammad Omaarin durfamu Itoophiyaatti daawwannaa taasisuun Deetaa Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa waliin marii taasisuu ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button