Finfinnee, Onkoloolessa 31/2024 – Ministirri Muummee Abiy Ahimad har’a Onkoloolessa 31, 2024 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti gaaffii dhiyaateef wayita deebii laatan Itoophiyaa Galaana Diimaa irratti “dantaa biyyaalessaa hin raafamne” akka qabdu dubbatan.
MM Abiy dhimma handaara galaanaa argachu ilaalchisee ibsa miseensota mana marichaaf laataniin “Itoophiyaan dantaa biyyaalessaa hin raafamne qabdi. Itoophiyaan Galaana Diimaa karaa nagaan argachuun akka ishee barbaachisu addunyaan dhagahu qabdi” jedhan.
Dhimma Galaana Diimaa irratti of dhoksuu fi boodatti deebi’uun akka hin barbaachifne kan ibsan MM Abiy, itti dabaluudhaan “nuti waraanas ta’e humnaan argachuu hin barbaannu. Garuu seera fi muuxannoo biyyootaa kamuun argachuuf ni hojjenna” jedhan.
Kana malees, gaaffiin Galaana Diimaa ragaa fi sababa gahaan kan deeggarame ta’uu ibsuun, “gaaffii kana nuti yookaan ijoolleen keenya galmaan ga’u” jedhaniiru.
Dhimma waliigaltee ulaa galaanaa Somaalilaand waliin irra gahame ilaalchisee warreen seenessa “Itoophiyaan dachee Somaaliyaa fudhachuuf waliigalte taasifte” jedhu uumuuf yaalan jiru. Nuti garuu liizii waggaa 99 [isaan] gaafannee kan nuuf eeyyaman kan waggaa 50ti” jedhan.
Itti dabaluunis, “Liiziin waggaa 50 akkamitti saamicha lafaa ta’uu danda’a?” jechuun gaafatan.
“Nuti Somaaliyaatti aanee biyya hawaasa Somaalee baay’ee qabu waan taaneef obboloota keenya waliin ajandaa biraa hin qabnu. Wanti nuti jechaa jirru karra galaanaa xiqqaa nuuf kennaadha,” jedhan.
Itoophiyaan biyya kamiinuu waliin wal waraanuuf fedhii akka hin qabne ibsaniiru. Itti dabaluun, “har’a eenyullee humnaan Itoophiyaa weeraruu hin danda’u, eenyullee!” jedhan.
“Ofirraa ittisuuf dandeettii gahaa qabna. Wantoota duraan bituuf rakkannu amma oomishuu jalqabneerra. Gootas qabna, yoo nu tuqan duubatti hin deebinu” jedhan.
Jalqaba bara 2024 Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu waliigaltee walhubannaa ulaa galaanaa mallattaa’uu hordofee gama Somaaliyaa irraa mormiin jabaa dhagahamaa tureera.
Guyyaa lama dura Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa dippilomaatiin Itoophiyaa Alii Mohaammad Adan “hojii gahee dippilomaasii isaa waliin wal hin simne irratti bobba’e” jechuun sa’aatii 72 keessatti biyyattii gadhiisanii akka bahan ajajuu ni yaadatama.
Waldhabdeen biyyoota lamaan gidduu jiru erga Somaaliyaan Masrii waliin waliigaltee waraanaa taasifteefi Masriin loltoota fi meeshaalee waraanaa gara Moqaadishootti ergite booda daran hammaateera.
Kana malees Somaaliyaani jalqaba baatii Onkoloolesaa keessa Asmaraatti Masrii fi Eertiraa waliin yaa’ii gam-sadii irratti hirmaachuun, biyyoonni sadi Somaaliyaan “daangaa lafaa fi galaanaa ishee akka eegdu” tumsuuf waliigalaniiru. AS