Oduu: Itoophiyaan gamaaggama sadarkaa malaammatummaan biyyoota addunyaa irraa 99ffaa taate

Finfinnee, Guraandhala 12/2025 – Dhaabbanni idil addunyaa ‘Transparency International’ jedhamu kan sadarkaa malaammaltummaa gamaaggamuun biyyoota addunyaatiif sadarkaa kennu bara 2024 Itoophiyaa sadarkaa 99ffaarra kaa’e.
Dhaabbatichi sadarkaa malaammaltummaa biyyoota garaa garaa keessa jiru gamaaggamuun qabxii gadi aanaa hanga 100 (malaammaltummaarraa bilisa) kennu kun Itoophiyaadhaaf qabxii 37 kennuun biyyoota addunyaa 180 keessaa sadarkaa 99ffaarra kaa’eera.
Gabaasa dhaabbatichi baase akka agarsiisutti Itoophiyaan bara darbe 2022 qabxii 38 argachuun sadarkaa 94ffaarra turte yoo ta’u, bara 2023 ammoo qabxii 37 argachuun sadarkaa 98ffaa turte. Baranas qabxii tokkollee osoo hin fooyyeessiin sadarkaa tokko gadi bu’uun 99ffaa taate.
Bara kanas akkuma baroota darbanii biyyoonni Sahaaraan gadi jiran 90% qabxii 50 gadi argachuun tarree biyyoota sadarkaa dhumaarra jiran keessa argamu.
Biyyoota Sahaaraa gadi keessaa Eertiraa (qabxii 13), Somaaliyaa (9), Sudaan Kibbaa (8) biyyoota madaallii kanaan qabxii gadi aanaa argatan ta’aniiru. Biyyi ollaa Itoophiyaa kan taate Keeniyaan ammoo qabxii 32 argachuun addunyaa irraa sadarkaa 121ffaa qabatteetti.
Kanneen qabxii gaarii argatan ammoo Siishalsii (qabxii 72), Keep Vardee (62), Botiswaanaa (57), Ruwaandaa (57) akka argaman gabaasni Tiraanspaaransii Intarnaashinaal agarsiisa.
Sadarkaa idil addunyaatti Deenmaark qabxii 90 argachuun akkuma bara darbee ammas sadarkaa tokkoffaa argatteetti. Ishee itti aanuun Fiinlaand fi Singaapoor sadarkaa itti aanan qabataniiru.
Biyyoonni qabxii 50 gadi argatan rakkoo “malaammaltummaa hammaataa” kan qaban ta’uu kan eere dhaabbatichi, biyyoota addunyaa keessaa gara 70% kan dhiyaatan qabxii 100 keessaa 50 gadi kan argatan ta’uu ibseera.
Biyyoonni 32 bara 2012 irraa kaasee walitti aansee qabxiin isaanii gadi bu’uu eeruun malaammaltummaan sadarkaa addunyaatti dabalaa jiraachuu gamaaggamni bara 2024 agarsiiseera. Akka addunyaatti qabxiin gidduugaleessaa 43 ta’uun ibsameera.
Sirni haqaa aanga’oota too’atuufi haqummaa mirkaneessuu yoo ijaarame malee malaammaltummaan rakkoo hawaasaa ta’uu kan itti fufu ta’uu dhaabbatichi addeesseera. AS