ODUUSIYAASA

Oduu: ‘Itoophiyaan hayyama malee meeshaa waraanaa gara bulchiinsa Puuntlaand ergaa jirti’ - Somaaliyaa

Finfinnee, Fulbaana 21/2024 – Mootummaan Somaaliyaa meeshaa waraanaa “hayyama malee” Itoophiyaa irraa gara bulchiinsa Somaaliyaa kan taate Puuntlaanditti ergamaa jira jedhe akka isa yaaddeessu ibse.

Ministeerri Dhimma Alaa fi Tumsa Idil-addunyaa Somaaliyaa ibsa Fulbaana 20, 2024 baaseen, konkolaattonni fe’umsaa lama “hayyama tokko malee” meeshaa waraanaa fe’anii Itoophiyaa irraa gara Puuntlaand geejjibsiisuu isaanii ragaa galmaa’een mirkaneessuu ibseera.

Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa taatee kana ”birmadummaa Somaaliyaa kan sarbu” fi ”nageenya biyyaa fi naannawaa Gaanfa Afrikaa irratti balaa hamaa kan qabu” jechuun ibseera.

Kanaan duras meeshaan waraanaa seeraan ala Itoophiyaa irraa gara Somaaliyaatti geeffamee akka ture kan eere mootummaan Somaaliyaa, “meeshaaleen gara naannoo Gulmuduug, akkasumas gara naannoo Baayidawaatti ammoo xiyyaaraan geejjibsiifamaa ture” jedhe. Taateewwan kunneen ”birmadummaan Somaaliyaa sarbamuu itti fufuu agarsiisa” jedhe.

Himannaa mootummaa Somaaliyaa irraa dhiyaate kanaaf mootummaan Itoophiyaa hanga ammaatti deebii laate hin jiru.

Himannaan kun kan dhiyaate waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu jalqaba bara 2024 mallatteeffame hordofee Somaaliyaa fi Itoophiyaa gidduu waldhabdeen yeroo uumamee jiruttidha. Waldhabdee kana furuuf biyyoota lamaan gidduu Ankaaraatti marii marsaa lamaan kan gaggeeffame ta’uus hanga ammaatti garuu bu’aan argame hin jiru.

Kanaan dura Somaaliyaan naannoo daangaa Itoophiyaa, Shiilamadow jedhamutti konkolaataa fe’umsaa meeshaa waraanaa fe’ee to’achuu fi Itoophiyaa irraa kan dhufe ta’uu beeksifte turte. Itoophiyaan himannaa sanaaf deebii kenniteen, ”ibsa itti gaafatamummaa hin qabne” qondaaltonni Somaaliyaa laataniin gadduu ibse turte.

Somaaliyaan ibsa kaleessa baasteen, sochiin meeshaalee waraanaa jedhame kun hatattamaan akka “dhaabbatu” kan gaafatte yoo ta’u, “michoota naannoo fi idil-addunyaa” dhimmicha akka furan waamicha dhiheessiteetti. Mootummaan dhimmicha “marii dippilomaasii” fi “hammattoo walta’iinsaatiin” furuu akka filatu ibseera.

Ji’oota muraasa dura Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii uggura meeshaa waraanaa bara 1992 irraa eegalee Somaaliyaa irratti kaa’e ture kaasuu beeksisuu ni yaadatama. 

Ministirri Biyya Keessaa naannoo Puuntlaand, biyyattiin “qoqqoodamtee fi gargar ciccittee waan jirtuuf” uggura kana kaasuun ”dogoggora guddaadha” jechuun balaaleeffate ture. AS

Related Articles

Back to top button