DALDALAODUU
Trending

Oduu: Itoophiyaan imaammata gatiin sharafa alaa gabaa jiruun akka murtaa’u labsu hojiirra oolchite

Finfinnee, Adoolessa 29/2024 – Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa fooyyessa sirna bulchiinsa sharafa alaa har’a Adoolessa 29, 2024 irraa eegalee hojiirra oolu taasisuu beeksise. 

Fooyya’insa sharafa alaa har’a irraa eegalee hojiirra oolu kun jijjiirama imaammata qabu keessaa tokko tilmaamni sharafa alaa sirna gabaa baankotaa fi maamiltoota gidduutti murtaa’uutti kan ce’u ta’uu baankichi ibseera. 

Gaheen Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa ammoo gabaa tasgabbeessuu irratti kan xiyyeeffatu ta’uu eerameera.

Dabalataan yeroo ammaa biirolee sharafa alaa (Forex Bureaus) baankotaan hundeeffamanii hojiirra jiranitti dabalataan biiroleen sharafa alaa dhuunfaa kan hundeeffaman ta’uun eerameera. Biiroleen sharafa alaa dhuunfaa gatii gabaatiin maallaqa calla sharafa alaa akka bitanii fi gurguran eeyyamni ni kennama. 

Mootummaan imaammata bulchiinsa sharafa alaa gabaan murteeffamu hojiirra oolchuu hordofee Baankiin Daldala Itoophiyaa gatii bittaa fi gurgurtaa Dolaara Ameerikaa irratti daballii birrii 17 ykn dhibbeentaa 30 taasisuu beeksiseera. 

Baankichi har’a ganama akka beeksisetti, Dolaarri Ameerikaa tokko Jimaata darbe birrii 58.63 gurguramaa ture irraa gara 76.23 kan ol guddate yoo ta’u, gatiin bittaa ammoo birrii 57.48 irraa gara 74.73 dabaluu ibsameera. 

Fooyyessiin taasifame biroo ammoo sharafa alaa baankii biyyaalessaaf akka dabarfamu dirqamni ture hafudha. Kanaanis al-ergitoonni fi baankonni daldalaa sharafa alaa horatan ofii isaaniif hambifachuu kan danda’an yoo ta’u, dhiyeessii sharafa alaa damee dhuunfaaf kennamu harkaa dachaan kan fooyyessuudha. 

Dabalataan, kanaan dura shaqaxoota daldala galii 38 irratti dhorkiin kaa’amee turee ka’eera. Yaa’iinsa herreega kaappitaalaa gara alaatti taasifamu akkuma kanaan duraa kan daangeffame ta’us, gabaan sharafa alaa shaqaxootaa galii fi tajaajilootaaf bilisaa akka ta’u eerameera. 

Lammiileen Itoophiyaa biyya keessa jiraataaniif maallaqni karaa tajaajila haawaalaan ergaman, mindaan sharafa alaan kaffalamuuf/ galiin kiraa fi galiiwwan biroof/ akkaawuntii sharafa alaa akka banatan, akkasumas herreega kanneen fayyadamuun tajaajila kaffaltii alaa akka raawwatan eeyamameera.

Kana malees, dhaabbileen Zoonii Diinagdee Addaa keessatti hojjetan galii sharafa alaa guutummaatti qabachuu dabalatee mirgi fayyadamummaa sharafa alaa addaa kennameefi jira.

‘Miindaa dabaluuf yaadameera’

Fooyyessi sirna bulchiinsa sharafa alaa taasifame qaala’insa jireenyaa fiduu akka malu kan eere baankichi, lammiilee galii gadi aanaa argatanirra dhiibbaa ga’uu malu salphisuuf mootummaan tarkaanfii garagaraa fudhachuu karoorfachuu beeksiseera. 

Tarkaanfiin kanneen keessaa daballiin miindaa hojjettoota mootummaa eerameera. “madda maallaqaa jiru fayyadamuu fi hanqina baajata mootummaa haala hin hammeessineen, hojjettoota mootummaaf miindaan deeggarsa qaala’iinsa jireenyaa taasisuuf” akka yaadame eerameera. 

Kana malees, mootummaan gatii shaqaxootaa bu’uuraa alarraa galan yeroof deeggarsa taasisuuf murteessuun eerameera. Gama kanaan kanneen akka boba’aa, xaa’oo, qorichaa, zayiita nyaataa fi kanneen biroon shaqaxoota bu’uuraa afur alarraa galan dhiibbaan gatii yeroo tokkichatti shamattootaaf akka hin dabarre murteesseera. 

Mootummaan tarkaanfii kana hordofee Dhaabbata Maallaqa Addunyaa, Baankii Addunyaa fi liqeessitoota biroo irraa deeggarsa dolaara biiliyoona 10.7 argachuu beeksiseera. AS

Related Articles

Back to top button