ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaan madaallii bilisummaa interneetiin biyyoota Afrikaa keessaa sadarkaa gadi aanaa galmeessite

Finfinnee, Onkoloolessa 16/2024 – Dhaabbatni bilisummaa dimokraasii irratti hojjetu ‘Freedom House’ gabaasa bilisummaa intarneetii addunyaa kan bara 2024 baaseen, gama kanaan sadarkaa Afrikaatti fooyya’insi mul’achuu ibsuun bilisummaan intarneetii Itoophiyaa keessa jiru gadi bu’uu eereera.

Itoophiyaan madaallii bilisummaa intarneetii 100 keessaa qabameen 27 qofa galmeessuun “biyya bilisummaan intarneetii keessa hin jirre (Not Free)” jedhamteetti. Afrikaa keessaa sadarkaa dhumaa qabatteetti.

Dhaabbatichi biyyoota Afrikaa 17 keessatti qorannoo kan gaggeesse yoo ta’u, madaallii kanaan Afrikaa Kibbaan 74 galmeessuun Afrikaa keessaa sadarkaa duraa qabatteetti. Keeniyaan ammoo 64 galmeessuun ardii Afrikaa keessaa sadarkaa sadaffaa qabatteetti. 

Biyyoota kan akka Gaanaa fi Zaambiyaa ammoo bilisummaa intarneetii haalaan fooyyessaa jiraachuu isaanii jajeera.

Biyyoota walitti bu’iinsa qaban keessatti bilisummaan interneetii daangeffamee akka jiru kan ibse dhaabbatichi, Itoophiyaa fi Sudaan akka fakkeenyaatti kaaseera.

“Biyyoota akka Itoophiyaa walitti bu’iinsaan raafamaa jiran keessatti cufamuu interneetiin walqabatee hanqina odeeffannoo waan mudateef haalli jiru daran akka hammaatu taasiseera” kan jedhe dhaabbatichi, haalli kunis gaazexeessitoonni dhiittaa mirga namoomaa raawwataman akka hin saaxille danqaa ta’uu ibse.

Akkasumas gaazexeessitoota dabalatee namoonni hedduu odeeffannoo karaa intarneetiin qoodaniin hidhaa fi dararaaf saaxilamuu eereera. 

Itoophiyaan bara 2023 qofa intarneetii cufuudhaan Dolaara biiliyoona 1.5 ol akka dhabde qorannoon Giddugala Dagaagina Mirgootaa fi Dimookiraasii (CARD) gaggeesse akeeku isaa gabaasuun keenya ni yaadatama. 

Akkaataa qorannichaatti, bara 2023 qofa Itoophiyaa keessatti tajaajilli intarneetii sa’aatii 14,910f addaan citee tureera. Sababa kanaanis fayyadamtoonni intarneetii miiliyoona 29 ol ta’an miidhamuu ibsameera. 

Sababni addaan cituu intarneetii kanaa waldhabdee fi tasgabbii dhabuu kutaalee biyyattii hedduu keessatti mudachaa jiru ta’uu CARD ibseera. AS

Related Articles

Back to top button