ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: 'Qaamoleen kaan Gaanfa Afrikaa nagaa dhabsiisuuf yeroo socho'an callisee hin ilaalu' - Itoophiyaa

Finfinnee, Hagayya 29/2024 – Mootummaan Itoophiyaa Ergama Ce’umsaa Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaatti bobba’e (ATMIS) humna nagaa kabachiisaa biraan bakka buusuuf sochiin taasifamu “balaadhaan kan guutame” jechuun yaaddoo qabu ibse.

Itoophiyaan “osoo qaamoleen kaan naannicha tasgabbii dhabsiisuuf socho’aa jiranii callistee hin ilaaltu” kan jedhe Ministeerri Dhimma Alaa, Itoophiyaan naannicha keessatti wantoota nageenya ishee balaadhaaf saaxiluu danda’an dammaqinaan hordofaa akka jirtu ibseera.

Ibsi kun kan ba’e Masriin qondaaltota waraanaa fi meeshaalee gurguddoo gara Somaaliyaa Moqaadishootti erga ergitee guyyaa tokko booda yoo ta’u, kunis qaama adeemsa humnoota Masrii 10,000 ta’an Somaaliyaatti bobbaasuuf karoorfame ta’uu miidiyaaleen gabaasaniiru.

Ji’a Caamsaa bara kanaa Somaaliyaan, Ergamni Ce’umsaa Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa (ATMIS) hojiisaa Muddee dhufu yeroo xumuru humna nagaa kabachiisuu bakkasaa buufamu keessatti “loltoonni Itoophiyaa hin hammataman” jette turte.

Itoophiyaan ergama nagaa kabachiisaa haaraa Somaaliyaa keessatti bobbaasuuf karoorfame ilaalchisee qooda fudhattoota ijoo waliin mariin bal’aa akka taasifamu Gamtaan Afrikaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniitti iyyatteetti.

“Gamtaan Afrikaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ce’umsa kanaaf yeroo qophaa’aa jiranitti naannichi gara muddamaa seenaa jira. Iyyanni Itoophiyaa fi biyyoonni loltoota gumaachan irra deddeebiin taasisaa turan xiyyeeffannoo hin arganne,” kan jedhe Ministeerichi, itti dabaluun “Itoophiyaan ibsa diinummaa fi wareegama Raayyaa Ittisa Itoophiyaa kaffale xiqqeessu qaamolee kaan [Somaaliyaa] irraa bahu tuffattee akka bira darbitu irraa eegamaa jira” jedhe.

Itoophiyaan “nageenya fi tasgabbii Somaaliyaa fi naannichaaf, guddina walootif, akkasumas walitti dhufeenya cimaa ummatoota naannichaa guddisuuf dadhabbii malee hojjettee jirti” jechuun irra deebi’ee ibseera.

Mariin haala mijeessummaa mootummaa Turkiitin, Somaaliyaa fi Itoophiyaa gidduu gaggeeffame irratti bu’aa qabatamaa argamuu kan ibse ministeerichi, “haata’u malee mootummaan Somaaliyaa nageenyaaf tattaaffii taasisuu mannaa, qaamolee alaa naannicha tasgabbii dhabsiisuuf kaayyeffatan waliin hojjechaa jira,” jechuun himate.

Itoophiyaan qaamoleen ergama nagaa kabachiisaa haaraa qopheessuu fi hayyamuuf itti gaafatamummaa qaban hundi yaaddoo biyyoota naannichaa fi loltoota gumaachan tilmaama keessa galchuu akka qaban hubachiifteetti. “Humnoonni kaayyoo yeroo gabaabaa fi bu’aa hin qabneef waldhabdee qabsiisuuf yaalan of qusachuu qabu. Itoophiyaan gochaalee bu’aa gareewwan shororkeessitoota naannichaa fi idil-addunyaa irratti argaman balaadhaaf saaxilan kanaaf obsa hin qabdu.”

Ministeerichi itti dabaluudhaan, Itoophiyaan “garaagarummaa jiru karaa nagaan hiikuuf akkasumas ummata Somaaliyaa fi hawaasa addunyaa waliin ta’uun nagaa fi tasgabbii naannichaa eegsisu irratti hojjechuuf” kutannoon akka qabdu ibseera. AS

Related Articles

Back to top button