ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaan sarbiinsa mirga namoomaatiin yeroo himatamtutti miseensa Mana Maree Mirga Namoomaa UN ta’uun filatamte

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2024 – Itoophiyaan si’a sadaffaaf miseensa Mana Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta’uun filatamte.

Itoophiyaan miseensa mana marii kanaa taatee kan filamte battala Hiyuumaan Raayts Waach biyyattii yakka “dhiittaa mirga namoomaa sukaneessaatiin” yakkaa jiruttiidha.   

Filannoon kuni kan gaggeeffame yaa’ii dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 79ffaa tibbana Niiw Yoorkitti gaggeeffamee turerrattiidha. Itoophiyaan kanaan dura bara 2013 hanga 2015ttiifi 2016 hanga 2018 tajaajiltee ture.

Carraan miseensummaa kuni Itoophiyaan biyyoota taatee sarbiinsa mirga namoomaa addunyaarratti murtee kennan keessaa tokko akka taatu ishee taasisa.

Yeroo miseensummaa darbanitti Itoophiyaan “marii mirga namoomaa idiladdunyaa jabeessuufi dhimmoota nageenyaa, tasgabbiifi misooma itti fufaa furuurratti” hirmaachuu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibseera.

Haa ta’u malee, Itoophiyaan miseensummaadhaaf kan filatamte battala Hiyuumaan Raayts Waach (HRW) biyyatti dhiittaa mirga namoomaatiin yakkaa jiruttiidha. HRW ibsa Caamsaa bara kanaa keessa baaseen “humnoonni mootummaa dhiittaa mirga namoomaa sukaneessaa keessummaa annaannolee waraanaan hubamanitti raawwachuu itti fufaniiru” jedhee ture.

Waraanni humnoota mootummaafi hidhattoota naannoo Amaaraa gidduutti itti fufee jiraachuu ibsichi eereera.  Lola kanaan “lubbuun namoota 2,000 ol ta’an darbuu, miidhaa saalaa (koornayaa)fi  qabeenyi hawaasaa manca’uu” HRW ibsera.

Hagayya 2023 kaasee yakki waraanaa kan akka ajjeechaa jumlaafi haleellaan buufataalee fayyaarratti raawwatamuu gabaasni HRW ni ibsa.

Kana malees, hidhaan jumlaafi ajaja mana murtii malee hidhaan yeroo dheeraa naannichatti raawwatamuun eerameera. AS

Related Articles

Back to top button