ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaan yaa'ii UN irratti 'himannaa bu'uura hin qabne' Somaaliyaan dhiyeessitu balaaleeffate

Finfinnee, Fulbaana 28/2024 – Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Taayyee Atsiqasillaaseen himannaa Somaaliyaan waliigaltee wal-hubannaa Itoophiyaa fi Somaalilaand irratti dhiheessitu ”bu’uura kan hin qabne” jechuun kuffisan. Somaaliyaan waldhabdee kakaasuun ”muddama siyaasaa keessoo ishee dhoksuuf” yaalaa akka jirtu dubbatan.

Ambaasaaddar Taayyeen Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 79ffaa irratti haasawa taasisaniin, waliigaltichi “guddina fi badhaadhina waloo naannichaa” guddisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Akkasumas ”waliigalteewwan walfakkaatan biyyoota birootiin raawwatamuu” hubachiisaniiru.

“Kanaafuu himannaa bu’uura hin qabne biyya koo irratti baname nan morma,” kan jedhan Ambaasaaddar Taayyeen, “maqaan Itoophiyaa himannaawwan kunneen waliin gonkumaa walqabsiisuun hin danda’amu” jedhan.

Somaaliyaan shororkeessummaa furuu irratti akka xiyyeeffattu gaafachuun, ”gareewwan shororkeessaa ummata naannichaa gidduutti jeequmsa uumuuf socho’aa jiran dhabamsiisuuf” tumsi akka taasifamu gaafataniiru.

Ambaasaaddar kana kan jedhan haasaa Ministirri Muummee Somaaliyaa Hamzaa Abdii Baarree, Itoophiyaan tokkummaa daangaa Somaaliyaa sarbite jechuun himannaa dhiyeessaniif deebii kennuudhaani.

Ministirri Muummee Hamzaa Abdii Baarreen haasaa yaa’ii waliigalaa UN’tti taasisaniin, “Soomaaliyaan yeroo ammaa gocha tokkummaa daangaa sarbu Itoophiyaan dhiheenya kana raawwatteen rakkoon hamaa ishee mudateera,” jedhan.

Itti dabaluudhaanis, “Itoophiyaan galaana qaqqabuuf jecha qaama bulchiinsa Somaaliyaa kutuuf yaaliin gootu seeraan ala, kan hin barbaachifnedha,” jedhan.

Ambaasaaddar Taayyeen, ”sochii dhiheenya kana humnoonni gaanfa Afrikaatiin ala jiran taasisaa jiran” irratti yaaddoo qaban ibsaniiru. Gochoonni kun tattaaffii nagaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf taasifamu kan miidhu ta’uu isaanii ibsaniiru.

Humnoonni alaa kunneen ”gocha itti gaafatamummaa hin qabne hatattamaan akka dhaaban” gaafachuun, hawaasni addunyaa balaa sochiiwwan akkanaa geessisan akka hubatu gaafataniiru. AS

Related Articles

Back to top button