ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Itoophiyaatti bara 2023 keessa sarbiinsi mirga namoomaa dabaluu UN ibse; 70% kan ta’u humnoota mootummaatiin raawwatame jedhe

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2024 – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Waajjira Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa (OHCHR) gabaasa tibbana baaseen akka jedhetti, Naannoolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti sarbiinsi mirga namoomaa dabaluun yaaddeessaadha jedheera.  Waliigaltee Piriitooriyaa hordofee naaannoo Tigraay keessatti jiijjiiramni gaarii mul’achuu ibseera.

Bara 2023 keessatti taatewwan sarbiinsa mirga namoomaa 594 mudachuu eeruun lammiileen 8235 hubamaniiru jedhe. Kan bara darbeerra 55.9% dabaluu gabaasichi addeesseera.

Sarbiinsa mirga namoomaa mudatan keessaa 70% kan ta’an humnoota mootummaatiin raawwataman namoota 7,103 irra miidhaa qaqqabsiiseera jedhe.

Hidhattoonni qaama mootummaa hin taane yakkoota raawwataman kessaa 23% geessisaniiru jedhe. Gochaaleen 25 ta’an haleellaa humni waraanaa Eritraa Tigraay keessatti raawwataniin walqabata jedhe.

Naannoo Oromiyaatti sababa waraana mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti gaggeeffamuun ajjeechaan namoota 366 galmeeffamuu ibseera. Namoota naannoo Oromiyaatti ajjeefaman keessaa 46 dubartoota jedhame.

Akka gabaasichaatti, bara 2023 keessa lammiileen nagaa 740 ajjeefamuun irra jireessi waraana humnoota mootummaafi hidhattoota naannoo Amaaraa keessa socho’an gidduutti gaggeefameen kan walqabatu jedhe.

Haleellaa milishaa naannolee Oromiyaafi Amaaraa, milishaa naannolee Oromiyaafi Somaalii gidduutti raawwatameen lubbuun namaa darbeeera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Raayyaan ittisa biyyaa diroonii fayyadamuun yaadeessaa ta’uu eeruun ji’oota Hagayya 2023 hanga Sadaasa 2023 gidduutti haleellaawwan diroonii 23 gaggeeffamaniin namoonni 248 ajjeefamuun 55 irraan miidhaa qaamaa geessisaniiru jedhe.

Labsiin yeroo muddamaa Hagayya 2023 labsamuu hordofee namoonni hedduu hidhamaniiru. Hidhaan kuni namoota sabaan Amaara ta’an irratti xiyyeffata jedhame.

Namoonni 4,879 giddugala tursiiftuu 16 keessatti hidhamanii argamu jedhe. Gudeeddiin yakkoota raawwataman keessaa tokko ta’uu gabaasichi addeesseera. Hokkorri mudachaa jiru kuni namoota qe’eerraa buqqisaa jira.

Buqqaatonni kunneen nyaata, tajaajila fayyaa, bishaaniifi iddoo boqonnaa gahaa hin qbaan jehde. Rakkoo tasgabbii naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti mul’atan hatattamaan furuun barbaachisaa ta’uu eerameera.

Mariin nageenyaa mootummaa fi WBO gidduutti Taanzaaniyaatti eegalame tarkaanfii gaarii ta’uu gabaasichi ibseera. Haa ta’u malee, fashalaa’uu marichaa hordofee haleellaan naannoo Oormiyaa keessatti mudatu dabaluu gabaasichi addeesseera.

Hokkora mudate furuuf rakkoo siyaasaafi sarbiiinsa mirga namoomaatiif furmaata hatattamaa barbaaduun nagaafi itti gaafatamummaa mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu OHCHR Voolkar Tuurk dubbateera.

Rakkoo kana furuuf hawaasni idiladdunyaa “duula nagaa” mootummaan gaggeessa jiru tumsuun, marii nagaa akka gaggeeffamu deegaruu, itti gaafatamummaa mirkaneessuuf gaheesaanii akka taphatan OHCHR dhaameera. AS

Related Articles

Back to top button