ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaatti gareewwan mirgaa ugguraman ‘haal-duree tokko malee’ hojiitti akka deebi’an gaafatame

Finfinnee, Amajjii 08/2025 – Dhaabbatni ‘Sochii Dimokiraasii Addunyaa’ jedhamu mootummaan Itoophiyaa “hatattamaani fi haal-duree tokko malee” uggurri dhaabbilee hawaasa siivikii irratti kaa’e akka kaasu gaafate. Uggura dhaabbilee kanneen “duula” gareewwan mirga namoomaa irratti xiyyeeffate jechuun ibseera. 

Dhaabbatichi ibsa Amajjii 07, 2025 baaseen Itoophiyaa keessatti dirreen siivilii cufamaa akka jiru eeruun, kanaanis yaaddoo qabu ibseera. Hawaasa siivikiidhaaf haala mijeessa ta’e uumuuf haaromsi akka taasifamu gaafateera.

Ibsichi tarkaanfiiwwan Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Sadaasa hanga Muddee 2024 gidduutti gareewwan mirga namoomaa beekamoo ta’an shan hojiirraa dhorke kaaseera. Abbaan Taayitich Mana Maree Mirga Namoomaa Itoophiyaa fi Giddugala Falmaa Mirga Namoomaa Itoophiyaatin “dantaa biyyaalessaa irraa faallaa” socho’an jechuun uggureera. 

Baatii Sadaasa darbe Giddugala Dagaagina Mirgootaa fi Dimokiraasii (CARD), Waldaa Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (AHRE), fi Ogeessota Seeraa Mirgoota Namoomaaf (LHR) “gochaalee dantaa biyyaa miidhan irratti hirmaatan” jedhamuun ugguramanii turan.

Dhaabbileen kunneen Muddee 12tti uggurri isaanii akka kaafame kan itti himame ta’uus, CARD fi LHR “dogogora darbe irraa barachuu hin dandeenye” jedhamanii guyyoota jaha booda irra deebiin ugguramaniiru

Sochiin Dimokiraasii Addunyaa dhaabbileen hojii irraa dhorkaman “gabaasa faayinaansii dhiyeessuu fi hojjetoota Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Siivilii waajjira isaaniitti simachuudhaan himata Abbaa Taayitichaaf deebii kennaniiru” jedheera. Yaaliin kun godhamus dhaabbileen kunneen ammallee dhorkamanii akka argamanii fi herreegni baankii isaaniis ugguramuu ibse. 

Gareen kun gocha Abbaa Taayitichaa “iftoomina fi ibsa gahaa kan hin qabne, akkasumas himannaa ifa hin taane” jechuun ibseera. Itti dabaluudhaanis, dhaabbileen kunneen kan ugguraman xalayaa yaada fooyya’iinsa seera miidiyaa Itoophiyaa mormu erga mallatteessanii yeroo muraasa booda akka ta’e ibseera. 

Akka dhaabbatichi jedhutti, fooyya’iinsi kun Waajjira Muummicha Ministeeraatiif to’annoo guddaa kennuudhaan “walabummaa” abbaa taayitaa miidiyaa biyyattii kan miidhu ta’a.

Ibsichi Labsii Hawaasa Siivilii bara 2019 eeruun, Itoophiyaan kanaan dura dhaabbilee miti mootummaaf “haala dandeessisaa ta’e” uumuuf carraaqqii goote beekamtii kenneera. Bu’uurri seeraa amma jiru garuu “mootummaaf aangoo bal’aa kennuun” sochii isaanii keessa akka seenu ibseera.

Dhaabbileen idil addunyaa mirga namoomaaf falman murtoo uggura kanaa qeeqaa turaniiru. Dhaabbatni mirga namoomaa idil addunyaa ‘The World Organisation Against Torture’ jedhamu murteen mootummaan dabarse kun “dirree dhaabbilee siviilii dhiphisa” jechuun qeeqe. 

Mootummaan murtee kanaaf akka sababaatti dhaabbilee siviilii kunneen ‘walabummaa siyaaasaa hin qaban’ kan jedhe ta’uus dhaabbatni mirga namoomaa idil addunyaa kun ibsa isaatin sababni mootummaan kaa’e “bu’uura hin qabu” jedhe.

Dhaabbatni mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal gama isaatin murteen dhaabbilee siivilii sadii dhorkuun “dirreen siviilii dhiphachaa jiraachuu agarsiisa” jechuun qeeqe. AS

Related Articles

Back to top button