
Finfinnee, Amajjii 08/2025 – Mootummaan gatii gurgurtaa oomishaalee boba’aa irratti sirreeffama taasisuu hordofee, gatiin beenzilaa seenaa Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif liitirri tokko birrii 100 caaleera.
Kaleessa Amajjii 07, 2025 irraa eegalee gatiin beenzilaa liitira tokkoo %11.5 dabaluun gara birrii 101.47tti ol guddateera.
Kana malees gatiin naafxaa fi keeroosinii dhibbeentaa10 dabaluun birrii 98.98 akka ta’e Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksiseera.
Akka Ministeerichi jedhutti murtoon gatii boba’aa dabaluu kun kan darbe aangoo Manni Maree Ministirootaa irraa kennameefin yoo ta’u, kunis ji’a ji’aan gamaaggamaa fi sirreeffama gatii gurgurtaa oomishaalee boba’aa kan hayyamudha.
Daballiin gatii boba’aa ammaa kun mootummaan sirreeffama gatii boba’aa liitira tokkoof hanga birrii saddeetitti ol guddise hojiirra oolchee ji’a sadii booda ifoome.
Onkoloolessa 07, 2024 mootummaan gatii beenzilaa liitira tokko gara birrii 91tti kan guddise yoo ta’u, gatiin naafxaa fi keeroosiinii liitira tokko birrii 90tti akka gurguramu murteesse ture.
Sirreeffama gatii lama kanaan dura walitti aansuun taasifaman ilaalcha keessa galchuun gatiin beenzilaa liitira tokko ji’oota sadii keessatti birrii 19 kan dabale yoo ta’u, kunis daballii %22.8 qabaachuu agarsiisa. Gatiin naafxaa fi keeroosiinii ammoo birrii 15 ol dabaleera.
Gorsaan Ministira Daldalaa Walitti Hidhamiinsa Naannawaa kan ta’an Ahmad Tusaa sababni daballii gatii boba’aa kanaa gabaa addunyaa irratti jijjiirama gatii boba’aa mul’achaa jiruufi riiformiin diinagdee tibbana hojiirra oole ta’uu dubbatanii turan.
Obbo Ahmad itti dabaluudhaan sharafni alaa amma jiru, boba’aa gara Itoophiyaatti galchuufi geejjibuuf baasii bahu ilaaluun gatiin boba’aa liitira tokkoo hanga birrii 120 ol dabaluu akka danda’u ibsaniiru.
Dhiheenya kana Addis Standard sirreeffama gatii boba’aa ji’a Onkoloolessaa fi sana booda taasifame hordofuun maatii galii gadi aanaa fi dhaabbataa qaban irratti dhiibbaa mudate gabaasuun ni yaadatama. AS