Oduu: Itoophiyaatti sababa walitti bu'iinsaa fi buqqaatiin daa'imman miliyoona sagal ol barnoota ala ta'aniiru: UN

Finfinnee, Amajjii 03/2025 – Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii (UN) gabaasa haaraa baaseen yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti daa’imman miliyoona sagal ol sababa walitti bu’iinsa, hokkara, balaa uumamaa, fi buqqaatiin barnoota ala ta’uufi manneen barnootaa 6,000 ol cufamuu ibseera.
Akka gabaasa Dhaabbata Gargaarsa Daa’immanii Mootummoota Gamtooman (UNICEF) jedhutti, manneen barnootaa 10,000 ol kan waliigala biyyattii keessaa %18 ta’an waldhabdee fi balaa uumamaatiin miidhamaniiru. Kunis “bakka barumsaa nageenya qabu daran hir’isee jira” jedhe.
Daa’imman barnootaan ala ta’an baay’inaan naannoo Amaaraa (miiliyoona 4.4), Oromiyaa (miiliyoona 3.2), fi Tigraay (miiliyoona 1.2) keessatti akka argaman gabaasichi ibsa.
Dhiheenya kana Foramniin Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Naannoo Amaaraa akka ibsetti daa’imman naannichaa miiliyoona 4.7 ta’an barnoota ala kan ta’an yoo ta’u, bara barnootaa kanatti kan galmaa’e %32 qofa ta’uu ibseera.
Dabalataanis, manneen barnootaa 4,870—-waliigala naannichaa keessaa %47 kan hammatan—sababa walitti bu’iinsaa fi nageenya dhabuutiin cufamanii kan jiran yoo ta’u, manneen barnootaa 1,500 ol barbadaa’aniiru.
Naannoo Amaaraa keessatti daa’imman barnootaan ala jiran keessaa %50 ol godinaalee Goojjam Kaabaa, Dhihaa, fi Bahaa, akkasumas Godina Giddugaleessa Gondar keessatti argamu.
Gama biraatin waldhabdeen Lixa Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru damee barnootaa irratti dhiibbaa guddaa kan geessise yoo ta’u, yoo xiqqaate manneen barnootaa 730 cufamanii barattoonni 210,000 ol barnoota ala ta’uu isaanii Addis Standard Caamsaa 2024 keessa gabaaseera. AS