ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaatti walitti bu’iinsa hammaachaa dhufeen walqabatee ajjeechaan lammiilee nagaa dabalaa jira: KMNI

 Finfinnee, Adoolessa 05/2024 – Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) gabaasa waggaa haala qabiinsa mirga namoomaa Itoophiyaa Waxabajjii 2023 hanga Waxabajjii 2024tti jiru bal’inaan ibsu har’a ifa godheera. 

Gabaasni fuula 132 guyyaa Komishinarri Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Daani’eel Baqqalaa (PhD) “bara hojii isaanii xumuruun” aangoo irraa gaggeeffamanitti bahe kun, waggaa darbe kutaalee biyyattii hedduu keessatti walitti bu’iinsa hidhannoo, haleellaa fi rakkoolee nageenyaa hedduu galmaa’uu ibseera. 

Haaluma kanaan tarkaanfiiwwan humnoota mootummaa fi hidhattoonni fudhataniin ajjeechaa fi miidhaan qaamaa lammiilee nagaa irratti gahaa jiru yeroorraa gara yerootti hammaachuu eereera. Keessattuu haala walitti bu’iinsa hidhannoo keessatti dhiittaan mirga namoomaa namoota nagaa irratti raawwatamu itti fufuu gabaasichaan ibsameera.

Buqqaatonni naannoo walitti bu’iinsi hammaatee jirutti qubatanii argaman, keessumaa dubartootafi daa’imman, qaama miidhamtootaa fi maanguddoonni hanqina nyaataa fi deeggarsa namoomaa bu’uuraa, danqamuu tajaajila fayyaa fi barnootaa, akkasumas rakkoolee hawaasummaa fi dinagdee biroof saaxilamaa jiraachuu ibsameera. 

Walitti bu’iinsa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti itti fufee jiruun walqabatee dhiittaa mirga namoomaa fi gocha ukkaamsa namoota nagaa irratti raawwatamaa jiru yeroo kamiyyuu caala amma xiyyeeffannoo guddaa kan barbaadu ta’uu gabaasichi hubachiiseera.

KMNI hordoffii fi qorannoo naannolee Amaaraa fi Oromiyaa keessatti taasiseen dhiittaan mirga namoomaa lammiilee nagaa irratti raawwatamaa jiru itti fufuu, inumaayyuu babal’achaa dhufuu akka hubate ibseera. 

Keessummaa naannoo Oromiyaa; godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa, Gujii Lixaa, Shawaa Bahaa, Shawaa Lixaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Kibba Lixaa fi Arsii Lixaa, akkasumas naannoo Amaaraa keessa godina addaa saba Oromoo, godinaalee Gojjam, fi Gondar keessatti dhiittaan mirgoota namoomaa bal’aa raawwatamuu eereera. 

Labsii yeroo muddamaa ji’oota 10f hojiirra ooleen namoonni hedduun yeroo dheeraaf bakka tursiisa idilee fi al-idilee keessatti hidhamanii akka turan eeruun, baay’een isaanii guyyoota fi torbanootaaf eessa buuteen isaanii dhabamee hidhamanii turuu ibseera. 

Hojiirra oolmaa labsii yeroo muddamaa kanaan walqabatee, sababoota “haala yeroo” jedhuun taateewwan namoota nagaa seeraan ala hidhuu, ukkaamsuu fi dhiittaa mirga namoomaa raawwachuu akka mul’ate komishinichi ibseera. 

Akka gabaasichi ibsutti, haala nageenyaa naannoo Oromiyaa waliin walqabatee sababa ‘dhimma yeroo’ jedhuun namoota, keessumattuu miseensota paartilee siyaasaa mormituu, garee finciltoota naannicha keessa socho’u gargaartu jedhuun seeraan ala hidhuu fi sochii daageessuu mul’ateera. 

Mirga socho’uu ilaalchisee, haala nageenyaa kutaalee biyyattii adda addaa keessa jiru hammaachuu fi dhorkiiwwan mootummaan kaa’uun walqabatee sochiin lafarra godhamu baay’inaan kan danqame ta’uu ibsameera. 

Komishinichi bara 2016 ALI buufataalee poolisii 306 fi manneen sirreessaa 52, akkasumas Awaash Arbaa dabalatee bakka tursiisa al-idilee 15 daawwachuun haala qabiinsa hidhamtootaa qorateera. 

Naannolee hunda keessatti hidhaa seeraan alaa, ajaja mana murtii cabsanii namoota hidhaatti tursiisuu fi bakkeewwan al-idilee ta’an keessatti namoota seeraan ala ukkaamsanii dararuun akka mul’ate kan eere komishinichi, haalli kun keessumaa hojiirra oolmaa labsii yeroo muddamaa walqabatee iddoowwan tursiisaa Finfinnee keessa argamanii fi Awaash Arbaatti hammaachuu ibseera. 

Dabalataan, naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Beenishaangul Gumuzii fi Gaambeellaatti sababa walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi hidhattoota gidduu gaggeeffamaa jiruun tajaajilli barnootaa fi fayyaa dabalatee bu’uuraalee misoomaa irratti miidhaan qaqqabuu eereera. 

Komishinichi dhimmoota ijoo bara dhufuuf xiyyeeffannoo barbaadu jedhe keessaa waldhabdeewwan kutaalee biyyattii garaagaraa keessa jiran mariidhaan akka furaman taasisuu, amanamummaa marii biyyaalessaa fi haqa ce’umsaa mirkaneessuu, namoota ajaja mana murtii malee hidhaatti argaman hundi akka hiikaman taasisuu argamu. AS

Related Articles

Back to top button