ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Wixineen seeraa toora kominikeeshinii ajaja mana murtii malee butuu eeyyamu paarlaamaaf dhiyaate

Finfinnee, Waxabajjii 12/2024 – Wixineen qabeenya yakkaan argame kan seeraa fakkeessuu yookiin shororkeessummaa maallaqaan gargaaruu wal qabsiisuun qorattoonni yakkaa ajaja mana murtii malee toftaalee qunnamtii (kominikeeshinii) fi xalayaa butanii akka hordofan eeyyamu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Itoophiyaaf dhiyaate.

Wixineen seeraa paarlaamaatti dhiyaate kun qaamni qoratu ”haalli muddamaa yoo qunname” hoogganaa olaanaa jaarmiyaa Abbaa Alangaa dhimmichi ilaallatu eeyyamsiisuun ajaja mana murtii malee ergaawwan kominikeeshiniifi xalayaa butuu kan dandeessisuu ta’uu BBC’n gabaaseera.

Akka wixinee kanaatti, yakka waliin walqabatee ergaawwan kominikeeshiniifi xalayaa walii ergaman butuu, herreega baankii fi herreegota kaan hordofuu, sirnoota kompiitaraa, websaayitii, akkasumas sarvaroota adda baasuu, akkasumas qorannoon dhoksaa (undercover operation) gaggeessuun maloota qorannoo hojiirra oolanidha.

Labsiin kanaan dura hojiirra oolaa ture ajaja mana murtii malee eyyama abbaa alangee qofaan maloota qorannoo jiran fayyadamuun odeeffannoo walitti qabuu qaama qorannoo gaggeessuuf kan hin eyyamne yoo ta’u, wixineen seeraa amma paarlaamaaf dhiyaate garuu sana kan eeyyamu ta’uu ibsameera.

Qaamni qorannoo gaggeessu toora tajaajila quunnamtii dhiyeessu butuuf gaafatu ‘’gochi butuu kun kan gaggeeffamu eeyyama mana murtii yookiin hooggansa olaanaa abbaa alangeen ta’uu akka mirkaneessuu qabu,’’ dirqamni wixinee seeraa haaraa kanaa irra kaa’ameera.

“Adabbiin maallaqaa quubsaa kan hin taanee fi haalli adabbii barsiisaa kennisiisu danda’u akka hin jirre,’’ kan eere labsiin kun, balleessaawwan raawwatamaniifi adabbiiwwan murtaa’uu qaban irratti fooyya’iinsi akka taasifame ibsa.

Nama qabeenya yakkaan argame seera qabeessa fakkeessuun dhiyeessee kanaanis yakkamaa ta’ee argame irratti adabbiin maallaqaa darbaa ture birrii kuma 100 irraa gara birrii kuma 500 guddateera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Nama yakka akkanaa raawwachuun yakkamaa ta’uunsaa mirkanaa’e irratti adabbiin hidhaa darbaa ture amma waggaa 10 hanga waggaa 15 akka ta’u murtaa’eera.

Yakka shororkeessitoota maallaqaan deeggaruu irrattis adabbiin maallaqaa fi hidhaa walfakkaataan akka darbu murtaa’eera.

Wixineen seeraa kun mana maree bakka bu’ootaatti dhihaachuun koree dhaabbii dhimmi ilaallatuun erga ilaalamee booda mana marichaaf dhiyaatee hojiirra akka ooluuf raggaasifamuu qaba. AS

Related Articles

Back to top button