ODUUSIYAASA

Oduu: Itti aanaan pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Aadam Faaraah haasawaan pireezidaantii Somaaliyaa “dhugaarraa kan fagaate” jedhan

Finfinnee, Adoolessa 21, 2024 – Itti aanaan pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Aadam Faaraah dubbiin pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Muhaammad “soba dhugaarraa fagaate” fi “hariiroo biyyoota lamaan gidduu jiru ilaalcha keessa kan hin galchineedha” jechuun qeeqeera.

Aadam ibsa karaa miidiyaa hawaasaatiin baaseen, ibsi pireezidaantichi baase hariiroofi tumsa biyyoota lamaanii ilaalcha keessa kan hin galchinee” fi “ollummaafi dantaa waloo gaarii biyyoota lamaan gidduu ture kan xiqqeessuudha” jedheera.

Aadam ibsa kana kan baase pireezidaantiin Itoophiyaan tokkummaa Somaaliyaa hin kabajju jechuun Itoophiyaa waliin mari’achuuf fedhii kan hin qabne ta’uu ibsuu horodfeeti. “Marii Ankaaraarraa akka hubannuutti Itoophiyaan tokkummaafi walabummaa Somaaliyaa kabajuuf fedhii hin qabdu,” pireezidaantichatu jedhe.

Muhaammud kana kan jedhe mariin nageenyaa marsaa lammaffaa Ankaaraatti gaggeeffame bu’aa malee goolabamuu hordofeeti.

Waldhabdeen kuni kan uumame jalqaba ji’a Amajjii keessa Itoophiyaafi Somaaliilaand waliigaltee handaara galaanaa mallatteessuu hordofeeti. Somaaliyaan waliigaltee kana mormiteerti.

Aadam hariiroon yeroo dheeraa biyyoota lamaan gidduu turuu ibsuun “namoonni siyaasaa” fedhii uummatoota lameenii akka kabajuun nageenyaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaatiif akka gumaachan gaafateera.

Mariin marsaa lamaffaa tibbana biyyoota lameen gidduutti Ankaaraatti gaggeeffamaa ture bu’aa malee goolabamuun ni yaadatama. Haa ta’u malee, mariin marsaa biraa akka itti fufu mootummaan Itoophiyaan ibseera. AS

Related Articles

Back to top button