Oduu: Jimmaatti weerarri dhibee busaa saffisaan dabalaa jira; Dhiyeessiin dhiigaa fi qorichaa akka guutamu gaafatame
Finfinnee, Sadaasa 14/2024 – Naannoo Oromiyaa godina Jimmaatti weerara dhibee busaa ji’oota jahan darban keessa mudate ittisuuf tattaaffii taasifameen lakkoofsi namoota du’anii hir’achuus, weerarichi dabalaa akka jiru koreen dhaabbii mana maree bakka bu’ootaa ibse.
Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Fayyaa, Misooma Hawaasummaa, Aadaa fi Ispoortii aanaalee godina Jimmaa adda addaatti daawwannaa taasisuun haala weerara dhibee busaa ilaaleera.
Koreen dhaabbii kun aanaalee Saqqaa Coqorsaa, Geeraa fi Gommaatti buufataalee fayyaa filataman keessatti daawwannaa taasiseen weerarri busaa saffisaan dabalaa jiraachuu mirkaneessuu ibseera.
Miseensa koree dhaabbii fi qindeessituun garee kanaa Aadde Amiraa Mohaammad, aanaalee sadan keessatti weerara busaa ittisuuf carraaqqiin taasifamaa ture gaarii ta’uus, gama biraatiin tamsa’inni dhibee kanaa hammaataa dhufuu ibsaniiru.
Daayreektarri Hospitaala Saqqaa Coqorsaa Dr. Saabit Jamaal, aanicha keessatti ji’oota lamaan darban asii lakkoofsi namoota dhibee busaan du’an hir’achaa dhufuus, gandoota tokko tokko keessatti weerarichi sadarkaa hamaarra gahuu ibsan. Dabalataan, dhiheessiin dhiigaa fi qorichaa guutamuu akka qabu himaniiru.
Itti gaafatamaan Biiroo Fayyaa Aanaa Geeraa Muhddiin Jabal gama isaaniin roobni waqtii gannaa yeroo dheeraa turuun isaa weerarri busaa babal’achuu isaatiif sababa ta’uu ibsaniiru. Yeroo ammaa kanas weerara kana hir’isuuf carraaqqiin taasifamaa jiraachuu ibsan.
Weerarri dhibee busaa kun waggoota muraasa darban keessatti godinaalee Oromiyaa harka caalu keessatti babal’achuun lubbuu namoota hedduu galaafachaa jira.
Ji’a Fulbaana 2024 keessa Biiroon Fayyaa Oromiyaa sadarkaa naannootti sagantaa sosochii ittisaa fi to’annoo dhibee busaa kaayyoo hawaasa dadamaqsuu qabate wiirtuulee Jimmaa, Naqamtee fi Shaashamanneetti gaggeessuu ni yaadatama.
Sagantaa kana irratti bakka bu’oonni Ministeera Fayyaa, dhiyeessi qorichaa, abbootii Gadaa fi amantaa, hojii gaggeessitoonni hospitaalotaa, ogeessota fayyaa fi dhaabbileen deeggartootaa hirmaataniiiru.
Hogganaa Itti aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Tasfaayee Kabbabaawu wiirtuu Naqamtee irratti argamuun haasawaa yeroos taasisaniin, akka naannootti namoonni miiliyoona 5.5 ol mallattoo dhibee busaa agarsiisuun qorataman keessaa namoota dhibbeentaa 39 ol (39.4%) dhibeen busaa irratti kan argame ta’uu dubbatanii turan.
Hoggantuu Itti aantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa Sr. Tigist Tafarii gama isaaniin wiirtuu Jimmaa irratti argamuun akka ibsanitti, waqtiin amma keessa jiru tatamsa’ina dhibee busaaf haala mijataa waan uumuuf xiyyeeffannoo guddaan hogganamuu akka qabu hubachiisuun isaanii ni yaadatama. AS